Somaalilaand fi Puuntilaand 'biyyoota' jalatti waamuun Itoophiyaa falmii kaase

Kaartaa Afriikaa Dogoggoraa

Madda suuraa, MoFA Ethiopia

Itoophiyaan erga kaartaa Afrikaa dogoggoraa Somaaliyaa daangaa Itoophiyaatti make maxxansiteef dhiifama gaafattee booda ammas dhimmi mufii kaasu biraa mudateera.

Marsariitii Ministeera Dhimmaa Alaa Itoophiyaa kaartaan dogoggoraa irratti maxxanfame sana irratti Somaalilaandii fi Puuntilaand tarree biyyoota Itoophiyaan ergama dipiloomasii waliin qabduu jalatti tarraa'anii jiru.

Kuni walabummaa Somaaliyaa tuffachuudha jechuun lammileen biyyattii hedduun mufii qaban marsaalee hawaasaa irratti ibsataa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa garuu walabummaa Somaaliyaa nan kabaja jedha.

''Itoophiyaan walabummaa Somaaliyaa ni kabajji, Somaalilaand fi Puuntilaand akka naannoleetti malee akka biyyaatti beekamtii hin kennituuf,'' jechuun Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Obbo Nabiyaat Geetachoo BBC'tti himaniiru.

MOFA Ethiopia

Madda suuraa, MOFA Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Tarreen biyyootaa kun kan maxxanfame Dilbata darbe caamsaa 26 ture

Somaaliilaand bara 1991 Somaaliyaa irraa adda of baastee akka biyyaatti of labsiteetti garuu beekamtii idil-addunyaa hin arganne.

Akka biyyaattii beekamtii kennuufi yaaluun falmii guddaa kaasisa. Puuntilaand ammoo gariin akka biyya of dandeesseetti of lakkoofti.

Namooti siyaasaa fi rogeeyyiin Somaaliyaa hedduun mootummaan Somaaliyaa callisuu hin qabu jechuun dhiibbaa uumaa jiru.

Ministira duraanii Somaaliyaa kan turan Obbo Abdii Ayint, "isa duraa dogoggora erga jedhanii, isa kana hoo maal jedhu?" jechuun 'twitter' irratti barreessaniiru.

"Itoophiyaan walabummaa fi tokkummaa Somaaliyaa fudhachuu dhabuu yeroo dheeraaf aadaa godhatteettis" jechuun himatu.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa kan turan Obbo Yusuuf Garaad "mootummaan keenya akka waa'ee dogoggora kaartaa callise kanas callisuu hin qabu" jechuun barreessaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Itoophiyaan Somaaliyaa akka biyya tokkootti beekti kan jedhan Obbo Nabiyaat, imbaasii tokko Mogadiishuu keessa akka qabdu eeraniiru.

Somaalilaand fi Puuntilaand keessaa kan qabnu waajjira Qoontsilaati malee imbaasii miti jedhu.

Qoontsilaan ammoo mirgaa fi faayidaa lammilee Itoophiyaa naannicha keessa jiraatanii ilaalcha keessa galchuun kan banamudha jedhu.

Kun Somaaliyaa qofa keessa osoo hin taane biyyoota kaan keessattis bifa walfakkaataan hojjeta jedhan. Fakkeenyaaf, Chaayinaa keessaa Itoophiyaan Qontsilaawwan 4 akka qabdu dubbatu.

Walumaagalatti garuu marsariitii Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin wal qabatee dogoggoroonni akka jiraniifi ministeerichi qulqulleessaa akka jiru Obbo Nabiyaat BBC'tti himaniiru.

Kaartaan Dilbata darbe marsariitii kanarratti mul'ate falmii guddaa kaasee ture.

Ministeerri dhimma alaas erga dhiifama gaafateen booda dhimmicha qulqulleessee tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu beeksiseera.