'Lammiileen Indiyaa waa’ee saal-qunnamtii hin haasa’an - kanaaf ani nan gargaara'

Manneen barnootaa Indiyaa hedduu barnoota saal qunnamtii hin barsiisani, kanaaf maatiin ijoollee isaanii waa’ee wal qunnamtii saalaa fi hariiroo jaalalaa barsiisuun irra jiraata. Garuu yeroo hedduu maatiin akkamiin akka barsiisan hin beekani jechuun leenjistuun wal qunnamtii saalaa Pallavi Barniwaal BBCtti himteetti.

Akkamiin waa’ee wal qunnamtii saalaa leenjisuu akka eegaltee fi mudannoo ishee akkanaan himti:

Maatiinkoo baha Indiyaa bulchiinsa Bihaar keessa jiraatu ture. Akkuma maatilee biroo, dhimmi wal qunnamtii saalaa waan ifatti mari’atamu miti. Abbaa fi haatikoo harka wali hin qaban ykn wal hin hammatani, ta’us hawaasa keenya keessatti jalaallewwan yeroo isaan jaalala isaani qaamaan waliif ibsan hin agartu.

Ani waa’ema wal qunnamtii saalaan wantoota wal qabate hordofuu kaniin jalqabe umuriin koo ganna 14 erga guuteeti.

Guyyaa tokko kitaabota abbaakoo callisee utuun ilaaluu kitaaba wa’ee akkamiin dubartii fi dhiirri wal qunnamtii saalaa akka taasisan himu tokkon arge.

Gaaffii baayyeen qaba ture garuu namni ani haasofsiisuu danda’u hin jiru ture. Anaaf fi hiriyyoonnikoo waa’eema dhimma kanaatti wanta siqullee haasofnee hin beeknu.

Yeroo sanatti, bara 1990’n keessa addunyaa irratti ijoolleen hedduu umuriikoo ta’an waa’ee wal qunnamtii saalaa baruu eegalaniiru, keessumaa mana barnootatti.

Beljiyeem keessatti umurii ganna torba irraa eegalanii waa'ee wal qunnamtii saalaa barachuu eegalu. Indiyaan garuu karikulamii barnootaa ishee keessaa barnoota wal qunnamtii saalaa hin qabdu.

Darbeeyyuu Ministeerri Fayyaa fi Eegumsa Maatii Indiyaa manneen barnoota barumsa wal qunnamtii saalaa akka kennaniif qajeelfama kan baase bara 2018tti ture. Bulchiinsota 29 keessa hedduun isaanii barnoota kana kennuu didaniiru.

Akka gabaasa 'The Times of India'tti shamarran baadiyyaa Indiyaa keessa jiraatan keessaa walakkaa ol waa’ee laguu fi maaliif akka itti dhufu hin beekani.

Umurii ganna 25tti ture ani yeroo jalqabaaf kan wal qunnamtii saalaa taasise, waggaa lama booda yeroon ga’eela maatiinkoo murteessanitti yeroon seenu badaa hin beekun ture.

Galgalli guyyaa cidhakootii galgala bayyee rakkisaa ture jechuun ni danda’ama.

Abbaa manaakootiin ‘durbummaakoo’ qaba jedhee akkan itti himuuf harmeenkoo natti himteetti, kanaaf akka nama qaana’ee fi homaa hin beekne ta’uun cimaa ture.

Seeraan haasofnee hin beeknu, garuu amma mana ciisichaa keessa waliin jirra, anis akka haadha warraatti itti gaafatamummaakoo raawwachuun narra ture.

Anaaf abbaan warraakoo waggaa shan qofa waliin turre. Jalqabumarra nama anaaf hin taanetti herumuunkoo ifa waan tureef, isa waliin walqunnamtii saalaa raawwachuun cimaa ture. Gaa’elli keenyaas ni diigame.

Umurii ganna 32tti haadha hariiroo jalaala hin qabne yeroon ta’etti, dhiibban narra hin jiru ture. Akka dubartii ga’eela hiikteetti ija hawaasaa biratti akka kufaatiitti ilaalaman ture. Magaalaa gudditti Delhii keessa yemmuun jiraadhu hariiroo wal qunnamtii saalaa egeree hin qabne hedduu keessan seene. Hiriyyootnikoo ga’eela qaban gorsaaf na bira dhufu ture.

Hojii daldalaa keessa hojjachaa kanan ture ta’us hojiikoo geeddaruun barbaade. Waltajjii itti namootni waa’ee wal qunnamtii saalaa ifatti haasa’uu danda’anii fi gaaffi na gaafachuu danda’an uumuun barbaade.

Gorsituu wal qunnamtii saalaa ta’uuf barumsa fudhadhee Inistagiraamii gubbaatti fuula banee, namootni gaaffi barbaadan akka na gaafataniif waamichan dhiyeesseefi. Isaan jajjabeessuufis waa’ee mudannoo ofiikootii achirrattin isaaniif qoode.

Milkaa’ina qabaate. Namootni hedduun wal qunnamtii saalaan walqabatee gaaffii qaban adda addaa naaf erguu eegalani. Baayyinaan gaaffiin kan dhufu garuu maatiirraa ture.

Maatiin ijoollee isaanii wa’ee wal qunnamtii saalaa barsiisuun barbaachisaa akka ta’e irratti sagantaa TedTalk irratti waggaa lama dura haasaa taasiseen ture.

Dhooksaatti wal qunnamtii saalaa gaggeessina, garuu hin haasofnu kun eenyunuu hin gargaaru.

Maatiidhaaf gorsa Pallaavii Barniwaal

Ijoolleen keessan maaliif wa’ee wal qunnamtii saalaa baruu akka barbaadan hubachuun eegalaa.

Waa’ee mudannoo ofii keessaniis isaaniif qoodaa, sababiin isaa seenaa maatii isaanii dhaga’uu baayyee barbaadu. Isin nama akkuma isaanii dogoggora uumuu danda’u akka taatan baruu barbaadu. Isin umurii isaanitti gaaffii wal qunnamtii saalaa irratti qabdan turtan isaaniin akka hin qunnamneef ifatti waliin haasa’uu dandeessu.

Yaadaa keessan isaani qoodaa. Kana jechuun ilaalcha ofii keessanii isaanirratti dhiibaa jirtu osoo hin taanee ilaalchi jiran maal akka ta’an baruuf isaa gargaara.

Dhugaa jiru isaanitti hima. Odeeffannoo akka umurii isaanitti isaan barbaachisuu qorachuun itti himaa.