Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhabdeen eenyuunuu hin fayyadu
Ministirri Mummee Itoophiyaa Hayila Maariyaam Dassaalanyi dhimma hidha haaromsaa guddicha ilaalchisee Pireezidentii Masrii Abdul Fattaa Al Siisii waliin mariyachuuf garasitti imalaniiru.
Maddeen BBCn ministeera haajaa alaatii qabu Ministirri Mummee Hayila Maariyaam daawwannaa guyyaa sadiif gara Masrii kan imalan ijaarsa hidha haaromsa guddicharratti waldhabdee uumame irratti mariyachuun garaagartummaa uumame dhipphisuuf akka ta'e himaniiru.
Masriitti Imbaasiin Itoophiyaa odeeffannoo Tiwitara isaarratti barreesseen ammoo mareen ministirootaa kan Masrii fi Itoophiyaa marsaa 6ffaan eegaluu eeruun barnoonni, fayyaan, qabeenyi uumamaa fi albuudni dhimmoota irratti mariyataman akka ta'e ibseera.
Miinistirri haajaa alaa Masrii Saamii Shikur barruu Al Ahraam jedhamuuf akka himanitti ''biyyoonni lameen hariiroo seenaan qaban fayyadamuun fayidaa waliinii isaanii cimsuuf walta'uun hojjechuuf qophiidha'' jedhan
''Yaa'a laga abbayyaa irratti yaa'ii walta'iinsa eegalameef daawwannaan kun haala mijataa ni uuma jedheen abdadhas'' jedhaniiru.
Waldhabdeen eenyuyyuu hin fayyadu
Guyyoota muraasa dura Pireezident Al Siisiin ergaa uummata biyyattiif dhaamaniin faayidaa Masriin bishaan irraa argattu akka kabachiisan waadaa galaniiru.
''Humna waraanaa biyya keenya balaarra ittisuu danda'u qabna. Eenyu waliinuu hin michoomnu. Haajaa biyya biraa keessas hin gallu,'' jedhan
Dhaabbata waajjira isaa Ameerikaa godhate kaawinsilii haajaa alaatti xiinxalaa siyaasaa gaanfa Afrikaa kana ta'an Istiiv Kook ''Lagni Abbayyaa Masrii, Sudaaniifii Itoophiyaa gidduutti muddama guddaa uumeera. Hundaaf kan fayyadu garuu marii fii waliigalteerra gahuudha,'' jedhan.
''Itoophiyaadhaaf hiyyummaa mo'achuuf faayidaa guddaa qaba. Sudaaniif ammoo seektara qonnaashee fooyyeessuuf guddaa gargaara. Kanumaafis Itoophiyaa waliin waliigaluun gahee bishaan argatanii ol kaasaniiru. Adeemsi Sudaan ammoo gahee bishaan Masriin argattuu waan hir'isuuf biyyota lamaan gidduu muddamni cimeera,'' jedhu obbo Istiiv
''Itoophiyaan muddama siyaasaa keessa jirti. kanaafuu rakkoo isaanirratti mudda siyaasaa biroo dabaluu mannaa waliigalteerra gahuun hunduu fayyadamaa ta'us'' jedhan
Yunivarsiitii Finifinneetti barsiisaa haaydiroo polotiksii kan ta'an Dr. Yaaqoob Arsaanoo haalli amma naannoo gaanfa Afrikaatti argaa jirru sochii biyyoonni fayidaa isaanii kabachiisuuf taasisan melee waan adda miti jedhu.
Sudaan, Itoophiyaa fi Masriin sadi ta'anii waliin hojjechuu qabu malee lama lamaan mariin godhamu hin fayyadu jedhan.