Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wal'aansi 'durbummaa deebisuuf' taasifamu akka dhorkamu waamichi dhiyaate
Mormitoonni mootummaan yaala "durbummaa deebisuuf" jedhamee taasifamurratti tarkaanfii akka fudhatuuf gaafachaa jiru.
Dubartoonni Musliimaa hedduu abbaan warraa yookiin maatiin gaa'ila dura saal-qunnamtii akka godhanii turan beeknaan hawaasaan ni balaaleffamuu yookiin ajjeefamuu danda'u.
Akkasumas muraasni isaanii filannoo yaalaa kan doktoroonni meembireenii seensa buqushaa irratti haguugan gochuun akka isaaniif deebisan filatu.
Ta'us garuu yaaddoon yaala kana dhorkuu dubartoonni Musliimaa hedduu rakkoof akka saaxilaman taasisan jedhu ni jira.
Qajeelfamni Kaawunsilii Meedikaalaa Waliigalaa akka ibsitutti hayyamamummaan dhukkubsattootaa yaala kana argatanii "yoo dhiibbaa keessa jiran yookiin namoota biroon dhiibbaan irratti godhamaa jiru ta'e" gaaffii keessa galuu qaba jedha.
'Jireenya sodaa'
Haleeleh Xaahirii hundeessituun Dhaabbata hawaasummaafi Dubartoota Baha Giddu Galeessaa BBC'tti akka himettetti, barattuu Moorookoo eega abbaanshee akka ishee ajjeesuuf nama tokko qacaree booda dhokattee Landan keessa jiraachaa jirti jetti.
Eega gara UK bara 2014 imalte booda dubartiin ammatti ganna 26 taate hiriyyaa dhiiraa argattee waliin jiraachaa jiru.
Haa ta'uu malee abbaanshee nama faana jiraachaa jirtu beekee booda akka gara Moorookoo deebitu taasisee mana yaalaa "qorannoo durbummaa" taasise booda durbummaa akka hin qabne beekeera.
Isheenis gara Landan deebitus sodaa abbaanshee bakka isheen jiraattu beekuu danda'a jedhu keessa jirti.
Barsiiftuu ganna 40 dhalattuu Moorookoo kan taate yaala kana yeroo ganna 20'oota keessa jiru dirqiidhaan akka taasiftu godhamtus ijoolleen ishee waan isheen keessa dabarte akka godhan amansiisuuf akka itti ulfaate BBC'tti himteetti.
"Waan akkanaa abadan ijoollee kiyyarratti hin raawwadhu. Akka itti bilisan ta'an barsiisuunii yaala."
Galgala guyyaa cidhaa
Yeroo ammaatti UK keessatti manneen yaalaa dhuunfaa baqaqsanii yaaluun deebisanii gogaa haphii qaama saalaa dubartii haguuguu gaggeessan 22'tu jiru.
Yaala baqaqsanii yaaluu sa'aatii tokko fudhatuuf £3,000 kaffalchiisu.
Falmattoonni mirgoota dubartootaa manneen yaalaa akkanaa dubartoota Musliimaa sodaa guyyaa cidhaa uumamuu danda'uf jecha isaan bira deemanii yaala argatan irraa maallaqa guddaa argataa jiru jedhu.
Hedduunsaanii adeemsa yaala marsariitii isaaniirratti Giddu gala Gynae waliin ta'uun dubartoota marsariitii isaanii mil'ataniif akka ibsanitti gaa'illi muraasni eega abbaan warraa haati warraasaa durbummaa hin qabne beekee booda "gaa'illi muraasni diigameera" jedha.
BBC'n manneen yaala dhuunfaa kanneen dubbisuuf yaaluuf deebii hin arganne.
'Bartee hamaa'
Barreessaan Fayyaa Maat Haankok akka itti "bartee hamaa" kana karaa dhaabsisuun danda'amutti qorannoo gaggeessuf akka ta'u ibseera, ta'us garuu Dippaartimeentiin Fayyaa akka itti qoqobbiin kun hojiirraa oolurratti yaada hin kennine.
Adde Haleeleh Xaahirii garuu akkas jette: "Yaalii kun karaa seera qabeessaan hin dhorkamu taanaan shamarraan hedduu du'uu danda'u."
Dr Kaaliid Kaan mana barnoota Fayyaa Dubartootaa Baartis fi Mana barnootaa Meedisiinii Landanitti piroofeesar kan ta'an yaala kana dhiheenyatti kan beekan akka jedhanitti qoqqobbiin kun "deebii sirrii miti" jedhan.
Dabalataanis "odeeffannoon sadarkaasaa eeggate" dhukkubsattootaaf yoo kenname murtee dubartootaaf dhiifamuu qaba.
"Eegumsi doktorootaa miidhaa dhufu hambisuuf akka ta'e nan amana, " jedhan.
'Bu'aa hin qabu'
Haa ta'uu malee Dr Naa'oomii Kirooch dura teessuu 'British Society for Paediatric and Adolescent Gynaecology' shamarraniifi dubartoota yaala "bu'aa fayyaa tokkollee hin qabnetti" akka taasisan amansiifamuu isaaniitti ni yaadda'u.
"Itti gaafatamummaan doktoraa qajeelfamaan kaa'ameera," jette.
"Nuti ogeeyyiin fayyaa waadaa gaafa eebbifamuu gallee oliifi dhukkubsattoota keenya irratti miidhaa geessisuu dhabuufi wanni hojjannu rakkoodhaaf kan isaan saaxilu ta'uu hin qabu."
Dr Kooliin Meelviilee GMC'tti meedikaal daarektaraafi daarektara barnootaafi sadarkaa yoo ta'an doktoroonni "dhukkubsattooti rakkoo xiinsammuuf akka hin saaxilamneef dursa kennuu qabu jedhan.
"Yoo dhukkubsataan yaala kana argachuuf namoota biraatiin dhiibamee hayyamamaa miti jechuudha.
Yoo doktorri sun daa'imni yookiin nama dargaggeessi yaala argachuu hin barbaanne yaala kennu san dhiisuu qaba" jedhan.
Falmattoonni mirga dubartootaa dhiibbaa yeroo dheeraa yaaliin kun fiduu danda'u hedduminnaan hin beekamne jedhu.
Akkasumas yaala kanaa booda dubartoonni gargaarsa xiinsammuu gahaa ta'e argachaa hin jiran jechuun yaaddoosaanii ibsu.
Aadde Haleeleh akkas jedhan: "Dubartoonni muraasni akka meeshaatti malee akka dhala namaatti of hin ilaalan.
"Dubartoota Musliimaa wanti yaala kana taasisaniif kan godhu miira qaaniifi sodaa adabbiiti.
"Isaaniif kun qaamasaaniitti gammadoo ta'uu dhabuu, waan hawaasni sirri jedhee itti hime fudhachuusaaniti."