Namichi Firaans Pireezidaant Imaanu'el Maakroon fuularra kabale

Madda suuraa, EPA
Kibba baha Firaansitti daawwannaa hojii taasisaa kan turan Pirezdaant Imaanu'el Maakroon namicha tokkoon kabalaman.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa jiru, naannoo magaalaa Valence'tti yeroo Maakroon gara namoota dallaa duuba dhaabbataniitti adeeman agarsiisa.
Achiis qondaltota nageenyaan qabamuun dura namichi tokko hiixatee Maakrooniin fuularra kabale. Pireezidaantichis yeroosuma ariitiin naanicharraa akka adeemu taasifame.
Akka gabaasa miidiyaa Firaansitti taatee kanaan walqabatee namootni lama to’annoo jala oolaniiru.
Akkuma pireezidaanticha kabaleen namtichi dhaadannoo “bulchiinsi Maakroon haa kufu (Down with Macron-ism)” jedhu dhageessiseera jedhameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Namootni siyaasaa gocha kana balaaleffataniiru.
Ministirri Muummee biyyattii Jean Castex, dimookrasiin wanta waliif hin galle irratti falmii seera-qabeessa tahe kaasuuf fayyadus " hokkora, arrabsoo fi haleellaa qaamaa kamiinuu ta'uu hin qabu," jedhaniiru.
Hogganaan paartii gama bitaa (Far-left) Jiin-Luuk Melakoon kaballaan kun dhaga'amuun booda "pireezidaanticha waliin dhaabbanna" jechuun Tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
Pireezidaant Maakroon daawwannaa hojii Firaans keessa taasisaa jiraaniin, yeroo kana mana barnootaa leenjii hoteelaa Tain-l'Hermitage daawwatanii ba'aa turan.
Daawwannaan isaanii naannichaa Kibxatas itti fufuun jaarmiyaa barnootaa leenjii kanneen umuriinsaanii 25-30 tahan tajaajilu daawwachuuf karoora qabatanii turan.













