Kooriyaa Kaabaa: Lammileen biyyattii huqqachuu Kiim Joong-un baayyee 'yaadda'an'

Kooriyaan Kaabaa viidiyoo hin eegamiin kan gaggeessaan biyyattii Kiim Joong-un baayyee huqqatee irratti mul'atu TV irratti gadhiisuun lammilee biyyattii baayyee yaaddesse.

Lammileen biyyattii yeroo baayyee gabaabaa keessatti ulfaatinsa baayyee hir'isuurra darbee baayyee huqqatee argamuu gaggeessaa biyyattiin gaaffii keessa galaniiru.

Suuraawwaniifi viidiyoowwan isaa miidiyaa mootummaa qofaatiin of eegannoo cimaan waan qabamuuf haalli fayyaa gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa kun yeroo baayyee argachuun rakkisaadha.

Televizhiniin guddaa biyyattiis suuraawwan waggoota dhiyoo asii Mr. Kiim baayyee qal'aa ta'e agarsiiseera.

Waa'ee fayyina gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee oduuwwan odeeffamaa kan ture ta'ullee biyya mootummaa abbaa hirreetiin bultu keessatti dhugaa jiru amanuun baayyee gadaanaadha.

Lammilee Kooriyaa Kaabaa maal argan?

Waraabbiiwwan viidiyoo kan TV Jiddugala Kooriyaatiin darban lama waa'ee fayyaa gaggeessaa olaanaa kanaa akka yaadda'aniif madda ta'eera.

Waraabbii inni tokkoo ulfaatiina baayyee hirisuu isaa agarsiisa.

Waraabbii inni lamataa hin baramne tokko ammoo wayita jiraataan Piyoongyaang maqaan hin eeramiin tokko oduu TV jidduugalaa biyyattii irratti guyyaa Jimaataarra ''Mr Kiim akkasiin huqqatee arguutti hundi keenyaa gaddineerra. Hundinuu bo'uu eegallee,'' jechuun hime.

Waraabbiifi suuraawwan Mr Kiim baatii kana jalqabarratti walgahii Paartii Hojjattootaarraa fudhatame ulfaatiin hir'isaa jiraachuu mul'isa.

Viidiyoon lammii yaadda'uu himuu sun maaliif akka aragsiifame hin beekamu. Garuu ammoo Kwaak Gil Sioob, Jiddugala Kooriyaa One, marsariiti dhimmoota biyyatti irratti xiyyeeffatuu, BBCtti akka biyyattii ''gonkumaa oduu hamaan Kiim Jong-un ilaalchisee akka maxanfamu hin hayyamtu,'' jedheera.

''Tarii Viidiyoon sun kan gadhiifameef Mr Kiim ofumaan ulfina hir'isaa jira jechuun, hogganaa halkaniifi guyyaa hojjataa jiru of fakeeessuuf jedheeti'' jedha Mr Kwaak.

Kun maaliif barbaachisa?

Fayyaan Mr Kiim erga inni hoggannaa olaanaa biyyattii ta'ee kaasee yeroo baayyee madda yaaddoo ta'aa jira.

Inni abbaa isaa du'an boqoterraa Kiim Jong-il irraa aangoo bara 2011tti fudhate.

Wayita aangoorra ture kana keessattis qaamnisaa waluma jalaan hir'ataa jiraachuutu himaama.

Mr Kiim bulchiinsa Koministii hogganuudhaaf dhaloota Kiim sadaffaadha. Kooriyaan Kaabaas aangoon sirna dhalootaan dhalootatti darbu jedhanii ilaalu.

Kiim-Joong-un ammoo nama isa dhaalu ifatti kan hinb qabneefi tarii duutisaa ykn yeroo dheeraaf dandeettii dhabuun bulchiinsa keessatti qaawwa aangoo uumuun Baha Eshiiyaa keessatti tasgabbii dhabiinsa haaraa uumuu danda'a ta'a.

Obbooleettiinsaa Kiim Yo-Jong kan aangoo qabachuuf hin dandenyee yoo taate, aagnoon maatii Kiim tiin ala bahu danda'a.

Dhimmi fayyaasaa kana dura yaaddoo ta'ee ture?

Bara 2014tti Kiim-Joong-un guyyoota 40 ija hawaasaa duraa dhabamuu baayyee dhukkubsateera ykn du'eera jedhamuun odeeffamee ture. Wayita deebi'ee mullatu ammoo hulee qabatee as bahuun, wallaansa jilbaa irraa bayyanachaa jira jedhamee ture.

Yeroo garaa garaattis fuula ummataa jalaa badee kan deebi'u yoo ta'u, mootummaan biyyatti kaayyoodhuma wallaansaatiif jechuun xumura ture.

Taateedhuma walfakkaataan bara 2020 keessa, Mr Kiim wallaansa baqaqsanii yaaluu keessa ta'u kan mullisu harkasaa irratti mallattoo waliin mul'ateera.

Umuriin isaa waggaa 37 guutuuf kan jiru yoo ta'u, baayyee akka sijaaraa xuuxu beekama. Akkasumas, dhugaatii baayyee akka fudhatu himama.

Waggoota darban keessa qaamnisaa dabalauunis tarii dhibeewwan akka sukkaaraa qabaachuu danda'a yaada jedhu uumeera.

Haata'u mlee, erga fayyaan gaggeessaa kanaa odeeffamee hanga yoonaatti, miidiyaan mootummaa gonkumaa waan dhimma kanaa hin gabaafneef dhimmoonni kunneen mirkanneeffachuuf rakkisaadha.