Indiyaatti gatiin gabbaraa waggootaaf hin daballes, hin hir’isnes - qorananoo

Madda suuraa, HINDUSTAN TIMES
Gatiin gabbaraa gandoota Indiyaa waggoota kurnan dabraniif hin jijjiramne jechuun qorannoon Baankii Addunyaa beeksise.
Gaa’ela baadiyaa Indiyaa 40,000 bara 1960-2008 adeemsifame irratti qorannoo taasifameen, gaa’ela harka 95 keessatti gabbarri kaffalameera.
Gabbarri garuu Indiyaa keessatti bara 1961 irraa qabee seeraan ala taasifamee ture. Gabbarri bartee badaa dubartoota haleellaa mana keessaa hanga du’aattii saaxiludha jedhu.
Gatii gabbaraa fudhachuu fi kaffaluun duudhaa jaarraa baay'ee Eeshiyaa Kibbaa yoo tahu, maatiin misirrittii maallaqa, uffataa fi faaya adda addaa maatii misirrichaaf kennu.
Qorannoon kun naannolee Indiyaa 17 keessatti kan hojjetame yoo tahu, uummata Indiyaa keessaa harka 96 bakka bu’a.
Kunis hawaasa baadiyaa irratti kan inni xiyyeefate, uummanni biyyattii baayyeen ammallee baadiyyaa gatii jiraataniifi.
Ogeessoti diinagdee S Anukriti, Nishith Prakash and Sunghoh Kwon jedhaman odeeffannoo gatii kennaa gabbaraa, qarshiifi waan gaa’elaaf kenname fayyadaman.
Qorattoonni garaagarummaa gatii kennaa maatiin misirrittii kan misirrichaaf kennaniifi kan maatiin misirrichaa, misirrittiif kennanii hubachuu yaalan. Haala kanaan maatiin misirrichaa gaa’ela muraasa keessatti qofa gatii gabbaraa irra caalaa kaffalan.
Bu’aan qorannoo kanaa garaagarummaan gatii gabbaraa yeroo dheeraa keessatti otoo hin dabaliiniifi hin hir’isiin turuu agarsiisa jedhu qorattoonni. Bara 1975 hanga 2000 qofa dabalee ture.
Maatiin misirrichaa gidduugalaan kennaa maatii misirrittiif kennaniin qarshii biyyattii, ruuppii 5,000 ykn doolaara 67 baasu.
Gatiin gabbaraa maatiin misirrittii baasan garuu dachaa torba, doolaara 429 ykn immoo ruuppii 32,000 dha. Garaagarummaa gatii maatii misirrichaaf misirrittiif kaffalamu gidduu jiru ruuppii 27,000 ykn doolaara 361 dha.
Gatiin gabbaraa qusannaa qashii maatii tokkoo harka guddaasaa fudhata. Bara 2007tti gatiin gabbaraa galii maatii harka 14 tahan waliin qixxee tahee ture.
‘’Hammi gatiin gabbaraa galiin gidduugalaa baadiyyaa waan dabaleef hir’iseera,’’ jedhama jedhu Baankii Addunyaatti ogeessa diinagdee kan tahan Dr Anukriti.
‘’Tahus gatiin gabbaraa maatii tokko isa kaanirraa hangam akka caalu shallaguuf galiifi baasii maatii baruun barbaachisa garuu odeeffannoon akkasii hin qabnu,’’ jedhan.
Gaa’el Indiyaa
· Gaa’elli baayyeen haadha warraa tokkoofi abbaa warraa tokko dha.
· Wal-hiikuun %1 gadi dha.
· Haadha warraa/abbaa warraa filachuu irratti maatiin iddoo guddaa qabu. Gaa’ela harka 90 ol bara 1960-2005 dhaabbateen maatiitu filate.
· Haati warraa fi abbaan warraa harki 90 gaa’ela booda maatii abbaa warraa waiin jiraatu.
· Dubartoonni harki 85 nama ganda isaaniin ala tahetti heerumu
· Gaa’elli harka 78.3 naannoo tokko keessatti raawwatama
Indiyaa keessatti bara 2008 hanga ammaa waanti baayyeen geeddarameera. Haa tahu malee akka qorattoonni kunneen jedhaniitti gama gatii gabbaraatiin garuu jijjiiramni caasaa adda tahe kan gabaa gaa’elaa, seeraafi kaanii hin jiru.
Qorannichi gabbara kaffaluun amantiiwwan Indiyaa hunda keessa jiraachuu hima. Kanneen amantii Kiristiyaanaafi Siik hordofan kan warra Hinduu fi Musliimaa caalaa gatii gabbaraa kaffalu.
Gama biraan yeroo keessatti garaagarummaa naannoo dhaa naannootti uumame dha. Naannoon kibbaa Kerlaa jedhamtu bara 1970 irraa qabee ‘gatii gabbara irratti daballi guddaa agarsiisteetti.
Yeroo dhihoo asittis gidduugalaan gatii gabbaraa guddaa galmeessiteetti. Naannolee Orissaa, Dhiha Beengaal, Taamiil Naaduufi Mahaaraashtraa jedhaman keessatti gatiin gabbaraa giddugaleessaan hir’iseera.
Garaagarumma kana deebii akkas jedhamu hin qabnu fuulduratti garuu ni hubanna jenna jedhu Dr Anukriti.
Waraqaa qorannoo baatii Amajjii keessa maxxanfameen ogeessonni diinagdee Gaurav Chiplunkar and Jeffrey Weaver gaa’elli 74,000 Indiyaatti raawwate gatiin gabbaraa yeroo dhaa yerootti akkatti jijjiirame agarsiisa.
Qorattoonni kunneen gatiin gabbara gaa’ela waggoota 1930 and 1975 dachaa kan dabale yoo tahu, gatiin kuni gidduugalaa gatii wantoota biraan waliin yoo dorgoomsiifamu immoo harka sadii dabaleera. Tahus bara 1975 irraa qabee hammi gabbara kennamuu gidduugalaan hir’isee jira.
Akka tilmaama qorattoota kanaatti gatiin gabbaraa Indiyaa bara 1950 hanga 1999 jiru nuusa doolaara tiriiliyoonaati.














