Fayyaa dubartootaa: 'Dhukkubbii ciniinsuu sodaadheen oppireeshiniin dahe'

Ragaan qabatamaan lakkoofsaan deeggarame argamuu baatus odeeffannoon dhaabbilee fayyaa irraa bahan dubartoonni ciniinsuu uumamaa caalaa, baqaqsanii hodhuu ykn 'C-Section' dahuu filatan heddummataa jiru.

''Waggaa shan dura kanin oppireeshiniidhaan dahe jaaladheen miti.'' Baatii sagal guutuu nagaan dabarsee, boodarra garuu yeroon itti dahuu qabu dabarraan wal-aansa baqaqsanii hodhuun dahe jetti Muluu Asaffaa.

Muluun daa'ima ishee lammataa waggaa shan dura yaalii baqaqsanii hodhuun deesse. ''Yeroon dahumsa koo eegnaan, eegnaan isa hakiimonni torbee 36-40 dahamuu qaba jedhan darbee torbee 42 gahe,'' jetti.

Qoricha ciniinsuu ariifachiisuu naa kennani, isaan illee didnaan gara baqaqsanii hodhuutti galanii jetti.

Sababii kanaan yaalii baqaqsanii hodhuun da'uuf akka dirqamte dubbatti, daa'ima ishee jalqabaa garuu 'ciniinsuudhaan' dahee jetti.

Yaalii baqaqsanii hodhuurra ciniinsuudhaan dahuu akka filattus nutti himteetti.

''Yeroon ciniinsuudhaan dahe sa'atii dheeraa narra hin turre, dhukkubbiis hin qabu ture'' inni kuni garuu qorichi inni miixuudhaaf jedhamee kennameyyuu baay'ee na miidhe ergan dadhabee booda gara yaaliitti na galchan'' jetti.

Namaaf salphaadha jedhama malee anaaf garuu dhukkubbiinsaa ergan dahee boodayyuu akkuma nama dhukkuba biraaf yaalametti na dhukkube jetti.

Miixuun waan nama dhiphisu yoo qabaateyyuu isa booda garuu, ''akka barbaadde sochoota, akka barbaadde daa'ima kee hoosifatta jetti.

Fuulduratti otoon daa'ima biraa argachuu barbaadee rakkoon sun natti dhufinnaa kan jedhu na ''sodaachisa'' jetti Muluun.

Yaada isa haadholiin yaalii baqaqsanii hodhuun dahan akka warra ciniinsuudhaan dahanii mitii 'daa'ima hin mararfatanii jedhamuutti walii hin galtu.

''Ani inumaayyuu daa'imni yaalii baqaqsanii hodhuun dahe yeroon qoricha miixuu hir'isu fudhadhe sana na faana waan rakkatte gatii natti fakkaatuuf nan ishee mararsiifadhaa ijoollee koo yoon wal hin caalchisneyyuu" jetti.

''Ciniinsuu sodaadheen oppireshiniin dahe'

Gama biraan, jiraattuun magaalaa Finfinnee maqaa koo miidiyaatti hin baasiinaa jette, ''yeroon ijoollee koo dahe ciniinsifachuuf fedhii hin qabu ture sababiinsaa immoo waanin sodaadhuufi,'' nuun jetteetti.

Hiriyyaan koo yeroo miixattu argee sammuu koo keessaa baduu didee, otoo hin heerumiinan oppireeshiniidhaan dahuu yaadee, yeroo haadha tahutti dhufu immoo filannoo isa kanatti murteessse jetti.

Haa tahu malee, daa'ima koo jalqabaa yeroon ulfa ture hakiimii kootti ji'a sadaffaarraa jalqabee oppireeshiniidhaan akkan dahuu barbaadu yoon itti himeyyuu rakkoo daa'imaafi siin miidhuu danda'u yoo jiraate malee akkasumatti dahuun hin danda'amu naan jedhe ture jetti.

''Jiini gahee dahuuf yeroon deemu, marfeen ciniinsuu ariifachiisu naa kennameyyuu mucaan dhufuu didnaan, sababii kana barreessanii oppireeshiniidhaan dahe,'' jetteetti.

Hanga ciniinsuun dhufutti hin eegu, yeroo ji'a sagal xumuru guyyaa murteesseen deemes jetti.

''Daa'ima koo lammataa yoo dahu, akka boruu dahuuf akka har'aa guyyaa guutuu waajjiratti hojii koo hojjechaa ooleen, ganama sa'atii 2:30 irratti beellama hakiimiin naaf qabate eegeen hospitaala deemeen sa'atii 4:35 irratti oppireeshiniin raawwate,'' jetti.

''Ijoolleen koo dubaraa lamaan, kan waggaa torbaafi sadii dhibee tokkooyyu hin qabanii fayya-buleessota dha'' jetti.

Isa ''haati daa'ima ishee ciniinsuudhaan deesse irra mararsiifatti'' waan jedhu nan dhagaha garuu kuni tasumaa dhugaa natti hin fakkaatu jetti.

''Oppireeshiniidhaan dahuun battala sanatti sin dhukkubiiniyyuu malee madaan oppireeshinii dafee hin badu, dabalataan immoo daa'ima kee ji'a sagal guutuu baatteef jaalalli kee hin hir'isu.''

Abban warraa koo garuu duraan ''ciniinsuudhaan dahuutu wayyaa, oppireeshiniin booda rakkoo fiduu danda'a naan jechaa ture,'' boodarra garuu lamaan keenyi isan ciniinsuudhaan rakkadhu yaannee waliigallee oppireeshiniidhaan dahee jetteetti.

Hakiimoonni maal jedhu?

Dr Yohaannis Amsaaluu Hospitaala Fiicheetti ogeessa baqaqsanii hodhuu balaa tasaafi da'umsaati.

Taa'umsi mucaa akka malee tahuu, ukkaamamuufi daa'imni yeroo malee yoo dhufu rakkoo daa'ima irra gahu hambisuuf dubartiin tokko karaa baqaqsanii hodhuun yaaliin taasifamuufi danda'a jedhu.

Akkasumas haati rakkoo dhiphina gadameessaa yoo qabaatte yaalii kanaan deesisuun dirqama taha jedhan.

''Yaalii faayyaadhaan barbaachisummaan isaa otoo itti hin amanamiin dubartiin tokko fedhiidhumaan yaalii baqaqsanii hodhuu gatii barbaaddeef hin hojjeetamuuf'' jedhu.

Yoo isheen daa'ima jalqabaa baqaqasanii hodhuun deesse qofa isa lammaffaa fedhiisheen baqaqsanii hodhuun dahuu dandeeessi jedhaniiru.

Haa ta'u malee magaala Finfinnee keessa dubartoonnii dhaabota fayyaa dhuunfaa keessatti fedhii isaaniin dahan ni jiru, dhaabbata mootummaa keessatti garuu kuni hin taasifamus jedhaniiru.

Sababiinsaa immoo Waliigalteen Fayyaa Biyyaalessa ulaagaa baqaqsanii hodhuun itti kennamu keessaa ''fedhii haadhaa hin tarreessine.''

"Yaalii baqaqsanii hodhuu kuni nama fedhiisaan dhufe hundaaf yoo hojjetame baasii isaa biyyattin sadarkaa dandeessurra miti kan jirtu" jedhaniiru.

Biyyoota guddatan keesstti garuu fedhii isaaniin karaa baqaqasanii hodhuun ni dahu.

Yeroo baay'ee dubartoonnis ciniinsuu sodaadha kan isaan yaalii kana filatanis jedhaniiru.

'Ciniinsuun hamma lafee jajjabaa qaamaa 7 cabsuuti'

Namooti yaalii baqaqsanii hodhuun yoo dahan qorichi hadoochaa waan kennamuuf battala sanatti dhukkubbiin itti hin dhagahamu.

Erga kutaa wal'aansaatii bahaniin booda garuu madaa waan taheef isaan dhukkubuu danda'a jedhu Dr Yohaannis.

Akka qorannoowwan saayinsii mul'isanitti ciniinfachuun ''lafee qaama keenyaa jajjabaa ala tokkotti hanga caccabsuuti'' kanaaf dhukkubbiin ciniinsuufi kan baqaqsanii yaaluu tasumaa wal bira qabamee hin ilaalamu sababiinsaa dhukkubbiin ciniinsuu baay'ee guddaa waan taheefi jedhaniiru.

Haadholiin karaa baqaqsanii yaaluun dahan jaalalliifi hariiroon mucaa isaan gidduu jiru ni hir'ataa amantaan jedhu, ''ilaalcha barteen jedhamu malee saayinsiidhaan waan mirkanaa'e hin qabu" jedhaniiru.

Dubartoonni yeroo baay'ee erga ciniinsifachuu jalqabanii dhukkubbiin gaafa itti cimu oppireeshinii gaafatu.

Keessumaa, warri yeroo jalqabaaf mucaa godhachuuf jiran oppireeshinii nuuf hojjedhaa jedhanii ni gaafatu jedhan Dr Yohaannis.

Gama biraan immoo, baqaqsanii hodhuun daa'imaafis tahe haadhaaf barbaachisaa tahee yaalii baqqasanii hodhuu hojjechuu qabna yeroo jennu haadholii ''hin barbaannu'' jedhan jiru, ''irraa hafuu hin danda'ufaa,'' jedhanii didus jedhaniiru.