Lola Tigraay: Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraarra uggura visa kaa'uu beeksiste

Yunaayitid Isteet lola Tigraay keessaan walqabatee qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa, akkasumas kan deeggarsa namoomaa danqan jettee amantuurratti uggura visa akka keesse ifatti beeksiste.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkan ibsa baasaniin gama dippilomasiin tarkaanfiin 'guddaa' taasifamuus, kanneen lola Tigraay keessa qooda fudhataa jiran rakkinicha hiikuuf nagaan furuuf tarkaanfii hiika qabu hin fudhanne jedhan.

''Yeroon hawaasa idil - addunyaa tarkaanfii fudhatu amma,'' jechuun uggura visa qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa, Humna Addaa Amaaraafi TPLF irratti labsuu beeksisan.

Uggurri kuni maatii namoota kanaallee dabaluu akka malu ibsameera. Mootummaaleen kaanis tarkaanfii akkanaa akka fudhatan Ameerikaan waamicha dhiheessite.

''Dabalataan, deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa irratti dhorkaa bal'aa kenyeerra,'' jechuun Antoonii Biliinkan ibsan. Torban darbe barruun Foreign Policy dhimma kana maddeen eeruun gabaasee ture.

Kana waliin fuuladuratti Ameerikaan imaammata to'annoo daldala ittisaa kan biyyi tokko teknolojii waraanaa Ameerikaa akka hin fayyadamne dhorkuu malu akka fiddu Biliinkan akeekaniiru.

Murteen kun erga jilli Addaa Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti muudde Jeeferi Feltimaan daawwannaa taasisanii deebi'an booda dhagahame.

Ammatti qondaaltonni uggurri irratti kaa'amne kam akka ta'an hin beekamu. Tajaajilli visa qondaalonni hin argatan jechuun Ameerikaa seenuu hin danda'an jechaadha.

Itoophiyaafi Ameerikaa michumaa yeroo dheeraa qabu. Haa ta'u malee, dhimma Tigraayin walqabatee muddamatu jira. Tarkaanfii Ameerikaa kana booda gama mootummaa Itoophiyaas ta'e kaan deebiin kenname hin jiru.

Ameerikaan murtee kana murteessuun dura namni dhihoo Pirezidant Joo Baayidan kan ta'an Senaatara Kiriis Kuuns qondaaltota Itoophiyaa waliin mari'ataniiru. Akkasumas jilli addaa Gaanfa Afrikaatti muudde Jeeferi Feeltimaan biyyoota Gaanfa Afrikaa daawwataniiru.

Torban darbe Seenetiin Ameerikaa dhimma Tigraay irratti walgahuun sagalee guutuun murtesseera.

Imbaasiin Itoophiyaa Ameerikaa jiru murtee Seenetiin ''mufachuu'' ibsuun ibsa Sambata baasen komii ibsuun ni yaadatama.

Lammiileen itoophiyaas ''harka keessan Itoophiyaarraa kaasaa'' jechuun magaalaa Finfinneetti daanditti hiriira bahuun mormii ibsaniiru.

Erga lolli Tigraay eegalee Gamtaan Awurooppaafi Yunaayitid Isteet irra deddeebiin yaaddoo akka qabaniifi haalli namoomaa lammiilee nagaa miidhamuu irra deddeebiin ibsaa turan.

Kanumaa walqabatee qaamoleen lamaan kana dura deeggarsa maallaqaa taasisan akka dhorkan beeksisuun ni yaadatama.

Biliinkan maal jedhan?

Ameerikaan rakkoo Tigraay keessaan ala birmadummaan biyyaa, tokkummaa biyyaalessaafi daangaan Itoophiyaa akka ishee yaaddessu ibsiteetti.

Ummanni Tigraay sarbama mirga namoomaaf saaxilamuu itti fufe deeggarsa namoomaa barbaadus deeggarsi ''waraana Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas kanneen hidhatan kaanin danqamaa jira,'' jette.

''Ameerikaan cimsitee ajjeechaa, dirqiin buqqaasuu, haleellaa saal - qunnamtii fi sarbama mirga namoomaa ni balaaleeffatti,'' jedhan Antoonii Biliinkan ibsa isaanii keessatti.

Qabeenya namoota dhuunfaan akkasumas bishaan, hospitaalaafi giddugaloota fayyaarratti miidhaan gaheenis ''rifanne'' jechuun ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa kanneen badii keessa qooda qaban seeratti akka dhiheessuufi lammiilee nagaa akka tiksu akkasumas ulaan deeggarsa namoomaa hin danqamne akka jiraatu ifatti waadaa seene akka kabaju Biliinkan gaafataniiru.

Mootummaan Ertiraas waadaa ifatti seenee eeguun waraana isaa daangaa idil - addunyaa beekamutti akka deebisu Antooni Biliinkan gaafataniiru.

Itoophiyaafi Ertiraan waraanni Ertiraa Itoophiyaa seenuu yeroo dheeraaf mormaa turanis imala Senaatar Kiriis Kuuns booda ifatti amanuun akka baasan waadaa seenaniiru.

Yoo kanneen lola keessa fudhatan jibba walirratti labsuu yeroodhaan hin dhaabneefi deeggarsi namoomaa bal'inaan yoo wal hin geenye ummata beelatti oofuu maal jechuun ibsan.

''Har'a qondaalota mootummaa duraanii Itoophiyaa yookiin Ertiraa, miseensa humna nageenyaa yookiin namootaa biraa - kan naannoo Amaaraafi humnoota kaan akkasumas miseensota TPLF rakkoon Tigraay keessa akka hin furamne gaafataman, yookiin kaan waliin keessa qooda fudhatan irratti visa'n ugguramu nan ibsa,'' jedhan.

Tarkaanfiin kuni badii lammiilee nagaa Tigraay keessatti geessisan akkasumas deeggarsa namoomaa danqan akka dabalatu ibsan.

''Miseensi maatii namoota kanaallee uggura keessa seenuu malu,'' jechuun Ameerikaan ibsite.

Rakkoo Tigraay keessa jiruuf kana dura UN qaamoleen lola keessa hirmaatan martii badii raawwachuu akka amanu ibseera.

Rakkoon Tigraay keessa akka hin furamne kan taasisan jedhan yoo kana hin sirreessine jechuun ''Ameerikaafi hawaasa idil - addunyaa irraa tarkaanfii biraa eeguun isaanii dirqama ta'a,'' jedha ibsichi.

''Mootummoonni kaanis tarkaanfii fudhachuutti nu waliin akka ta'an gaafanna.''

Haa ta'u malee, deeggarsa namoomaa kanneen akka fayyaa, nyaataa, barumsa, dubartootaa akkasumas kaan Itoophiyaaf kennuu akka itti fuftu himan.

Rakkoo Tigraay keessaaf ''furmaata siyaasaa'' kan gaafatte Ameerikaan lammiileen Itoophiyaa kaan ''qoodinsa jiru furuuf araaraafi mariin'' akka itti dhimma bahan gaafatan.

Lolli Tigraay keessaa muddama mootummaa federaaaafi TPLF gidduu ture hidhattoonni TPLF waraana Itoophiyaa haleeluu hordofeeti waraanatti kan seename.

Kanaanis, kumi hedduu ajjeefamu ni amanama. Kan qe'eerraa buqqa'anii gargaarsa barbaadanis kuma hedduudha.