Namichi leenca manatti guddisaa ture sababa Tik Tok'n harkaa fudhatame

Leenci karaa seeraan alaa nama waliin mana jiraatu osoo hammatamuufi dhaqna dhiqamuu viidiyoon isaa karaa miidiyaalee hawaasaa bahee argamuun aanga'oonni akka fudhatan ta'e.

Namni lammii Chaayinaa ta'e tokko leenca kana biyya alaarraa galchuun magaalaa guddoo Kaamboodiyaa Paanoom Peen keessatti mana viillaa tokko keessatti guddisaa ture jedhan aanga'oonni biyyattii.

Leenci nama lammiin Chaayinaa waliin mana isaa keessa jiraatu kunis kiiloogiraama 70 ulfaata. Qorannoonis leenca kanarratti gaggeeffamu erga baatii Eblaa keessan leencichi Tik Tok irratti mul'ateen booda jedhameera.

Leenci umuriin isaa ji'oota 18 ta'e kun gara wiirtuu bineensonni itti kunuunfaman tokkootti geeffameera.

Haata'u malee, abbaa leenca kanarratti tarkaanfiin fudhatamu jiraachuu isaa aanga'oonni kun waan beeksisan omtu hin qaban.

Dubbi himaan ministeera eegumsa naannoo biyyattii, Neet Piktiraa burqaa oduu AFPtti akka himanitti, leenci mana nama dhuunfaatti galu kun suura Tik Tok irratti erga qoodameen booda akka bira gahamedha.

"Namoonni bineensota 'birqii' ta'an kanneen akka beeyladaatti mana keessatti guddifachuuf mirga hin qabu," jedhaniiru.

Dhaabbanni miti-mootummaa hojii bineensota baraaruurratti hojjetu Waayild Animaals Alliyaans jedhamu fuula Feesbuukii isaarratti, "haalli mana jireenyaa keessaa bineensa bosonaatiif kan ta'u miti," jechuun barreesseera.

Dabalataanis, "Ilkaan qarriffaa fi qeensi leencichaa waan buqqa'aniif haalli jireenya isaa rakkisaa itti ta'eera," jedheera.