‘Waraana Tigiraayif fala siyaasaa barbaanna’ – Jeneraal Tsaadqaan G/Tinsaa’e

Gaggeessaa humna waraanaa Tigiraay ta'uun isaanii kan amanamu Jeneraal Tsaadqan GabraTinsaa'e, dhukaasa dhaabuu waliigalteerratti bu'uureffate uumuuf fedha qabaachuu Rooyitarsitti himan.

''Rakkinichaaf fala siyaasaa barbaadna, hawaasni addunyaa kana akka hubataniin fedha. Filannoo yoo dhabne garuu tarkaanfii waraanaatiin fala barbaanna,'' jedhanii Rooyitarsitti himan.

Jeneraal Tsaadqaan iddoo hin ibsamnerraa Rooyitarsitti bilbilaan af-gaaffii wayita taasisan waraana Tigiraayiif fala siyaasaa akka barbaachisu eeran.

Mootummaan Federaalaa torban darbe naannoo Tigiraay keessaa loltoota baasuudhaan, dhukaasa addatti dhaabuu labse.

Gama biraatiin, TPLF torban darbe gara xumuraatti haalduree dhukaasa dhaabuuf barbaachisan qabxiilee torba tarreessee ture.

Dhaabbileen idil-addunyaa mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuusaa akka kallattii gaarii qabatetti fudhachuu kan ibsan wayita ta’u, dhukaasa dhaabuun gara walitti bu’iinsa ture guutummaatti goolabuutti akka geeddaramu waamicha dhiyeessan.

Ji’a Onkoloolessaa keessa humnootiin TPLF Ajaja waraana Kaabaa haleeluu kan beeksise mootummaan Federaalaa, loltoota naannichatti bobbaasuun walwaraansi lubbuu namoota kumaatamatti lakka’aman dabarse gaggeeffameera.

Dhiyeenyatti immoo mootummaan Itoophiyaa magaalaa Maqaleetii loltoota isaa baasuun murtoo siyaasaa ta’uu ibsee ture.

Ganni kun waqtiin hojiiwwan qonnaa itti hojjataman ta’uu eeruun akkasumas, gargaarsi namoomaa akka raabsamu, waraanni dhimma biyyaleessa biraarratti akka xiyyeeffatuufi sababoota biroo mootummaan tarreesseera.

Humnoonni Tigiraay immoo gama isaaniitiin, loltoota injifatanii magaalaa guddoo naannichaa Maqaleefi magaalota biroo kaanis to’achuu beeksisanii turan.

Hawaasni addunyaa garuu gartuun waldhabbii keessatti qooda qaban lamaan isaanii gargaarsi namoomaa akka raabsamu haala mijataa uumuu akka qaban waamicha dhiyeessaa turan.

TPLF haal-duree dhukaasa dhaabuf kaawwate keessaatti, loltoonni Eertiraafi hidhattoonni naannoo Amaaraa Tigiraayii bahuun, iddoo waraanaan dura turanitti akka deebi’an waamicha kan dhiyeessan keessatti argama.

Ji’oota darban waraana gaggeeffame hordofee naannicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaaa raawwatame qaama walabaatiin akka qoratamu TPLF gaafateera.

Kana malees, bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka bilbilaa, ibsaafi balaliin xiyyaaraa adda cite akka deebi’ee eegalamu gaafatan. Jeneraal Tsaadqan turtii Rooyitars waliin taasisan keessatti MM Abiy Tigiraayitti injifatamuu amanan malee waraanni ittifufa jedhanii turan.

Itti dabaluun mootummaan itti yaadee gargaarsi naannicha akka hin qaqqabne gufachiisaa jira jedhanii himataa turan.

Magaalaan Maqalee to’annoo humnoota TPLF harka seenuun erga ibsame booda gargaarsi naannicha seenuu akka hin dandeenye kan ibsame yoo ta’u, mootummaan Federaalaa gargaarsi akka hin rabsamne danqaa hin uumne jedhe.

Jeneraal Tsaadqaan loltoota 8,000tti dhiyaatan humnootiin Tigiraay booji’uu himan.

Dubbii himaan Daarektoreetii Waraana Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adanee lakkoofsichi olkaafamee dhaadheffame kan himamedha jedhanii turan.

Ministirrii Muummee Abiyi Ahimad yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummaataatti waraana naannichaa hambisuuf furmaata karaa nagaa akka barbaachisu kaasaniiru.