'Addis Standard' hojiitti deebi'uuf waliigalteerra gahuu beeksise

Barruu Addis Standard

Madda suuraa, Addis Standard

Barruun 'online' Addis Standard hojiitti deebi'uuf Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahuu beeksiseera.

Hayyamni maxxansaa jalaa ugguramee ture akka deebi'uuf abbaa taayitichaa waliin waliigaluu ibsa Kibxata baaseen kan hime 'Addis Standard', "akkuma kanaan duraa duudhaa fi naamusa gaazexeessummaa eeguun" hojii isaa akka itti fufu beeksiseera.

Murteen kun marii Wiixata Adoolessa 19/2021 gulaaltota 'Addis Standard' fi aanga'oota Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa jidduutti taasifameen booda dhagaahame.

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa torbee darbe hayyama dhaabbata 'Addis Standard' maxxansu 'JAKENN Publishing' jedhamuuf kenne haquu isaa beeksisee ture.

Sana hordofuunis 'Addis Standard' maxxansa isaa gama marsariitiin jiru yeroof adda kutuu isaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa 'Addis Standard' ajandaa TPLF, kan paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaa jedheenii labse dhaadhessuu, akkasumas jecha 'Humna Ittisaa Tigraay' jedhu fayyadamuu isaatiin hayyama isaa haquu hime.

Abbaan Taayitaa kun boodarra ibsa baaseen miidiyaaleen jechoota 'Humna Ittisaa Tigraay' fi 'Mootummaa Naannoo Tigraay' jedhu akka hin fayyadamne akeekkachiisee jira.

'Hayyama haquun aangoo abbaa taayitichaa miti'

'Addis Standard' ibsa Kibxata baaseen bu'uura seera Miidiyaa Itoophiyaa haraa Labsii 1238/2021tiin hayyama miidiyaa marsariitii ykn 'online' ta'e tokkoo ugguruun aangoo Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaaf kenname keessatti hin eeramne jedhe.

Kunis marii aanga'oota abbaa taayitichaa waliin godheen wal-hubannoorra gahamuu himeera.

Akka 'Addis Standard' jedhutti murteen dhumaa hayyama akkanaa haquu kan boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa miseensota sagal qabuuti. Boordiin kun ammoo amma dura hin hundoofne jedhe.

Kanaafis murteen hayyama 'Addis Standard' ugguruu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa dabarse bu'uura seeraa hin qabu jedhe.

Abbaan Taayitichaa 'Addis Standard' ajandaa TPLF kan paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaa jechuun labse dhaadhessa jechuun ibsi baase 'maqa balleessiidha', seera miidiyaa Itoophiyaas ni faallessa jedhe 'Addis Standard'.

Marii gulaaltonni isaa aanga'oota abbaa taayitichaa waliin taasisaniin, adeemsi hayyamni 'Addis Standard' ittiin uggurame seeraan ala ta'uu aanga'oonni abbaa taayitichaa amananiiru jedha ibsi 'Addis Standard'.

Itti dabaluunis ibsa 'ajandaa dhaabbata shororkeessaa dhaadhessa' jedhurratti sirreeffamni akka godhamus himeera.

Aanga'oonni abbaa taayitichaa waraqaan galmee ykn hayyamni 'Addis Standard' haqamee ture Roobii Adooleessa 21/2021 akka deebi'uuf mirkaneessuu isaaniis beeksiseera.