Bulchiinsi yeroo Tigraay dhukaasni akka dhaabbatu gaafate

Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay haala namoomaa bu'uura taasifateefi miidhaa dabalataa karaa hinqaqabsiifneen waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf motummaa Feedeeraalaatiif gaaffii dhiyeesse.

FBCn burqa Oduu Itoophiyaa waabeefachuun akka gabaaseetti, Hojii Gaggeessaan bulchiinsa yeroo Tigraay Dr Abrahaam Balaay, gannii seenaa waan jiruuf qonnaan bultoonni Tigraay tasgabbaa'anii hojii qannaa isaanii akka gaggeeffatanii, gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee kanneen deeggarsa barbaadaniif akka qaqabuuf, furmaanni siyaasaa yeroo waliin deemu kennuudhaaf motummaan federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasisu gaafateera.

Bulchiinis yeroo kun gaaffii torban darbe ifatti kan gaafate haala yeroo naannichaa ilaalchisuun, bakka bu'oota ummata naannichaa,miseensoota gaggeessitoota biiroofi godinaalee, dhalattoota Tigraay bakka garaa garaa jiran, hayyoota Tigraay, abbootii qabeenyaafi abbootiii amantaa waliin marii erga taasiseen booda jedheera.

Gareen finciltootaa TPLF kun naannichaachattis ta'e biyyattii keessatti rakkoon walxaxaan inni uumee waraana qofa osoo hintaane, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ta'usaa kan kaasean Dr Abrihaam, kanaafis hanga ammaatti motummaa federaalaafi motummaa yeroo naannichaatiin furmaatiwwan garaa garaa fudhatamaa turusaa dubbataniiru.

Hanga ammaatti tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachuun alatti dhimmoota seeraan ilaalamaniif furmaata seeraa kennuuf human badiinsaa kaan keessaa yakkamaa kan ta'e adda baasuun hojiin seeratti dhiyeessuu hojjatamaa turuu himaniiru.

Akka hojii gaggeessaa kanaatti TPLF jiraachu kan danda'u uummanni Tigraay yoo du'eefi yoo rakkate qofaa aan ta'eef, motummaafi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa akka hingeessineef, qonnaan bulaadhaaf ammoo sanyiifi xaa'oo akka hin dhiyeessineef gufachiisaa ummanni beela'aa jira jechuun ofumaan iyyaa jira.

Akkasumas motummaan Itoophiyaa baatiiwwan darba keessa birrii biiliyoona 100 ol gargaarsaaf, tajaajilawwan motummaa ittifufiinsuu fi ijaarsa bu'uraalee misoomaarra olchee jira jedhan.

Maaltu ta'e?

Jalqaba ji'a Sadaasa darbe haleellaa TPLF buufata humna waraanaa biyyaa Tigraay keessa jirurratti haleellaa raawwachuu hordofee, mootummaan loltoota Ertiraa waliin ta'uun tarkaanfii fudhateen paartii naannicha bulchaa ture TPLF aangoorraa ari'uun injifannoo labsuun isaa ni yaadatama.

Lola ji'a saddeet dura jalqabame kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman ajjeefamanii miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo buqqa'uu isaanii gabaasni dhaabbileen gargaarsaa ni mul'isa.

Lola kana hordofees, naannicha keessatti ummanni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa kan isaan barbaachisu yommuu ta'u, namoonni 350,000 ol ta'an ammoo beela'aa akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torban darbe keessa ibsee ture.

Torban darbee kaasee ammoo naannichatti bakkawwan hedduutti finciltootaafi humnoota mootummaa federaalaa gidduutti lolli cimaan jalqabamuusaa gabaasaaleen mul'isaniiru.

Gareen fincile, Humni Ittisaa Tigiraay (TDF) magaalaawwan hedduu qabachuu himeera. Namoonni ijaan argan BBC'tti akka himanittis, loltoonni humnootii Tigraay kun naannawaarra deemanii osoo isaan waan jiru ilaalaanii arguu ragaa bahan.

Wanti jedhame kun oduu sobaati jechuun Humni Ittisaa federaalaa Itoophiyaa garuu waakkate ture.