Filannoo Somaaliilaand: Biyya beekamtii hin qabne kan ijoollee waggaa 15 filannoorratti hirmaachiftu

Sirna kabaja guyyaa walabummaa Somaaliilaand, magaalaa Hargeessaatti bara 2016

Madda suuraa, AFP

Uummanni Somaaliilaand filannoo Wiixata gaggeeffamuun booda akka biyyaatti beekamtii guutuu argachuuf abdii qaban ibsataniiru jechuun Gaanfa Afriikaatti xiinxaltuu BBC kan taate Mary Harper barreessiteetti.

"Sagalee koo kennuuf baay'een ariifachaa jira. Amma of barreerra, akka waan biyya keenya of harka galfanneettin ilaalaa jira,'' jette daa'imni umrii waggaa 15 Yasmin Abdii.

Biyya erga adda baatee ofiin ofbulchuu eegaltee waggaa 30 taate Somaaliilaand keessatti namni tokko filannoo filachuuf umrii waggaa 15 fi sanaa ol ta'uu qaba.

Somaaliilaand erga adda baatee ofiin of bulchuu eegaltee waggaa 30 guutteetti.

Biyyi kun erga Somaaliyaa irraa walaboomtee as sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne.

"Somaaliilaand bara kana Gaanfa Afriikaa keessatti biyya filannoo dimokiraatawaa ta'e gaggeessuun dorgomaa hin qabne taati,'' jedhan Daarektarri Inistitiyuutii Rifti Vaalii Maark Bardbarii.

Dura taa'aa Itti Aanaan paartii biyyattii bulchaa jiruu, Kulmiye jedhamuu Ahmad Dheere, filannoon baranaa akkaan murteessaadha jedhan.

"Filannoon keenya yoo nuuf milkaa'e biiftuu Gaanfa Afriikaa taana.''

Uummata Somaaliilaand keessaa dhibbeentaa 70 kan ta'u umrii ganna 30 gadi jiru

Madda suuraa, Ahmed Kadleye

Ibsa waa'ee suuraa, Uummata Somaaliilaand keessaa dhibbeentaa 70 kan ta'u umrii ganna 30 gadi jiru

Gaanfa Afriikaa keessaa Somaaliilaand nagaa fi dimokiraasiidhaan biyya fooyyee qabduudha, garuu filannoon paarlaamaa yeroo gaggeeffamuu qaburraa waggaa 10'n booddeetti hafeera, filannoon bulchiinsa magaalaa ammoo waggaa afur dura gaggeeffamuutu irra ture.

Kanaafuu sirni bulchiinsaa biyyattii qindaa'aa fi tarsimaawaa miti.

Rakkoon biyyattii kan biraan ammoo saboonni lakkoofsaan xixiqqoo ta'an paarlaamaa keessaa dhibuu fi dhiibamuudha.

Akkasumas lakkoofsi dubartootaas muraasa, miseensota 82 keessaa dubartii tokko qofatu jirti.

Morkattoota hidhuunis rakkoo biraadha, bara kana morkattoonni filannoorratti dorgoman shan hidhamaniiru.

Hidhaa gaazexeessitootaa

Rakkoo hamaan biyyattii kan biraan ammoo ilaalchi mootummaan miidiyaaf qabu badaa ta'uusaati.

Gaazexeessitoonni hedduun ni dararamu, ni hidhamu akkasumas miidiyaaleen ni cufamu.

Qondaaltota Paartii Waddani, wayita duula na filadhaa gaggeessan

Madda suuraa, Omer-Sayid Hassan

Dursaa Paartii morkataa 'Justice and Development' kan ta'e Faisal Warabe, gosaan walqoollifachuun biyyattii diiga jechuun bulchiinsa amma jiru komata.

"Sirni nuti saboota irratti qabnu ulaagaa dimokiraasii kan guutu miti. Diiguu qabna. Ta'uu baannaan akka Yaman taana. Gosaan walqoodnee biyya gargar qooduuf deemna,'' jedha.

Erga bara 1993 as bulchiinsa jiru kan komatu Aab Waraben, paarlaamaa biyyattii keessatti aangoon dhaalaan dhufuun dimokiraasiin biyyattii keessa akka hin jirre mul'isa jedha.

Alaabaa biyyoota alaa Somaaliilaand keessatti...

Paartiin Kulmiye duula na filadhaa gaggeessaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Wayita weerara koronaavaayirasiitti duulli na filadhaa gaggeeffamaa jira

Somaaliilaand akka biyya of-dandeesseetti beekamtii idil-addunyaa argattee jiraachuuf gaaffiin ishee gaafachaa turte waggaa 30 caaleera, garuu dhageettii hin arganne.

Biyyoonni alaa dhimmi Somaaliilaand Gamtaa Afriikaan yaa murtaa'u jechuun dhiibbaa uumaa turan.

Gamtichi ammoo biyyattii Somaaliyaa irraa fottoquu hin fedhu.

Haata'u malee Somaalilaand akka biyyaatti beekamuu baattus, akkuma amma jirtutti addunyaarraa biyyoota hedduu hawwachuu dandeesseetti.

Alaabaan biyyoota addunyaa garaagaraa magaalaa guddoo biyyattii Hargeeysaa keessa mirmirfamu kan biyya of dandeessee jiraattuun gadi miti, akkaan heddummaataa jira.

Biyyoonni hedduun qoontsilaa yookiin biiroo bakka bu'aa isaanii biyyattii keessatti heddumminaan banachaa jiru.

Biyyoonni kunneen kanneen akka Jibuutii, Itoophiyaa, Tarkii, UK, Deenmaark, UAE, fi Taayiwaan fa'a.

Waggoota dheeraaf Somaaliyaa waliin walqoollifataa kan turan Keeniyaa fi Masriinis biyyattii keessatti waajjira isaanii banachuuf jedhu.

Fedhiin biyyootaa maaf heddummaate?

Danaa Somaaliilaand

Somaaliilaand Gaanfa Afriikaa keessaa bakka tarsimaawaa biyyoonni addunyaa barbaadan qabattee jirti.

Biyyattiin ulaa Galoo galaana Adan fi Galaana Diimaati.

Raashiyaan buufata Barbaraa irratti riqicha kiilomeetira afur ta'u ijaaruun achirraa bara waraana hololaa US haleelaa turte, sun ammallee jira.

Gama kaaniin Yunaayitid Arab Imireetis (UAE)'n dhiyeenya kana maallaqa guddaadhaan buufata Barbaraa misoomsaa jirti.

Rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessatti mudatee jiru ammoo Gaanfa Afriikaa keessaa Somaaliilaand hawwata invastimantii ishee cimtuu akka taatu haala mijeesseeraaf.

UAE'n bara 2016 buufata kana misoomsuuf waliigaltee waggoota 30'f turu mallatteessitee doolaara miiliyoona 500n hojii buufaticha babal'isuu hojjechaa jirti.

Daandiin buufata Barbaraa irraa hanga Itoophiyaatti ijaaramaa jirus qaamuma karoora kanaati.

Gaala
Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliilaand qabeenya gaalaatiinis ni beekamti

Somaaliilaand qabeenya beeyladaa kanneen akka gaala, re'ee fi hoolaan baay'ee beekamti.

Waggaa waggaadhaan qabeenya beelladootaa kana miiliyoonaan kan lakkaa'aman gara biyyoota addunyaa garaagaraatti ergiti.

Kana malees biyyattiin qabeenya uumamaa, boba'aa, cileewwaniifi albuudota kaaniin baay'ee beekamti.

Kun hunduu akka addunyaan garasheetti fuula deebifatu godheera.

Garuu biyyattiin kana hunda qabaattee addunyaarratti akka biyyaatti beekamtii argattee hin jirtu.

Dureen paartii Kulmiye Aab Dheeren filannoon alanaa biyyattiin akka biyyaatti beekamtii akka argattuuf kan gargaaruudha jedhanii amanu.

"Filannoo kana gaggeessinaan, beekamtii keenya ni arganna jennee yaadna,'' jedhan.