Dhaabbatichi tajaajila 'taaksii qilleensarraa' eegaluufan jira jedhe

Dhaabbanni daandii qilleensaa Virjiin Atilaantiik jedhamu tajaajila taaksii qilleensaarran balaliisisuun magaaloota gurguuddoo irraa gara buufata xiiyyaarraatti deddeebisu eegaluufan jira jedhe.

Dhaabbatichi bu'uura walta'insa dhaabbata Vartikaal Aroospees kan Biristoolitti argamu waliin qabuutiin tajaajila taaksii qilleensarra balaliisisuun kana eegaluuf jedha.

Tajaajilloon taaksii balaliituu kunneenis kan buufataalee xiyyaaraa gurguddoo irraa gara magaalootaatti taasifaman jedhameera.

Dhaabbanni Veritkaal Aroospeesii kunis yaalii tajaajila taaksii qilleensarraa kana bara kana eegaluuf.

Yaadni taaksii qilleensarraa kun maal?

Kampaanonni hedduun ''taaksiiwwan qilleensarra balali'an'' imaltoota samii magaalootaa irraan bakka isaan deemuu barbaadan geessuu dandeessisan jajjabeessaa jiru.

Kan dhaabbanni Varjiin Atilaantiik kun xiqqoo adda.

Dhaabbatichi taaksiiwwan balali'an kunneen imaltoota magaaloota akka Kaambriijii fa'i irraa fuudhuun gara buufataalee daandii qilleensaa gurguddoo kan akka Landoon Heetroow fa'itti geessuu jedha.

Dhaabbatichi xiyyaaroonni isaa VA-X4 imaltoota afur fi paayilatii baachuun hanga fageenya maayilsii 100 balalii'uu danda'an. Kana malees heelekoptaroota irra faalama qilleensaa irraa bilasa.

Dhaabbatichis Daandii Qilleensaa Ameerikaafi Avalon kan kampaanii daandii qileensaa waliin hojjatu waliin wali ta'insa raawwateera.

Kun qabatamaa ni milkaa'aa?

"Gabaa kana keessa kanneen omishasaanii beeksisan hedduutu jiru,'' jechuun ture pirezidaantiin Vartikaal Aroospace Mikaa'eel Sarvinkaa BBCtti kan himan.

"Nuti garuu teekinooloojii hammayyaa jirutti fayyadamuuf hojjetaa jirra waan ta'eef humnaan ol nutti hin taatu.''

Xiyyaaroonni akka taaksiitti tajaajilan kunneenis ol fageenya meetira 15tiin bakkeewwan dhaquu qabanitti ykn buufataalee xiyyaaraatti balali'u.

Akkuma xiyyaaroota biraattis, VA-X4 irratti to'annoo cimaa hordoofiifi nageenyaa ni taasifama.

Yunvarsitii Crandfield'tti profesarri gargaaraan Aviyeeshiiniifi naannoo, Dr Guy Gratoon, xiyyaarri hammayyaa'aan elektirikii maal raawwachuu akka danda'u Pipistrel Velis kan Sloveniyaa haala gaariin mulliseera jedhan.

Xiyyaarri VA-X4 hiiliikoptar irraa sagalee kan hinqabnee yoo ta'an, ''ammalleen motarriifi baalliinsaa balalii'uuf sagalee inuma qabaataa,'' jedhu

Mr Sarvinkaa garuu wayita balalii'utti lafarraa sagalee firiijii caalaa hin baasuu jedha.

Kampaniin kalaqawwn 'raajii baatirii haaraa' eeggatamu caalaa tekinoloojii har'aatiin galmawwan isaa gahuu danda'a jedhan.

Haata'u malee, qilleensaarra imaltoota bakka tokkoo gara biraatti deddeebisuun teknolojii to'annoo tiraafikii qilleensaa, magaaloota keessatti xiyyaaroonni hawaasaan fudhatamuufi jijjirama to'annoo barootaaf ture ni barbaada jedhan.