Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masriin taaksiin Ubar akka hinhojjenne dhowwite
Manni murtii Masrii fayyadama Ubarii fi Kaareem uggure; akka dhabbata oduu AFP'tti.
Manni murtii biyyattiis mootummaan hayyamni hojii Ubarii fi Kaareem biyya Masrii keessatti akka hinkennamne dhaabuuf gaafii dhiheesee ture fudhachuun kan murteesse ta'uus AFPn ibseera.
Kunis kan ta'e konkolaachiftoonni taaxii biyyatti hayyama geejjiba ummataa argachuuf kafaltii guddaa akka baasan ibsuun warri Ubarii fi Kaareem irraa garu kun hineegamu jechuun komii dhiheessaniin ta'uun bekameera.
Ejansiin oduu kun itti dabaluunis lammiilee Masrii kanneen konkolaachiftoota taaksii safartuu dheerina daandii ykn mijjeessitu qilleensaa hojachiisu didan akka appii geejjibaatti geedaran taasisafaman.
Konkoolaachiftoonni taaxii meetirii fageenya lakkaawuu fi meeshaa qilleensa qabbaneessu banuu diduu isaaniin kan mufatan lammiwwan Masrii gara fayyadama Ubeerii fi Kaareem akka dhaqan ta'aniiru, jechuun dhabbanni oduu kun dabalee ibseera.