Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Himannaa kaardiin filannoo dursee guuramaa jira jedhuuf deebii mootummaa
Godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaatti gandoota muraasa jiran keessatti sababa rakkoon nageenyaa guyyaa filannoo uumamuu danda'a jedhuun aanga'oonni gandaa kaardii filannoo jiraattotarraa dursanii funaanaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.
Dubbi Himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa garuu, kaardii filannoo guyyaa filannoo dursanii sassaabaa jiru himannaa jedhu kana dharaa fi waan ta'uu hin dandeenyedha jedhan.
Haaluma walfakkaatunis Bulchaa aanaa Bulee Horaa Obbo Tasfaayee Daani'eel, ''Lakkii odeeffannoo sana hin qabnu nuti'' jechuun dhimmicha irratti BBC'f deebii kennan.
Jiraattonni nageenya isaaniif jecha eenyummaan isaanii akka hin gabaafamne gaafatan kun, haalli akkasii kun gandoota heddu keessatti raawwatamu dubbatan.
'Kaardii deebisaa...'
Jiraataan godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa BBCn dubbise tokko akka kaardii deebisuuf gaafatamuu hima.
''Anis gaafatameera. Garuu hin kennine. Nama dhibii irraa guuraniiru. Ganda Gaalee, Magaadaa, Raaroo keessaa guuraa jiru. Guyyaa sana lolli waan ka'uuf, filannoo bahuun hin danda'amu, isin amma deebisaa kennaa jechuun caasaan gandaa guuraa jira amma,'' jedhan jiraataa BBC'n dubbise kun.
Jiraataan kun gandoota kaan keessatti jalqabuu akka odeeffannoo qaban himuun erga jalqabee torban gaheera jedhan. Mana irra deemuun kennaa jechuun Birrii 20 waliin guuraa jiru jedhan.
Aanga'aan motummaa Obbo Geetaachoon garuu kun waan hin raawwatamneedha, gochi akkasii yoo jiraate mootummaan gara laafina tokko malee tarkaanfii akka irratti fudhatu nan mirkaneessa jedhu.
Jiraataan gara biraa aanaa Bulee Horaa ganda Qilleensoo keessaa dubbisneefi maqaan isaanii nageenya isaaniif jecha akka hin dhahamne gaafatan, taatee walfakkaatu kun gandasaanii kessas jiraachu dubbatu.
Jiraataan kun namootni 'guyyaan waan hin geenyeef hin kenninu' jedhan akka jiran himu.
Mootummaan maal jedha?
Bulchaa aanaa Bulee Horaa Obbo Tasfaayee Daani'eel gamasaanitiin, ''Lakkii odeeffanno sana hin qabnu nuti. Hin beeknu baqqaa! Yeroon gaheeraa kan filannoo kaardiin kan guuramu?'' jechuun gochaan jedhamee kan hinraawwatamne ta'uu BBC'tti himan.
Dubbi Himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ammoo, kaardii filannoo guyyaa filannoo dursanii sassaabaa jiru himannaa jedhu kana dharaa fi waan ta'uu hin dandeenyedha jedhan.
Odeeffannoo kaardii filannoo dursee sassababuu akka hinqabne kan himan aanga'aan kun, "caasaan gandaa kana godhu hin jiru" jedhan.
"Caasaan gandaa ykn caasaan nageenyaa kana godhu yoo jiraates yakkadha kan inni hojjecha jiru. Kanaaf, gochi akkasii yoo jiraate mootummaan gara laafina tokko malee tarkaanfii akka irratti fudhatu nan mirkaneessa," jedhan.
Dhimmi kana ilaalchisuun riippoortarri BBC kan gaafate dubbii himtuun Boordii Filannoo Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis gabaasni akkanaa nu hin geenye jedhanii, gochaan akkasii waan hin hayyamamne ta'uu dubbatan.
Gama biraan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa jalqaba ji'a Waxabajjii kanaatti ibsa baaseen iddoowwan tokko tokkotti galmeen filattootaa beekamtii boordichaa malee gaggeeffamaa akka ture ibsunsaanii ni yaadatama.
Sodaan rakkoo nageenyaa jiraa?
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti rakkoon nageenyaa mul'achaa jiraachu fi kanaanis wal qabatee filannoo aanaalee muraasa naannichaa keessatti kan hingaggeefamne ta'un booridichaan ibsamuunsaa ni yaadatama.
Dhiheenya kanas godinaalee Gujii Lixaa fi Shawaa Lixaa keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin aanga'oota mootummaa dabalatee namoonni nagaa ajjeefamaniiru.
Haala amma jiruun ummanni nagaan ba'ee sagaleesaa kennee akka galu gochuuf hojiin hojjetamaa ture ammas hojjetamaa waan jiruuf yaaddoon hin jiru jedhan Obbo Getaachoon.
"Ammas guyyaa jedhame sanatti ba'ee sagalee isaa kennuuf wanti nageenyaaf gufuu ta'u akka hin jiraanne ummanni caasaa nageenyaa waliin qindaa'ee hojii nageenya mirkaneessuu hojjetataati kan inni jiru.
Kanaaf, ''guyaa filannootti sodaa tokko malee kan gaggeeffamuu akka danda'u, naannoon keenyas guutummaan guutuutti nageenyi isaa mirkanaa'aa akka ta'e mirkaneeffanneeti kan jirru," jedhan aanga'aan kun.
Aanga'oonnii fi hojjetoonni mootummaa godinaalee Gujii Lixaa fi Shawaa Lixaatti tibbana hidhattoota ajjeeffamuu Obbo Getaachoon hin haalle.
"Gochaan isaan daguudhaan raawwatan kun guyyaa filannoo bakka kamittiyyu akka hin raawwatamnee fi namni sodaadhaan sagalee kennuurraa akka hin galle qaamni nageenyaa ummata waliin qindaa'ee hojjechaa jira" jedhan.
"Humna kana qaamni mootummaa bakka gara garaatti haleelaa waan jiruuf nageenya filannoo keenyaaf sodaa wanti ta'u hin jiru."
"Filannoo ni gufachiifna labsiin jedhu labsamuu danda'a garuu ummatichi filannoon kun kan isaa waan ta'eef akka hin gufanneef qoodasaa bahaataa jira," jechuun qophaa'in gama nagaatiin jiru maal akka fakkaatu ibsan Obbo Getaachoon.