Awustiraaliyaatti namoonni qullaa aduu qanqaammatan seera Covid cabsuun adabaman

Namoonni lama daggala keessa erga badanii booda gargaarsa namoota biroo gaafatan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni lama daggala keessa erga badanii booda gargaarsa namoota biroo gaafatan

Awustiraaliyaatti namoonni lama qullaa aduu qanqaammataa wayita jiranitti bineensa daggalaa irra bahee isaan ari'e. Namoonni kunneen sababa weerara Covid-19f labsii sochii dhorkuuf bahe cabsuun ture kan qullaa bahanii aduu qanqaamataa turan.

Bineensa hamaa Diir jedhamuun qullaa gugsamuun isaanii kunis gocha soora cabsuu isaanii kanaaf 'anaa yaa nyaatu' kan ittiin jehellee hin jiru.

Namoonni lamaan qarqara qaama bishaanii Kibba Sidiniitti argamtutti bahanii otoo aduu qaqqaammatanii bineensi sodaachifnaan ture birmannaaf kan iyyatan.

Haata'u malee, namoonni kun Sidiniin alatti iddoo dhaquun hin eeyyamnefitti argamuusaaniif jecha seera fayyaa hawaaasaa eeguuf bahe cabsuun doolara Awustiraaliyaa 1,000 akka kaffalan itti murame.

Sidiniin weerara gosa koronaavaayirasii haaraa Deelta vaariyant’ jedhamu mudate to’achuuf qabsoorra jirtu yoo ta’u, sababa kanaaf sochiin namootaa daangeffamee ture.

Komishinarri Poolisii Niwu Saawuz Weelsi Maayik Fuuler, "Namoota gowwaa seera baasuun to’achuun rakkisaadha’’ jedhan wayita Wixata ta’ii mudaterratti ibsa kennan.

‘’Sababa quubsaan otoo hin jiraatiin manaa bahanii namoota biroo balaarra buusuufi hundaa olittimmoo paarkii keessa baduusaaniif, akkasuma qabeenyi hojii fayyaa ramadame kallattii biraatti akka geeddaramu gochuusaanitti qaaana’uu qabu’ jedheen yaada’ jechuun dubbatan.

Komishinara Poolisii Niwu Saawuth Weelsi Maayik Fuuler

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Poolisii Niwu Saawuth Weelsi Maayik Fuuler

Ibsi poolisiin baase akka agarsiisutti, qondaaltonni biyyattii dargaggeessa ganna 30 borsaa xiqqaa dugdatti baatee qullaa deemu Paarkii Biyyaleessaa Royaal Otford keessaa argan.

Namticha umriin isaa ganna 49 barbaacha isarratti helikoptarri otoo hin hafiin itti hirmaachuun barbaachi cimaan erga taasifamefii booda uffata gartokkee uffatee, gartokkeemmoo qullaa otoo deemu jiru argame.