Waraana Tigraay: 'Humnooti TPLF gara Lixa Tigraay socho'aa jiru', naannoon Amaaraa 'ofirraa ittisuuf qophiidha' jedhe

Humnootiin finciltoota naannoo Tigraay milishoota naannoo Amaaraa waliin waraana haaraa eegaluuf qophaa'aa jiraachuu gabaasaaleen mul'isan.

Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyehu Tashaagar gama isaanitiin, ''haleellaa garee shororkeessaa TPLFn raawwatamu ofirraa ittisuuf naannon Amaaraa qophiidha'' jedhaniiru.

Obbo Aganyahu itti dabaluunis haleellaa Humnootii TPLFn qaqqabuu malan kamuu ofirraa qolachuuf ''dandeettii guutuu fi qophii qabna'' jedhan.

Pireezidantichi humna addaa fi milishaa isaanii qophii taasisuu EBC gabaaseera.

Lola Sadaasa darbe humnoota Tigraay fi Raayyaa Ittisa Biyyaa mootummaa federaalaa jidduutti eegale hordofuun gama Kibbaa fi Lixaan bakkeewwan naannoo Tigraay jala turan kan humnooti naannoo Amaaraa to'annoo jala galfatan jira.

Torbee darbe mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu labsuun naannoo Tigraay keessaa waraana kan baase yoo ta'u, TPLF Maqalee dabalatee magaalota hedduu to'atee jira.

Konkoolaataawwan loltoota TPLF fe'an hedduun gara gama Lixaan gara lafa humnoonni Amaaraa to'atanii jiranitti imalaa jiraachu Tigraay irraa namoonni ijaan argineerra jedhan gaazexaa UK Gaardiyaanitti himaniiru.

Humnoonni naannoo Amaaraa loltoota mootummaa federaalaa kan torban darbe keessa addatti dhukaasa dhaabuu ofiin labsuun, magaalaa guddiittii naannoo Tigraay Maqalee fi magaaloota biraa gadhiisee baheen, deeggaramu.

Mootummaan federaalaa sababoota dhukaasa dhaabuu itti labse keessaa, inni duraa deeggarsi namoomaa naannichatti namoota barbaadaniif danqaa tokko malee akka qaqqabu gochuu fi yeroon waqtii qonnaan bulaan itti hojii qonnaa raawwatu waan ta'eef akka ta'e ibse.

Kana malee badiinsi dabalataa akka hin qaqqabneef naannicha keessaa bahuuf murteessuu MM Abiy Ahimad himaniiru.

Humnoonni TPLF garuu injifannoo lola irratti argataniin naannicha deebisanii qabachuu himu.

Tigraay - dhimmoota bu'uuraa

  • Erga 1994 kaasee, Itoophiyaan naannoolee 10 kan heera mootummaa biyyatii keessatti saba bu'ureeffachuufi akka bulchiinsa ofiin of bulchuutti ibsamaniin caasseeffamte.
  • Mormii irra caalaa dargaggoo Oromootiin gaggeeffameen, Abiy Ahimad aangoo qabachuun rifoormiiwwan gaggeessuu eegale.
  • Qondaaltonni siyaasaa ciccimoon naannoo Tigraayis sirna federaalaa diiguuf yaalaa jira jechuun MM Abiyyiin himatan.
  • Itti aansees erga finciltoonni Tigraay buufata waraanaa Kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda, raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa deeggarsa loltoota Ertiraatiin Sadaasa 2020 keessa naannichatti tarkaanfii fudhachuu eegaluun ammoo waldhabdee qaamoolee lamaan jidduu ture caalatti hammeesse.
  • MM Abiy ammoo dhuma Sadaasa 2020tti waraanni xumuramuu labsanilleen, garuu waraanni hanga dhiheenyaatti dabalee itti fufee ture.

TPLF hanga humnooti Amaaraa, loltoonni federaalaa fi kan Eertiraa daangaa Tigraay guutummaatti gadi dhiisanii bahaniitti lola akka itti fufanis ibseera.

Mootummaan federaalaa rakkoo Tigraay mariin furuuf fedhii akka qabu agarsiisullee, humnootii Tigraay labsii dhukaasa dhaabuu fudhachuun dura haal-dureewwan qabxii gurguddaa torba qaban lafa kaa'aniiru.

Pirezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Aganyahu, tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu mootummaan federaalaa labse dhiibbaa fi rakkina yeroo dheeraan qaqqabuu kan hambisuudha jedhaniiru.

Humnooti Tigraay haleellaa raayyaa ittisa biyyaa irratti Sadaasa 4, bara 2020 raawwatan jedhame hordofee lola dhalateen, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamanii, miliyoonaa ol ammoo bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'aniiru.