Paarlaamaa Taanzaaniyaa: Miseensi paarlaama surree ‘maxxanu’ uffataniif galma keessaa baafamuun dubbii kaase

Kondestaa Sichiwaale irra keessa uffata kelloo uffatanii

Madda suuraa, @Hakingowi

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensi Paarlaamaa sababa surree isaaniin akka baafaman ta'an

Miseensonni Paarlaamaa Taanzaaniyaa miseensa mana marichaa sababa surree isaan uffataniif akka galmichaa bahan taasifaman dogongora jechuun dhiifamni akka taasifamu gaafatan.

Miseensi paarlaamaa dhiira ta'an akkitti dubartoonni uffata mana maree keessatti uffatan maqaa paarlaamichaa ballesseera jedhan.

''Af yaa'ii, akka fakkenyaatti dubartiin karaa mirga koorra tishartii keelloo uffatte jirti. Surree isheen uffatte mee ilaalaa Af yaa'ii!,'' jechuun Miseensi Paarlaamaa Huseen Amaar gaafa Kibxataa Paarlaamaa keessa dubbatan.

Achi booda Af Yaa'iin mana marichaa Miseensa Paarlaamaa kan ta'an Kabajamoo Kondestar Sichiwaale mana maree keessaa akka bahan taasisan.

''Deemiiti sirriitti uffadhu, ergasii booda nutti makami,'' jechuun Af Yaa'ii kan ta'an Job Nidugaayi dubbatan.

Akkaataa uffannaa dubartootaa irratti komiin yoo na bira gahu yeroo duraaf miti jechuun kanneen sirriitti hin uffanne akka hin seenne akka dhorkaman Nidugaayin dubbatan.

Aadde Kondestar Sichiwaale

Madda suuraa, @Hakingowi

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Kondestar Sichiwaale mana maree keessaa baafamanii

Obbo Huseen Amaar akkaataa uffannaa Aadde Sichiwaale irratti badii maal akka argan ibsuu baatanis, dambii paarlaamaa Taanzaaniyaa keessa dubartoonni surree uffatan kan isaanitti maxxanu ta'u akka hin qabne isa ibsu eeran.

BBC'n yaada dabalataaf miseensa paarlaamaa kana argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Gareen miseensota Paarlaamaa Jacqueline Ngonyani fi Stella Manyanya durfamu tarkaanfiin fudhatame sirrii miti jechuun ibsu.

Akkaataan uffannaa Aadde Sichiwaale rakkoo hin qabu jedhu.

Taateen kuni namoonni bakkeewwan addunyaa garaa garaa jiran yaada akka itti godhan taasiseera.

Kanneen komii barreessan muraasni kuni dhiironni akkaataa dubartoonni uffachuu qaban to'achuurraa adda miti jedhan.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Presentational white space
Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Presentational white space