Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Kaaba Gondar buufata filannoorratti hidhattootni haleellaa geessisuun lubbuun poolisii tokkoo darbe
Gondar buufata filannoo tokkorratti hidhattootni haleellaa geessisuun lubbuun poolisii tokkoofi hidhattootaa lamaa darbuu komishiniin Poolisii Naannoo Amaaraa hime.
Godina Kaaba Gondar, aanaa Daabaat keessatti kaleessa hidhattootni buufata filannoo tokko irratti haleellaa dhaqqabsiisun poolisiin tokko ajjeefamuu komishiniin poolisii naannichaa hime.
Komishiner Tekollaa Ayifokiruu, har'a ibsa kennaniin filannichi haleellaa kanaan ala karaa nagaa xumuramuu himuun aarsaa humnootni nageenyaa kaffalanis galateeffataniiru.
Lakkoofsii fi eenyummaan hidhattootaa kanneenii kan hin ibsamne yoo tahu, eenyu akka isaan erge baruuf to'annoo jala oolchuun qorataa jirra jedhan.
Hidhattootni dhukaasa banan jedhaman buufata filannoo irra deemuun humnootni nageenyaa hidhannoo akka hiikkatan dirqisiisuuf yaalaa akka turan himuun dhukaasa banameen lubbuun poolisii tokkoo yoo darbu kan biraa tokko ammoo madaa'uu himan komishinerichi.
Hidhattoota keessaas tokko dhukaasuma baname gidduutti ajjeefameera jedhan. Hidhataan gara biraas dhukaasichaan madaa'ee akka ture himuun odeeffannoo booda na gaheen lubbuun isaa darbeera jedhan.
Faayidaa uummataa mirkaneessuufhanga aarsaa lubbuutti humnoota nageenyaa kaffalan galateeffataniiru. Komishinerichi filannoo kana irartti humnootni nageenyaa meeqa akka bobba'anii turan gaafatamanii, naannoo Amaaraa keessatti poolisiin naannichaa 16,000 ol bobba'uu himan.
Humni bobba'e kun gara buufataalee filannootti qofa warra bobba'e akka tahes himaniiru. Dhaabbii fi socho'uun eegumsa irartti kannnen bobba'an yoo dabalate ammoo kana akka caalu himaniiru.
Komishinerichi rakkoolee xixiqqaa filannicha irratti mudataniiru jedhan yoo ibsan, Lixa Goojjam Finoote Selaam ganda Manzi, meeshaaleen filannoo osoo jiranii bulchaan humnoota nageenyaa irbaatan isin afeera jechuun erga isaaniin achii baaseen booda, mana meeshaaleen filannoo keessa taa'e banuun meeshicha fuudhee boolla bishaanii keessatti gatuun achii dhokachuu himaniiru.
Hordoffii godhameen bulchaan gandichaa bakka dhokatee jiruu qabamuun meeshaaleen filannoo boolla gatame keessaa baafamuun filannichi karaa nagaa gaggeeffamuu himan.
Komishiner Tekkolaan akka jedhanitti bulchaan gandaa gochaa kana raawwate har'a mana murtiitti dhiyaachuu himuun poolisiin itti gaafatama itti kenname seeraan hin bahannes to'annoo jala ooluu ibsan.
Naannichatti godinoota naannichatti argaman 15 keessaa godinoota sagal keessatti shakkamtootni 15 hanga 29 tahan bakkeewwanii fi yeroo duula na filadhaa gaggeessuun hin eeyyamamne keessatti soo socho'anii toatamuu himaniiru.
Shakkamtootni kunneen paartii morkattootaa fi paartii Badhaadhinaa keessaa akka tahn himan. Tokko tokko kaardii filannoo sadii fi afur qabachuun kan qabaman yoo tahu, ;kaan ammoo namoota filachuuf dhaabbatan keessatti argamuun duula filannoo osoo gaggeessanii, kaan ammoo waraqaa osoo bittinsanii qabamuun to'atamanii mana murtiitti dhiyaachuu isaanii himan.
Filannoon biyyaalessaa 6ffaa Itoophiyaa waxabajji 21,2021, gaggeefamaa kan ture yoo tahu bakkeewwan sababa hanqina meeshaalee filannoofi rakkoo biraan adda citanitti ammoo waxabajji 22,2021 itti fufuun akka gaggeeffamaa jiran boordiin filannoo beeksiseera. Isaan keessatti buufataaleen naannoo Sidaamaa fi Gambeellaa ni argamu.
Naannoo Benishaangul Gumuz keessattis sababa hanqina meeshaalee filannoo barbaachisaniin filannichi kaleessa akka dhaabbatu taheera. Boordichis meeshaalee dhiyeessuun adeemsa isaa irratti ibsan kenna jedhe.
Filannoon bara kanaa waraanaan kan miidhamte naannoo Tigiraay keessatti guutummaan hin gaggeeffamne.