Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi bara jireenyasaa dubartoota 93 ajjeesuu amane ganna 80tti du’e
Lammiin US Saamu’eel Liitil jedhamu kan seenaa Ameerikaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachuun jechuun Biiroon Qorannoo Yakkaa Federaalaa Ameerikaa(FBI) ibse umrii ganna 80tti du’aan boqote.
Liitil hospitaala Kaaliforniyaa kessatti Roobii du’uu muummeen mana amala sirreessaa biyyattii ibse.
Saamu’eel Liitil dubartoota sadii ajjeesuu isaatiin hidhaan umrii guutuu itti muramee ture.
Haata’u malee, wayita du’uutti dhiyaatu dubartoota 93 bara 1970-2005 gidduutti ajjesuu amane.
Liitil namoota balaaf saaxilamoo ta’an, harki caalu dubartoota ,saalqunnamtii madda galii taasifatan(sex workers) fi araada qorichootaa qaban ajjeesuurratti qiyyaafate.
Dorgommii buunyaarratti morkaata kan ture Liitil, namoota miidhe kana abootteen dhahee, morma hudhaa ture- Kana jechuun malattoon akka waraanamu fi rasaasaan madaa’u qaama isaaniirratti otoo hin mul’atiin namoota kana ajjeesa ture.
Lubbuun namoota hedduu wayita darbu balaa tasaa ykn dawaa humna ol fudhachuuni duute jedhamee otoo hin qoratamiin hafaa ture.
Reeffii namoota kaanii otoo hin argamiin dhabamees ture.
Bara darbe FIB’n akka ibseetti, Liitil lubbuu dubartoota hedduu dabarsuu kana amane hundi ’qabatamadha’ jedhee mirkaneesse.
Sana booda suura namoota ajjeessee kan Liitil mana hidhaa keessa suura kaase, namoota ajjeefaman barbaaduuf akka ooluuf gadhiifameera.
Liitil bara 2012 himannaa dawaa seeran ala daddabarsuun dhimma dhimma walqabatuun Kantasiitti qabamuun gara Kaalifoorniyaatti dabarfame ture.
Liitil galme yakkaan hedduu kanneen akka qaawween hidhachuun nama saamuu fi yakka gudeeddiin walqabatus qaba.
Qorannoon qaccee ykn DNA isaarratti gaggeeffame ajjeechaa namoota sadii bara 1987 fi 1989 Losaanjalasitti raawwatame wajjin hidhata qabaachuusaa muli’seera.
Dhaddacha mana murtiitti wayita dhiyaatu balleessaa hin raawwanne jedhee haalaa ture, boodarra garuu balleessaa raawwachuun itti mirkanaa’e yeroo sadiif hidhaan umrii guutuu itti murame.