Afriikaa Kibbaatti wixiineen seeraa dubartiin dhirsa baay'eetti haa heerumtu jedhu mormiin mudate

Suuraa keekii cidhaa misirrittii fi misirroota agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Wixinee mootummaan Afrikaa Kibbaa dubartiin tokko al-takkaatti abbaa manaa baay'ee akka qabaattu eeyyamuuf baase- hawwaasa aadaa leellisan biraatti mormii kaase.

Waan kun pirofeser Koolis Machokoo dhimma kana irratti qorataa kan ture hin ajaa'ibne.

Kaayyoon isaa ''waa'ee to'annooti,'' jechuun BBCtti hime. ''Afrikaanotni wal qixxummaa dhugaaf qophii miti. Dubartii to'achuu hin dandeenye maal gochuu akka qabnu hin beeknu.''

Afrikaan Kibbaa adunyaa irraa biyya heera mootummaa walaba tahe qabdu yoo tahu, gaa'ela saala wal fakkaataa namoota hundaafi dhiirotni haadha manaa baay'ee akka fuudhan eeyyama.

Abbaan qabeenyaa fi TV irratti beekamu Muusaa Miseleku- haadha warraa afur kan qabu yoo tahu, gama biraan namoota wixinee dubartiin tokko al takkaatti abbaa warraa baay'ee akka qabaattu morman keessaati.

'' Kun aadaa Afrikaa balleessa. Ijoolleen jara kanaa akkam tahu? Akkamittiin eenyummaa isaanii baru?'' jechuun gaafate Miselekuun.

Ofii,''Dubartiin amma gahee dhiiraa fudhachuu hin dandeessu. Kun dhagahamee hin beeku. Dubartiin amma dhiira tokkotti heerumuuf gatii fuudhaa [gabbara] warra dhiiraaf ni kaffaltii? Dhiirri ammoo maqaa maatii isheetti waamama jedhamee yaadamaa?''

Icciitiin warroomuu [tokkoomuu]

Pirof Machokoo waa'ee dubartiin abbaa warraa baay'ee qabaachuu biyya dhaloota isaa ollaa jirtu Zimbaabuwee keessatti qorannoo gaggeessera. Dubartoota 20 fi abbaa warraa waliinii isaanii 45 jireenya akkasii qaban dubbise.

Gaa'illi akkasii safuu hawwaasaa kan cabsee fi seeraanis beekamtii kan qabu tahuu baatus.

'' Abbaa warraa baay'ee qabaachuu 'polyndary' hawwaasaan waan mormameef, dhoksaan gaggeeffamaa jira. Dhoksaan isaa falaasama 'freemasons' jaalala obbolummaa jedhu waliin wal fakkaata.''

Yeroo namni isaan hin amanne yookaan hin beekne isaan mormu, gaa'ilumti akkasii jiraachuu isaayyuu ni haalu. Kuni hunduu ari'atama yookaan miidhaa irra gahuu malu sodaa irraa kan ka'edha.''

Musa Mseleku haadha warraa isaan marfamee

Madda suuraa, Musa Mseleku

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa TV kan beekamu Muusaa Miseleku haadha warraa afur qaba(gidduuC] polyndary ammoo ''farra Afrikaati'' jedhe

Qorannoo Pirof. Machoko keessatti namootni hirmaatan hundinuu qofaa jiraatu. Garuu polyandry' yookaan abbaa warraa baay'eetti warroomaniiru. Walii isaanii gidduutti iftoominaan himu.

"Haati warraa tokko yaada abbaa warraa qabaachuu keessa kan galte yeroo kutaa jaha barattu [umuriin ishee ganna 12] turedha. Kunis mootiin kaannisaa tokko gaagura keessatti qofaashee akkamiin kaannisa kormaa hedduu akka keessumeesitu erga baratteeti,'' jedhe pirof Machokoon.

Erga guddattees dhiira garaagaraa baay'ee waliin wal qunnamtii saalaa gaggeessaa turte. Hundi isaanii ammoo wal beeku.

''Abbaa warraa sagal qabdu keessaa arfan isaanii jaalalleeshee duraanii arfan keessati.''

Dubartiin hariiroo dhiira baayyee waliin qabud kan jalqabu dubartii sanadha. Dhiirotni akka garee abbbootii warrasheetti makaman afeerti. Gariin isaanii gabbara kaffaluuf. Gariin ammoo waan ittiin jiraattuuf kaffaluuf.

Yoo abbaan warraashee tokko hariiroo isheen warra kaan waliin qabdu jalaa jeeqe isa dhiisuuf aangoo qabdi.

Piroof. Machookoon namni dubbise tokko akka jedhetti waan murteessaan jaalala waan taheef abbootii warraashee keessaa tokko tahuuf waliigalan. Haadha warraa isaanii dhabuu akka hin barbaanne himan.

Dhiirotni gariin isaanii ammoo haadha warraa isaanii saal-qunnamtiin gammachiisuu waan hin dandeenyeef akka wal hin hiikneef jecha abbaa warraa biraas akka qabaattuuf eeyyamuu akka filatan himu.

Sababni biraan ammoo dhala godhachuu dadhabuudha. Dhiirotni tokko tokko dhiira gara biraa irraa akka dhala godhattuuf haadha warraa isaaniif eeyyamuu himan.

Lubootni ni rifata

Pirof Machokoon gaa'illi dubartiin tokko dhirsa baay'ee qabdu kun Afrikaa Kibbaa keessa jiraachuu isaa hin beeku ture. Hanga aktivistootni mirga koorniyaa, mootummaan gaa'ila akkasii seera qabeessa akka taasisuuf gaafatanitti jechuudha. Kunis dhiirri tokko haadha warraa baay'ee akka qabaatu seeraan waan eeyyamameef wal-qixxummaa mirkaneessuuf jecha kunis akka eeyamamu gaafatan.

Women's Legal Centre
We cannot reject law reform because it challenges certain patriarchal views in our society"
Charlene May
Women's Legal Centre
1px transparent line

Wixineen isaanii kun dookimantii 'Green Paper' jedhamu keessatti dabalameera. Wixinee kana akka uummatni yaada irratti kennuuf kan ifa godhe yoo tahu, seera gaa'ilaa erga bulchiinsi warri adii xumurame 1994, qabee biyyattii keessa ture jijjiiruuf qophaa'e keessatti hammatameera.

''Waan yaadatamuu qabu wixineen 'Green paper' kun mirga dhala namaa waan deeggaruuf ija keenya irraa hin kaasnu,'' jette gidduugala Seeraa dubartootaaf falmu irraa, Chaarleenee Meey.

''Haaromsa seeraa kuffisuu hin dandeenyu. Sababni isaas ilaalcha paatirarkotaa hawwaasa keenya keessa jiru dura waan dhaabbatuuf.''

line

Wixinichi gaa'ila Musiliimaa, Hinduu, Jeewush fi Raastafariyaniif beekamtii seeraa kennuuf qophaa'e.

Yaadni kun hawwaasa isaan ilaallatuun deeggaramus dhirsa baay'ee qabaachuu kan jedhu garuu abbootii amantaa paarlaamaa keessaa taa'umsa qaban irraa mormiin mudateera.

Dursaan paartii mormituu 'African Christian Democratic Party (ACDP' Reverendi Keenet Meeshooy, ''hawwaasa balleessa'' jedhan.

''Yerootti dhirsishee tokko 'ana dhiistee dhirsakee isa biraa waliin yeroo dheeraa dabarsite' jedhu ni dhufa- Dhiirota lameen gidduutti wal dhabdee fiduu mala'' jedhan.

Dursaan paartii Islamic Al-Jamah, Gaani'eef Heendiriks, ''Mee yaadaa, yeroo daa'imni dhalatu, abbaan daa'imaa eenyu kan jedhu baruuf qorannoo DNA baay'etu gaggeeffama,''

'Ijoollee maatichaa'

Akka Mr MIselekun, lammiileen Afrikaa Kibbaa qajeelfama wal-qixxummaa ''akka malee akka hin fageessine' gaafate.

''Sababni isaa wanti tokko heera keessa jira jechuun hunduu nuuf gaariidha jechuu miti waan taheef.''

Daa'ima qorannoo DNA gaggeessu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qeeqxotni ijoolleen maatii akkasii keessaa dhalatan qorannoo DNA gaggeessuu qabu jedhan

Osoo haadha warraa afur qabduu kun maaliif dubartootaaf ammoo adda taha jedhamee gaafatamee akkas jedhee deebise. ''Gaa'ila koo irraa kan ka'e namootni 'hypocrite' nama osoo ofii hin tahiin nama gorsu ykn barsiisu godhanii na waamu. Garuu callisuu irra amma dubbachuu wayya.''

'' Waanin jechuu danda'u waan kun Afrikaanummaa miti. Eenyu akka taane jijjiiruu hin dandeenyu.''

Garuu pirof Machookoon dhirsa baay'ee qabaachuun takkaa keeniyaa, Dimikiraatik Rippaablik Koongoo, fi Naayijeeriyaa keessatti jalqabee ture. Ammayyuu seeraan eeyyamamee Gaabon keessatti hojiirra ooleera jedhe.

"Dhufaatii Kiristaanummaa fi kolonii booda gaheen dubartootaa gadi bu'e. Sana booda qixa tahanii hin ilaalamne. Gaa'illi meeshaa sadarkaa ittiin baasan tahe.

Pirof Machokoon yaaddoo ijoolleen dhalatanii Paatiraarkota bira jiraachuu hime.

''Gaaffiin ijoollee dhalatanii salphaadha. Warra kana irraa ijoolleen dhalatan kamuu ijoollee maatichaa tahu.''