Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni viidiyoonsaanii beekkamtiisaaniin ala marsariitii saal-qunnamtiirratti bahe himata banan
Dubartoonni baayyinnnisaanii 30 ol ta'e marsariittii saal-qunnamtii mul'isuun beekamu,'Pornhub', himatan. Himannaan isaanis viidyoon isaanii beekkamtii isaanii malee marsariiticharrratti baheera kan jedhudha.
Dubartoonni kunneen beekkamtii keenya malee viidiyoowwan marsariiticharratti fe'amaniiru jechuun himannaa Kaaliforiniiyaatti banan.
Akkasumas marsaritiicha ''Intarpiraayiziiwwan yakkamtootatu'' hoogganaa jira jechuun himatan.
Dhaabbanni Porhun gamasaatiin, kun maqa balleessitootadha jechuun ''himannaa gonkumaa fudhatama hin qabnedha'' jechuun haaleera.
Pornhub marsariitii qunnamtii saalaa bilisaan ilaalamu yoo ta'u, viidiyoowwan qulqullina qaban, akkasumas qabiyyeewwan biraa daawwachuuf kaffaltii ji'aa gaafata.
Viidiyoowwan marsariiticharratti argaman hedduunsaanii kan namoota dhunfaatiin fe'aman yoo ta'an, eenyumtuu daawwachu kan danda'udha.
Haata'u malee, kubaaniyichi akka jedhuutti, viidiyoowwan marsariiticharratti fe'aman namoonni to'atan jiru.
Pornhub BBCtti akka himeetti, ''Yoomiyyuu dhimmoota seeraan ala ta'an hin fudhannu. Komiin kamiyyu yoo dhufees qorannoo ni gaggeessina,'' jedheera.
Marsariitichi akka jedhuutti, fayyadamtoonni eenyumaasaanii ifa hin taasifne viidiyoo yoo fe'an ni dhorka.
Haata'u malee, midiyaan Ameerikaafi deeggaraa BBC kan ta'e CBS ammoo akka jedheetti, pornhub namoonni viidiyicharra jiran umuriinsaanii meeqa akka ta'eefi hayyama namoota viidiyicharra jiranii argachuu hin mirkanneessu jedheera.
Kampaaniin dubartoota kanneen bakka bu'uun falmaa jiru Birraawun Rudiiniik jedhamus, himanichi seera miidhaa ittisuufi dadabarsa namootaa seeraa alaa irratti kan bu'urreffatedha jedheera.
Dubartoota himannicha keessati hammataman keessaa tokko CBStti akka dubbatteetti, hiriyaan ishee dhiiraa dirqamaan qullaa viidiyicha wayita ishee hojjachiiseetti shamarree waggaa 17n ture jettee jirti.
Booda ammoo viidiyoon ishee hayyama ishee malee marsariiticharratti bahuu hiriyyoota irraa dhagahuu dubbatti.
PornHun gamasaatiin himannicha haala salphaan akka hin ilaalleefi dhimmicha kan qoratuu ta'u beeksiiseera.
Niiw Yoork Taayims gabaasa qorannoo baatii Mudde keessa baaseen, marsariitiin Pornhub irra jiran viidiyoowwan miidhaa daa'immanii, gudeeddii fa'iin kan guutamaniidha jechuun gabaasulleen marsaritichi garuu himannicha hi nfudhatu.
Pornhub waggaa lamaan dura namoonni biliyoona 42 marsariitii isaan kan dowwatan yoo ta'u, viidiyoowwan miiliyoona 6.83 ammoo fee'amaniiru.