Kaampaniin tajaajila taaksii kennu, Ubar, taaksii qilleensarraa imalu eegaluuf

Kaampaniin tajaajila taaksii kutaalee addunyaa garaagaraa keessatti kennuun beekamu, Ubar, balalii yaalii taaksii qilleensarraa bara 2020 tti Awustraaliyaatti akka eegalu beeksise.

Meelbarn magaalota kaampiniin kun balalii yaalii itti gaggeesuuf karoorfate kan biroo lama Dalaasiifi Los Aanjalasitti dabaleera.

Balaliin yaalii kun bara dhufu kan eegalu ta'uus hojiin idilee, ''Uber Air'', bara 2023 tti hojii eegala jedhamee yaadame.

Ubariin dabalataan kaampaniiwwan hedduun taaksii qilleensarra balaliitu akka filannoo hegereetti itti fayyadamuuf karoora qabataniiru.

Ubar sochiin qilleensarraa magaalota keessatti rakkoo traafikaa hamaa mudatu hambisuuf gahee qaba jedha.

''Hanguma magaalonni guddatan hirkannaan konkolaattota dhuunfaarra jiru fala biroo barbaada'' jedhu hoogganaan damee aviyeeshinii kaampanichaa Eriik Alisan.

'Uber Air' rakkoo traafikaa furuuf humna guddaa qabaatas jedhu.

Gudduu gala gabaa Meelbarn irraa gara buufata xiyyaaratti imaluuf daandii km 19 Uber Air daqiiqaa 10 keessatti kan xumuru yoo ta'u imalli kun konkolaataan sa'aa tokko fudhachuu ala.

Uber taaksiwwan balali'an hojjechuuf jecha Nasa fi humna waraanaa waliin hojjechaa kan jiru yommuu ta'u dhaabbilee xiyyaara omishan lama, Embraer fi Pipistrel waliinis hariiroo uumee jira.

Taaksiiwwan balalii'an ijaaruuf magaala Paarisittis laaboraatorii akka banu bara darbe beeksisee ture.

Dhaabbileen teeknoolojiii taaksiiwwan imaltoota qabatanii balali'uun milkaahan hojjechuutti wal dorgommii keessa erga galanii bubbulaniiru.

Dubaay droonii tajaajila taaksiif oolchuuf yaalii jalqabaa kan goote bara 2017 tti ture.

Dhaabbanii abbootii qabeenyaa 'Google' keessaa Larry Page'n deeggaramu tokkos taaksii elektirikaan hojjettuu fi ofiiin sa'aa tokkotti haga km 180 balaliitu kalaqe ifa godheera.