Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awustiraaliyaatti namoonni qullaa aduu qanqaammatan seera Covid cabsuun adabaman
Awustiraaliyaatti namoonni lama qullaa aduu qanqaammataa wayita jiranitti bineensa daggalaa irra bahee isaan ari'e. Namoonni kunneen sababa weerara Covid-19f labsii sochii dhorkuuf bahe cabsuun ture kan qullaa bahanii aduu qanqaamataa turan.
Bineensa hamaa Diir jedhamuun qullaa gugsamuun isaanii kunis gocha soora cabsuu isaanii kanaaf 'anaa yaa nyaatu' kan ittiin jehellee hin jiru.
Namoonni lamaan qarqara qaama bishaanii Kibba Sidiniitti argamtutti bahanii otoo aduu qaqqaammatanii bineensi sodaachifnaan ture birmannaaf kan iyyatan.
Haata'u malee, namoonni kun Sidiniin alatti iddoo dhaquun hin eeyyamnefitti argamuusaaniif jecha seera fayyaa hawaaasaa eeguuf bahe cabsuun doolara Awustiraaliyaa 1,000 akka kaffalan itti murame.
Sidiniin weerara gosa koronaavaayirasii haaraa Deelta vaariyant’ jedhamu mudate to’achuuf qabsoorra jirtu yoo ta’u, sababa kanaaf sochiin namootaa daangeffamee ture.
Komishinarri Poolisii Niwu Saawuz Weelsi Maayik Fuuler, "Namoota gowwaa seera baasuun to’achuun rakkisaadha’’ jedhan wayita Wixata ta’ii mudaterratti ibsa kennan.
‘’Sababa quubsaan otoo hin jiraatiin manaa bahanii namoota biroo balaarra buusuufi hundaa olittimmoo paarkii keessa baduusaaniif, akkasuma qabeenyi hojii fayyaa ramadame kallattii biraatti akka geeddaramu gochuusaanitti qaaana’uu qabu’ jedheen yaada’ jechuun dubbatan.
Ibsi poolisiin baase akka agarsiisutti, qondaaltonni biyyattii dargaggeessa ganna 30 borsaa xiqqaa dugdatti baatee qullaa deemu Paarkii Biyyaleessaa Royaal Otford keessaa argan.
Namticha umriin isaa ganna 49 barbaacha isarratti helikoptarri otoo hin hafiin itti hirmaachuun barbaachi cimaan erga taasifamefii booda uffata gartokkee uffatee, gartokkeemmoo qullaa otoo deemu jiru argame.