Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artist Haacaaluu albamii osoo hojjechaa jiruu irraa ajjeeffame maaliif 'Maal Mallisaa' jedhe?
Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 bara 2020 magaala Finfinnee keessatti erga ajjeefamee waggaa tokko guuteera.
Jaallattootni Art. Haacaaluu ajjeechaan isaas, adeemsi haqaa isaas gaaffii guddoo akka itti uumetti waggaan tokko xumuramuu himu.
Yaadannoo du'a weellisaa Oromoo humna dhiibbaa guddoo qabaachuun beekamu Art. Haacaaluu sababeeffachuun aalbamni isaa inni sadaffaan osoo hojjichaa jiruu irraa wareegame maatiifi hiriyoota isaan xumuramee gadhiifamuutti jira.
Aalbamni sadaffaan Art. Haacaaluu Hundeessaa mata-duree ''Maal Mallisaa'' jedhu kan qabu yoggaa ta'u, sirboota 14 of keessaa qaba.
Koree hojiilee isaa haaraa walitti qabuun aalbama isaa sadaffaa baasuuf hundaa'e keessaa tokko kan ta'eefi maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko, sirboonni aalbama haaraa kana keessatti hammataman 14 ta'uufi kanneen keessaa 10 haaraa afur ammoo kana dura bahanii amma wayyeeffaman ta'uu BBC'f mirkaneesseera.
Akkuma weelluuwwan isaa ammaan duraa, sirboota aalbama haaraa kana keessatti hammataman 14 keessaa kan sirboota 11 Yeedaloos walaloos kan itti baase Art. Haacaaluudha.
Kan hafan sadan keessaa ammoo Art. Yoosan Geetaahuun, Lalisaa Idiriis, fi Sinnishaaw Mul'ataa harka keessaa qabu.
Aalbamni haaraan Artistii maqaa guddaa kanaas, kan hojjetame sagaleewwan inni ajjeefamuu isaatiin dura istuudiyoowwan muuziqaa garaagaraa afur keessatti waraabamaa ture walitti qabuun akka ta'es miseensi koree hojii aalbama isaa haaraa kanaa ibseera.
Maal Mallisaa maal fa'aa of keessaa qaba?
Aalbama 'Sanyii Mootii' jedhuun jalqaba qalbiifi jaalala uummataa hedduu kan argate Art. Haacaaluu Hundeessaa akkuma sirboota isaa kanaan duraa aalbama isaa haaraa kana keessatti dhimmoota siyaasaa, hawaasummaafi jaalalaa sagalee isaa kiiloleefi dandeetti walaloofi yeedaloo qindeessuu addaan miidhagsee hojjechuu eegalee osoo hin xumuriin addanyaa kanarraa boqote.
Walleewwan 14 aalbama isaa haaraa keessatti hammataman jaalala, gootummaa, Oromummaafi dhimmoota hawaasummaa hedduu tuttuqaniifi kan miira namaa qirqidaniidha.
Mata-dureen walleewwan aalbamicha keessa jiraniis kan kanaa gadiiti:
1.Eessa jirta?
2.Ilma Namaa…
3.Kuullee koo
4.Foon foon irraa cite
5.Goota koo
6.Kan Si dinqu
7.Galatoomaa
8.Maal Mallisaa?
9.Nan Gaabbe
10.Xiqqaat Guddaa caale
11.Sagalee Keetan Hawwe
12.Haadha Wabii
13.Ajaa'iba
14.Na qarqaari kaa
Art. Haacaaluun erga ajjeeffamee booda walleen haaraa inni hojjechaa ture mata-dureen isaa 'Galatoomaa' jedhu hatamee bahuun isaa ni yaadatama.
Art. Haacaaluun aalbama kana keessatti haadha warraa isaafi haadha ijoollee isaatiifis mata-duree ''Haadha Wabii'' jedhuun weelliseeraaf.
Art. Haacaaluun osoo lubbuun jiraate aalbama haaraa kana sadarkaa amma irra jiru dachaa hedduun fooyyessee baasuun isaa waan shakkii qabu mitii kan jedhu waahilli isaa, amma garuu hojiilee isaa istuudiyoowwan garaagaraa afur keessatti waraabamanii turan miidhagsuun aalbama kana qopheessuu hima.
Mata-dureen aalbama haaraa kanaas osoo Haacaaluun lubbuun jiraatee aalbama isaa kanaaf mata-duree maal jedhu yaada ture jedhuun ''Maal Mallisaa'' kan jedhu itti moggaasuullee hima.
Weelluu Maal Mallisaa jedhu keessatti Art. Haacaaluun imalli dheeraa Oromoon mirga isaa kabachiisuuf godhu maaliif galma hin geenye jechuun gaafata, sababa isaaf kaaha.
Karaa baay'ee qabna
Yoom nu dhibe karaan irra deemnu
Silaa numa deemna numa deemna
Maliif galma hin geenyu
Karaa nu qabe moo garaadha laa
Maaf gahuu dadhabne
Duunee gumaa dhabne... fa'a jedha.
Welleedhuma kan keessatti Art. Haacaaluun dararaan sabni isaa hanga inni lubbuun turetti argaa bahe tarreessee maal malli isaa jedhee gaafata.
Tokko hin du'a tokko hin ajjeesisa
Dhufaa darbaa nuyi numaan cabsa
Keenya ammallee sanuma saneen isaa
Maal mallisaa Keenya maal mallisaa
Aalbama isaa haaraa kanaaf sirbootni qopheesse gariin waan ofiif weellises ni fakkaatuu jedha waahilli isaa dhiyoon kun.
Mata-duree wallee isaa EESSA JIRTA? jedhu keessatti ammoo miira jaallattootnifi dinqisiifattootni isaa erga isa dhabanii keessa jiran agarsiisuu fakkaatu weellisa.
Alkan guyyaa ijarraa na hin baddu
Ciisee ka'een waanuma keen yaada
Tokkittii koo kan dur dabarsine
Mudoo keenya yaadadheetan gadda
Eessa eessa jirta
Maaloo koottu na wal'aanta( (X2)
Aalbama haaraa kana keessatti weelluuwwan afur mata-duree Kan sidinqu, Na qarqaariikaa, Ajaa'iba fi Xiqqaan Guddaa Caale jedhan amma dura jaalattoota isaa bira gahanii kan turan ta'us gariin walaloofi yeedaloo, akkasumas muuziqaa isaaniirratti fooyya'iinsi godhamee hammatamaniiru.
Weelluuwwan sagal qindeessaafi ogeessa muuziqaa Daawwit Taaddasaa biratti yeroo dheeraaf waraabamanii taa'anii turan irraa kan argaman yoo ta'u, sirbi Maal Mallisaa jedhu qindeessaa Muuziqaa Abrahaam Kidaanee biraa, 'Eessa Jirtaa' kan jedhu 'Kaamuuzuu Kaasaa' biraa, weelluuwan sadii ammoo Dinqiisaa Dabalaa biraa argaman.
Miiksiingiifi Maastariingiin weelluuwwan 14 aalbama haaraa kanaa ogeessa muuziqaa Abagaaz Kibrawarqiin hojjetamuus iyyaafanneerra.
Aalbamii sadaffaa Artist Haacaaluu kana kan maxxansiseefi raabsu dhaabbata maatii Haacaaluu kan ta'e Wabii Piromoshin ta'uun maatiifi hiriyyoonni isaa sirna yaadannoofi eebba aalbama haaraa kana ilaalchisee Jimaata darbe kennan irratti ibsaniiru.
''Wabii Piromoshin eenyu yoo jettan, Wabiin mucaa Haacaaluuti. Piromooshin maqaa mucaa isaatiin hundeeffamee jirudha,'' jechuun obboleessa quxisuu Haacaaluu kan ta'e Sisaay Hundeessaa dubbateera.
Art. Haacaaluun aalbama amma dura hojjete lamaafi sirboota qeenxee quuqqaa saba isaaf qabu mul'isan shanii ol baaseera.
Dandeettii addaa waltajjii irratti agarsiisuunis namoota hedduu biratti jaalatama, yaadatamas.
‘Sagaleen isaa ummata boqochiisa’
Guyyaa Jimaataa waa’ee albama haaraa irratti addatti BBC waliin turtii kan taasiste haati warraa isaa Aadde Faantuun Damisee Diroo walleen isaa ummata boqochiisa jetti.
"Ummanni kun miira inni keessa jiru waaniin beekuuf sagalee isaa yoo dhagahu ni boqota jedheen yaada,’’ jechuun dubbatte.
‘’Yaadannoo isaa waggaa tokkoffaa irratti ni eebbifama. Bariituu isaa gaafa 22 [Waxabajjii, 2013] kaasee bakka hundayyuu ni raabsama,’’ jette Adde Fantuun.