Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rookkeettii haaraa akka ‘taaksii gara hawaatti’ tajaajiluu danda’u
Rookkeetiin Stardust 1.0 jedhamu bufata waraana Meeyin irraa Dilbata rookkeettii daldala boba’aa wantoota uumamaa irrra hojjatame fayyadamuun gara samiitti dhuka’uun isa jalqabaa ta’eera.
Boba’aa kana kan kalaqe Saschaa Deerii, maalirraa akka hojjetee gutummaatti himuu baatus, qonnaa addunyaarra jiran irraa waan argamu danda’u ta’uu garaa himeera.
Hundeessaa fi hogganaa dhaabbata qorannoo hawaa bluShift Aerospace kan ta’ee Saschaa fi gartuun isaa boba’aa kanaafi injinii adda ta’ee kalaquuf gara wagga ja’aa oliig hojjataniiru.
“Boba’aan wantoota umamaa irraa hojjatame rokkeetii gara hawaatti geessuuf akkuma boba’aa baramee ykn isa caalaatiyyu tajaajiluu akka danda’u agarsiisu barbaadna,” jedha.
“Boba’aa rookkeetii barameessa gatiin kiloogiraama tokko kan hir’isu yoo ta’u, guutummaatti ammo miidhaa kan hin qaqqabsiisnedha. Akkasumas kan karbooni hin qabne waan ta’eef kan addunyaa keenyaa fayyaduu fi itti gafatamummaan kan caaludha.”
'Stardust rookkeetii xiqqaa dheerina meetira 6 fi ulfaatina kg250 qofa qabudha. Ta’us garuu gatiin isaa kaanirraa gad bu’aa waan ta’eefi akka rokkeetti kaanii dhukaafamuuf gamoowwan gurguddaa waan hin barbaanneef, qorannoo hawaa namoota hedduuf dhiyeessuu danda’a.
Barattoonni, qorattoonni fi daldaltoonni akka barbaadanitti fi to’annoo foyya’aan yaaliiwwan adda addaa gaggeessuu danda’u.
“Ammatti geejjibni gara space kan akka SpaceX fi ULA jira – isaan atoobisii hawaadha, akka rookkeetti giddu galeessaadha,” jedha.
“Ulfaatina kiiloogiramaa kumaataman lakka’amu gara hawaatti gesso. Ta’us garuu ulfaatini tuqqaa gara hawaatti geessuuf tajaajilli hin jiru. Taaksiin gara hawaa deemuu hin jiru. Nuti tajaajila taaksii gara hawaa kennuu barbaadna.”
Stardust gara lafaatti deebi’uun dura gara km 1.6 qofa gara samiitti kan balali’e ta’us, rokkeettin inni itti aanuu gara orbiitiitti akka siquu fi inni dhumaa 'Red Dwarf' jedhamuu ammo orbitii poolarii akka darbuuf karoorfameera.
Akka tilmaama tokko tokkootti , tajaajilli saatilaayetii xixiqqaa waggooti kurnan dhufan keessatti galii doolara biiliyoona 69 argamsiisu danda’a.
Dhaabbati 'blueshift' saatilaayiti xixiqqo gara hawaatti erguun waggootii shan keessatti hojii haaraa 40 uumuuf karoorfateera.
'Stardust' wiirtuu kanatti daandii asphaaltii irraa kan dhukaafame yoo ta’u, ammatti bakka kuusaa jeettii waranaaf qophaa’ee ture keessa kaa’ame jira.
Wiirtuun waraanaa kun bara 1994tti yeroo rakkoon diinagdee nanniicha miidhetti cufame.
“Wiirtuun Meeyni waantoota barbaachisuu sirrii qaba, namoota qabna, gara orbiitii poolariitti ol dhukaasuuf ta’uumsi lafa bakkichaa nu fayyada. Wanti nurraa eegamu akka kana milkeessuu dandeenyu ofitti amanuudha,” jedha Saschaa.