'Haati warraa tokko abbaa warraa hedduuf maaliif hin taane?' - Wixinee Afrikaa Kibbaa

Qubbeellaa gaa'iilaa

Madda suuraa, Getty Images

Ofii haatii warra tokko abbootii manaa hedduuf? Maliif hin ta’u? Gaaffiin kun waa malee hinkaane.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa seera gaa’iila biyyatti irra deebiin ifoomsuuf adeemsarra jira. Jalqaba ji’a keessatti argamnu kanaatti dhimmoota fooyya'iinsii irratti taasifamu danda’u jedheerrattis yaada dhiyaatee keessaa muraasaa kunooti.

Yaadawwan dhiyaatan keessaa inni tokko, dubartiin tokko al takkaatti dhiroota lamaafi isaan ol waliin gaa’eela dhaabbachuu akka dandeessu beekamtii kennuu kan jedhuudha.

Haalli kunis afaan Ingiliffaatiin 'polyandry' jedhuun kan beekamu yoo ta'u, innis yaada dubartiin tokko dhiira tokkoon olitti heerumuu kan jedhu calaqqisiisa.

Yaadni seerri kun akka fooyyeeffamuuf dhiyaachuunsaa ammoo Afriikaa Kibbaatti ijoo dubbii miidiyaa hawaasummaa ta’eera.

Kanneen dubartiin tokko abbaa manaa hedduutti yoo heerumte rakkoo maal qabaataa? jechuun kan deeggaranis hindhabamne.

Haata'u malee gaazexeessituun Keep Taawon, Latashiyaa Nayidoo ammoo “fayyadamtoonni tiwiitarii Afrikaa Kibbaa mata duree kanaan walqabatee waanuma sammuun dhukkubsate fakkaatu,” jettee jirti.

Ammaattis yaadni kun maarii hawaasaa irra jira. Ta’us garuu, yoo fooyyeeffamuun kan raggaasifame ta'e ammoo Afrikaa keessatti dhimma guddaa kan jalqabaa ta’a.

Ta’us namni hundi yaada kanaan walii galuu dhabuun isaa waanuma eegamudha.

Keessattuu “Dhiiroonni haatii warraa ykn jaalallee isaani dhiroota biraa waliin hirmaachuu hin barbaadani,” jedha hogganaan Paartii Dimokraatawaa Kiristaanota Afrikaa, Lubni Keneet Meshoo.

“Mootummaan murtee murteessu irratti yaada uummataa dhaga’uu qaba. Ammaaf ana dabalatee namootni hedduun yaadni kun yaada badaadha jedhanii amanu.”

Kanaafuu, Afriikaan Kibbaa fooyya'insa kana maaliif dhiyeessitee? Ofii hiikkaa attamii qabaataa laata? Mee murtee kennamuufi jijjirama taasifamu dhiheenyatti arguuf jirra.