Antoonii Biliinkan: Haalli Itoophiyaa keessa jiru Ameerikaa yaadessuu MM Abiyi Amhaditti himuu beeksiisan

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti 'beelli hamaan' mudachuu mala jechuun yaaddoo guddaa qaban ibsan.

Kana malees, Antoonii Biliinkan wal dhabdee sabaa biyyattii keessatti mul'atu akka furmaata argatuuf MM Itoophiyaa Abiy Ahmad gaafachuus himaniiru.

Mr Biliinkaan ergaa fuula tiwiitara isaaniirratti barreessaniin, MM Itoophiyaa Abiya Ahimad waliin bilbilaan haasa'uu himanii, ''qaamooleen wal lolaa jiran hundumtuu waldhabdee dhaabuun barbaachisaa ta'uu cimsee dubbadheeras,'' jedhan.

Mr Biliinkan ''Biyyattii keessatti waa'een deegarsa namoomaafi sarbamni mirgoota namoomaa hammaachaa deemuun baayyee'' yaaddessaadha jechuusaanii AFPn ibsa waajjira mootummaa US eeruun gabaaseera.

Biliinkan loltoonni Ertiraa kan MM Abiy dhiheenya kana Tigraay keessa jiraachuu amananiifi akka bahan waadaa galanii turan, akka ''atattamaan haala mirkannaa'uu danda'uufi guutummaan guutuutti bahaniif'' ammas gaafataniiru.

Humnootiin Ertiraa, akkasumas kan naannoo Amaaraa ''rakkoo deegarsa namoomaa dabalaa jiruuf gummaachaa jiraachuufi sarbama mirga namoomaa raawwataa jiraachuu,'' ibsichi dabalee himeera.

Biliinkan akka jedhaniitti, dippilomaatiin Gaanfa Afriikaatti gaheen haaraa ergamaa addaa US kennameef Jeefrii Fetmaan dhiheenyatti Itoophiyaa ni doowwata jedhan.

Odeessaalee dhimma kana irratti jiran biroo:

MM Abiy Sadaasa 4, 2020 ture erga humnootiin TPLF buufta waraana biyyattii naannicha keessa jiruratti haleellaa raawwachuun himateen booda tarkaanfiin akka irratti fudhatamuuf kan labsan.

Ameerikaan michummaa bara dheeraa Itoophiyaa waliin qabaattulleen, dhiyyeenya keessa garuu yaaddoon biyyattii haalaan guddachaa dhufuu irra deddebiin isaa jiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii (UN) dhuma baatii Bitooteessaatti ture Tigraay keessatti namoonni miliyoona 1.7 qe'eerraa buqqaafamuufi gariin isaanii beelaaf saaxilmaa jiraachuu kan beeksiise.

Torban darbees Mana-maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii haala rakkina naannoo Tigraay irratti ibsa baasuuf yeroo jalqabaatiif waliigaterra gahuun, sarbamawwan mirgootaa irratti ''yaaddoo cimaan'' itti dhagahamu beeksiisunsaa ni yaadatama.