Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati warraa Kim Jong-un yeroo duraaf waggaa booda mul'atan
Haati warraa hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un yeroo waggaa caalu keessatti yeroo duraaf ummatatti mul'atan jedhe miidiyaan biyyattii.
Ri Sol-ju gaafa Kibxataa abbaa warraa isaanii waliin guyyaa dhalootaa abbaa Kim Jong fi kana dura biyyattii bulchan, Kim Jong-il, irratti argamaniiru.
Kana dura sagantaa gurguddaa irrattii Aadde Riin Obbo Kim waliin yeroo deeman mul'ata ture. Ta'us, erga Amajjii bara darbe hin mul'anne ture.
Eegasii mul'achuu dhabuun isaanii rakkoo fayyaatu isaan qunname yookaan immoo ulfaa'anii ta'a jedhee namni akka dubbatu godhee ture.
Tajaajilli basaasaa Kooriyaa Kibbaa akka miseensota kongireesitti dubbate jedhametti, Aadde Riin kan ummatatti mul'achuu dhaban sababa Covid-19 fi ijoollee isaanii waliin yeroo isaanii dabarsaa jiraniifi.
Kooriyaan Kaabaa ifatti namni biyya ishiitti Covid-19'n qabamu hin ibsine, ekispartoonni garuu koronaavaayirasiin biyyattii keessa jiraachuu mala jedhanii shakku.
Suuraan gadhiifame Kim Jong - un fi haati warraa isaanii bakka konsartiitti kolfaa turan - maaskiinis ta'e namoonni walirraa fagaachaa hin turre.
Aadde Ri Sol - juun eenyu?
Aadde Riin maatii qabeenya qaban irraa kan dhalatanidha. Akka xiinxaltaa Cheong Seong-changiitti abbaan isaanii pirofeesara yoo ta'an, harmeen isaanii ogeettii fayyaadha.
Kana dura weellistuu turan jedhu gabaasaaleen miidiyaa.
Akka xiinxalaa kanaatti Aadde Riin Obbo Kiim Jong-un'itti bara 2009 itti heeruman. Kim Jong - il istirookiin waan isaan dhukkubeef cidhi jarjarsuun yeroos raawwate jedhan.
Ta'us, bara 2021 ture ifatti miidiyaaleen mootummaa haadha warraa isaanii ta'uu kan ibsan. Akka basaasaa Kooriyaa Kibbaattii lamman isaanii ijoollee sadii godhataniiru.
Miidiyaan mootummaa Obbo Kiimin yeroo lammataaf ''pirezidantii'' jechuun waamuu eegaleera. Kuni, kan kana dura ''dura - taa'aa'' jedhanii waamaa turanirraa addadha.
Yeroo hedduu gaheen hojii 'pirezidantii' jedhu hundeessaa biyyattiifi akaakayyuu Kiim, Kim Il-sung, kan itti waamaman ture.