Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021፡ Naannolee filannoo 54'tti rakkoon waraqaa filannoo mudate jedhe Boordiin Filannoo
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa naannolee filannoo 54 keessatti waraqaawwan filannoo maxxanfaman irratti rakkoon mudachuu adda baasuusaa ibse.
Boordiin kun dhimma kana marii kaleessa (Roobii 09/06/21) paartilee siyaasaa waliin gaggeeffamerratti akka ibse miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesseera.
Waraqaawwan filannoo maxxansuu ilaalchisee rakkoo isa mudate paartilee siyaasaatti himuu ibse boordiin kun.
Walitti qabduun boordichaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa, baajati duraan kaadhimamtoota dhiyaatan irratti hundaa'uun ramaduu ibsanii, garuu boodarra paartileen lakkoofsa kaadhimamtoota dhiyeeffachuu qabaniirratti komii wayita kaasan, dhimma kana walitti araarsuuf wayita jedhamutti waraqaa sagaleen itti kennamurratti hanqinni mudachuu himan.
Bakka rakkoon mudatetti irra deebiin maxxansuu barbaachisa jedhan Aadde Birtukaan.
Bakkeewwan hanqinni itti mudates Naannoo Afaar ja'a, Naannoo Amaaraa 11, Beenishaangul Gumuz 2, Gambeela 3, Oromiyaa 2, Uummattoota Kibbaa 15, Naannoo Somaalee 14, magaalaa Dirree Dhawaa 1.
Marii paartilee kanarratti walitti qabduun boordii filannoo kun tarkaanfiiwwan fudhachuuf jiranis ibsaniiru.
Filannoo ALI Waxabajjii 14 gaggeeffama jedhamu kanaaf naannolee filannoo 54 kunneeniif akkamiin yeroo gabaabaa kana keessatti waraqaan filannoo qophaa'ee raabsamaaf kan jedhurratti akka yaada kennaniif paartilee siyaasaa gaafatniiru Aadde Birtukaan.
Paartileen siyaasaas waraqaan filannoo kun biyya keessatti haalli itti maxxanfamuu danda'u akka mijatu yookiin ammoo iddoowwan sababa nageenyaaf jecha boodarra filannoo gaggeessan faana akka filannoon bakkeewwan hanqinni mudatetti gaggeeffamu yaada dhiyeessaniiru.
Boordiin filannoos yaada lameenuu fudhateera, garuu jalqaba yaada waraqaa biyyumma keessatti maxxansiisuuf yaaluu jedhurratti akka xiyyeeffatu himeera.
Yoo kun milkaa'uu baatemmoo kanneen barfatanii filannoo gaggeessan waliin akka ta'u haala mijeessuu kan jedhu akka filannoo lammaffaatti qabateera.
Boordiin kun bakkeewwan galmeen filattootaa itti hin eegalin hafe, kan galmeerratti rakkoon mudateefi iddoowwan komiin itti ka'an erga qoratee booda bakkeewwan akkasiitti filannoo gaggeessuun akka itti ulfaatu kanaan dura ibsee ture.
Filannoon kun ALI Caamsaa 28 bara 2013 gaggeeffamuuuf kan ture yoo ta'u sababa galmeen filattootaa fi adeemsi filannoo biroon yeroon hin xumuramneef gara Waxabajjii 14'tti dabarfameera.