Somaaliilaand Guyyaa har'aa filannoo geggeessa jirti

Dubartii lammii Somaalilaand wayita filannoo prezidaantiif sagalee laatu

Madda suuraa, ALI MUSA

Waggoota 25'iin dura Somaaliyaa irraa fottoquun mataa ishee Mootummaa Somaalilaand jette waamte, guyyaa har'aa yeroo shanaffaaf filannoo prezidaantii geggeessaa jirti.

Malaamaltummaa fi dogoggorsa sagalee kennamuu ittisuuf meeshaan qaroo ijaa qalbeeffatu ( Retina recognition) bakka sagaleen kennamu hundaatti hojii irra ooleera.

Namoota sagalee kennuuf hiriiran

Hojii-dhabduuman mata dureen rakko qabanitti - dargaggoonni %75 ta'an hojii hinqabani.

Angaawoonni biyyatti akka abdatanitti, filannoon kun dhimma isaanii ilaalchisee haawaasa adduunyaa biratti fudhatama isaanii ol kaasa.

Oduu dharaa ittisuun akka danda'amuufis angaawoonni Somaaliilaand miidiyaaleen hawwaasaa guyyaa guutuuf akka ugguraman gaafataniiru.