Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Murtee waraanaa dhaabuu Tigraay fi gaaffilee deebii hin argatiin
Hariiroon mootummaa naannoo Tigraay bulchaa ture Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Federaalaa giduutti hammaate gara waraanaatti jijjiiramee torban sadii keessatti raayyaan ittisa biyyaa magaalaa guddoo Tigraay Maqalee to'ate.
Aanga'oonniifi humnoonni TPLF Maqalee keessaa baqatanii ji'oota saddetiin booda deebi'anii Waxabajji 28, 2021 magaalattii to'achuun isaanii himameera.
Wiixata waaree boodarraa kaasee muddama keessa kan turte magaalaan Maqalee, halkan humnoonni finciltootaa kun magaalattii keessatti mul'achuusaanii hordofee jiraattonni hedduun daandiitti bahanii alaabaa naannichaa mirmirsaa gammachuusaanii ibsachaa akka turan gabaasaaleen mul'isaniiru.
Magaalaan Maqalee to'annoo mootummaa Federaalaatiin ala ta'uushee aanga'aan mootummaa tokko akka mirkaneesseef burqaan oduu Firaans Ajaans Firaans Pirees gabaaseera.
Aanga'aan kun akka jedhanitti, finciltoonni kun "kallattii hundaan" yeroo magaalatti marsanitti bulchiinsi yeroo naannichaa magaalattii gadhiisee bahuuf murteessuun " Wixata gadhiisanii bahaniiru."
Humnoonni nageeyaa Federaalaa Maqaleefi naannawaashee gadhiisanii bahuun isaanii himamullee hanga ammaatti humni addaa Amaaraas ta'e loltoota Ertiraa naannoo sana keessaa bahuu isaanii ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.
Wiixata kaleessaa galgala ammoo erga TPLF aangoorraa ari'ameen booda bulchiinsi yeroo Tigraay kan mootummaa Federaalaatiin ramadame lolli naannicha keessa jiru, "haala dhimmoota namoomaa bu'uura gohateefi miidhaa dabalataa karaa hin qaqqabsiifneen" waliigalteen lola dhaabuu akka taasifamu gaaffii dhiyeesse.
Hoji-gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliigalteen lola dhaabuu akka taasifamuuf gaaffii dhiyeessuun isaan ibsamee saatii muraasa keessatti mootummaan Federaalaa deebii kennuun, walitti bu'insichi akka dhaabbatuuf haal-duree tokko malee Wixata Waxabajji 28, 2021 irraa kaasee kan hojiirra oolu waliigaltee dhukaasa dhaabuu ofumaan labsuu isaa ifa godheera.
Ofumaan dhukaasa dhaabuu
Ji'oota saddetan darban keessa naannoo Tigraay keessatti waraana gaggeeffameen ummanni naannichaa hedduun qe'ee isaarraa kan buqqa'e yommuu ta'u, namoonni miliyoonaan lakkaa'aman ammoo kanneen gargaarsa namoomaa atattamaa barbaadanidha.
Ji'oota darban keessa odeeffannoo Mootummoonni Gamtoomanii (UN) fi dhaabbileen gargaarsaa baasan irraa ka'uudhaan namoota rakkinaaf saaxilamaniif deeggarsa dhiyeessuun akka danda'amuuf qaamoleen lolicha keessatti hirmaatan waliigaltee waraana dhaabuu akka taasisaniifi rakkoo uumame ammoo mariin akka hiikkataniif biyyoonni addunyaa gurguddoofi dhaabbileen idil-addunyaa gaafachaa turaniiru.
Haata'u malee, deebiin gama mootummaatiin irra deddeebiin kennamaa ture, "garee yakkamaa waliin mariin akka hin jiraanne" kan akeeku ture. Boodarras paarlaamaan biyyattii TPLFn garee shorrokeessaadha jechuun erga farrajee booda carraan marii gaggeessuu dhimmi dhumate ta'ee ture.
Torban darberraa kaasee gabaasaaleen naannoo Tigiraay keessaa bahan akka agarsiisaa turanitti bakkeewwan gara garaatti lolli cimaan kan gaggeeffame yomuu ta'u gama lamaanirraayyu lolli akka gaggeeffamaa ture mirkaneessaniiru.
Humni Ittisaa Tigraay (TDF) loltoota mootummaa Itoophiyaa irratti injifannoo akka argataniifi kumoota hedduu ajjeesuufi booj'iuu yoo himan mootummaan ammoo gama isaatiin humnoota Tigraay "shororkeessaa" ittiin jedhu duulli adamsuu gaggeeffamaa akka jiru ibsaa tureera.
Tarkaanfiin mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu adduma isaatiin fudhachuuf murteesseef sababiin kenname qote-bulaan waqtii gannaa tasgabbaa'ee akka qotatu, akkasumas hojiin gargaarsa dhiyeeessuub sochii waraanaa irraa bilisa ta'een akka rabsamuuf kanneen jedhanidha.
Dhukaasa dhaabuun kun, "hanga waqtiin qonnaa xumuramutti ta'ee haal-duree tokko malee dhimma namoomaarratti kan hundaa'e" yoo ta'u, qaamni carraa kana kaayyoo hamaaf itti gargaaramu nu mudataniif garuu tarkaanfiin seera kabachiisuu akkaataa barbaachisuun kan fudhatamu ta'a," jedheera.
Waamicha dhukaasa dhaabuu dhiyaate ilaalchisee gama TDFtiin garuu deebiin kenname hin jiru. Deebiin kennuun hafee, addatti dhukaasa dhaabuun gama mootummaa Federaalaatiin akkuma ibsameen yeroo gababaa keessatti magaalaa gudoo Tigraay to'achuu isaanii beeksisan.
TDF dhukaasa dhaabuu mootummaan Federaalaa addatti taasise ilaalchisee akka fudhatu ykn hin fudhanne hanga ammaatti ifatti ibsa hin kennine.
Aanga'aa olaanaa duraanii biyyattiifi naannichaa kan turaniifi amma ammoo dubbi himaa garee finciltootaa kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa CNNtti akka dubbatanitti gareen isaanii waraana akka itti fufaniha.
"Kaayyoon keenya humna waraanuu diinaa dadhabsiisuudha. Hanga Tigraay humnoota diinaarraa bilisa taatutti duula keenya hin dhaabnu. Kan barbaachisu mara ni taasifna," jechuun sochiin taasisan akka hin dhaabbanne ibsaniiru.
Namoonni baayyeen dhukaasa dhaabuun addatti gam-tokkeen taasifamu gareen biraa tarkaanfii walfakkaatu yoo hin fudhanne lola naanichatti taasifamu dhaabsisuu hin andeessisu yaaddoo jedhu qabu.
Rakkoo gargaarsa namoomaa
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gamaggama torbanoota muraasa dura gaggeesseen osoo roobni waqtii gannaa hin jalqabiin dura gargaarsi namoomaa gara kutaalee naannoo Tigraay gara garaa akka qaqqabu taasifamuu baannaan, beelli hamaan bara 1844 biyyattii mudatee namoota hedduu ajjeeseen walfakkaatu uumamuun rakkoon namoomaa qaqqabuu danda'a jechuun akeekkachiisee ture.
Kana hordofees Ameerikaa, biyyoonni Awurooppaafi dhaabbileen idil-addunyaa mootummaan, "beela akka meeshaa waraanaatti gargaaramaa jira" jedhanii himachuun haala gargaarsi danqaa tokko malee itti dhiyaatu akka mijeessu, dhukaasa akka dhaabuufi loltoota Ertiraa sarbama mirgoota namoomaa heduutiin himataman akka baasuuf gaafachaa turaniiru.
Naannicha keessatti namoonni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa atattamaa kan isaan barbaachisu yoo ta'u, akka UN jedhutti namoonni 350,000 ta'an ammoo beela hamaa keessa gala jiru.
Dhiibbaa hawaasa idil-adunyaa
Ayerlandis dhimmicha gara Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti irra deddebiin geessuudhaan akka ajandaa ta'u gochuuf yaalii taasistus, biyyooya gurguddoo miseensa Mana Marichaa ta'an Raashiyaafi Chinaa irraa deeggarsa osoo hin argatiin waan hafeef akkuma rarra'etti tureera.
Erga lolichi jalqabamee booda biyyooya akka dhukaasni dhaabbatu, mariin jalqabamuufi humnoonni Ertiraa Tigraay keessaa akka ba'an gaafataa turan keessaa Ameerikaan maallaqa deeggarsaa mootummaatiif kennitu irratti dhorkaa keesseetti.
Dabalataanis, aanga'oota mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa, akkasumas miseensota TPLF irras dhorkaa Viza kaa'uu beeksifteetti.
Seeneetiin Ameerikaas walitti bu'insa naannoo Tigraay keessa jirurrattti mootummaan Itoophiyaa, TPLF fi kanneen lolicha keessatti hirmaatan biroon waraana akka dhaaban, mirgoonni namoomaa akka kabajaman, gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee akka qaqqabuuf hayyamu kan jedhu yaada dabarsee ture.
Dabalataanis, Ameerikaan aanga'oota olaanoofi ergamaa addaa irra deddeebiin erguudhaan aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin marii taasisanillee yaadni dhiyeessan hagas mara fuhatama osoo hin argatiin tureera.
Maddeen dippilomaasii tokko tokko akka jedhanitti, haala naannoo Tigraay waliin walqabateen mootummaan Ameerikaa mootummaa Itoophiyaarratti tarkaanfii cimaa ta'e fudhachuuf qophaa'aa waan jirtuuf mootummaan rakkoo kana dhaabuuf yaaduudhaan dhukaasa dhaabuu labsuu isaa yeroo dubbatan ni dhaga'amu.
Dhukaasaa dhaabuun booda hoo?
Earga waraannii naanichatti eegalee kaasee qaamooleen garaa garaa, qaamooleen lola keessa jiran dhukaasa dhaabbuun marii eegaluun, badiinsa namoomaa naannicha keessatti mudatu hambisuufi naannicha gara nagaatti deebiisuuf yaaliin akka taasifamuuf gaafataa turan.
Yaada dhukaasa dhaabuu addatti ofiin motummaa Itoophiyaatiin dhiyaate keessatti, kan yeroo qonnaa hubannoo keessa galche kan fakkaatu yoo ta'u, dhimmi itti aansee marii eegaluu ilaalchisee wanti jedhame hinjiru.
Anga'oonni TPLF kan motummaan ''shorokeessaa'' jedhuun waamuun kunis kan garee finciltootaa sochoosaa jiru ta'unsaa beekamaadha. Kanaafuu garee mana maree bakka bu'oota biyyatiin baatiiwwan lamaan dura shororkeessaa jedhamee farajame kana waliin mari'achuuf waamicha dhiyeessuun rakkisaa ta'unsaa hinoolle.
Osoo mariin haa eegalamu jedhaees, dhimmi daangaawwan bal'aan naannoo Amaaraa fi Afaarii irra kanaan dura seeraan ala Naannoo Tigraayiin fudhatamaniiru jedhamuun amma keessattu to'annaa milishoota fi humana addaa Amaaraa jala jiran ajandaa dubbii biraati.
Kun osoo kanaan jiruu, humnootiin Tigraay naannoolee to'annaa raayyaa ittisa biyyaafi humnootii ollaa jala jiran deebisee to'achuuf kan socho'u yoo ta'e waamichi dhukaasa dhaabuu gatii hinqabaatu.
Haala kanaanis waraanni kan itti fufuu yoo ta'e, dhimmi atatammaan dhiyeessitti deeggarsaa namoota barbaachisuuf dhiyeessuun rakkoon mudachu danda'a.
Murteen dhukaasa dhaabuu addatti ofiin motummaan taasisee kunis lammiilee biyyattiif maal hordofee akka dhufe ilaalchisee ifatti waanti beekamu hinjiru. Kanaafuu fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa tokko tokkoos motummaa dhimmicharratti ibsa barbaachisu akka kennuuf gaafataa jiru.
Deebii hawasa addunyaa
Dhukaasa dhaabuu motummaan Itophiyaa addatti ofumaan dhiyeeseen alatti, deebiin gama umnootii Tigraayiin kennamu akkuma jiruutti ta'ee, qaamooleen baatiiwwan darban keessa dhukaasni akka dhaabbatuuf gaaffachaa turan tarkaanficha haala gaariin akka ilaalan eeggama.
Akkasumas waraanni itti cimee kan gaggeeffamu yoo ta'e, tarkaanfii dabalataa fudhachuuf qophiirratti akka argaman dubbataa kan turan Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa filamaatawwan gara biraa akka ilaalan isaan taasisu danda'a.
Kana malees dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni kaanis haala jijjirama naannoo Tigraay keessatti umamaaa jiruufi murtee motummaan Itophiyaa dhukaasa dhaabuuf addatti ofiin dabarse ilaalchisee deebiin kennan kan ilaalamu ta'a.
Ameerikaa, Ayirlaandiifi UKn Manni Maree Nageenya Motummoota Gamtomanii dhimmi Tigraay irratti walgahii ariifachiisaa ifaa akka taasisanii gaafataniiru. Walgahiin kunis Jimaata dhufaa gaggeeffamu akka danda'u AFP maddeen dippilomaatikii eeruun gabaaseera.