Biil Geetis qorannoon kachachaluu irratti gaggeeffamaa wayita turetti Microsoft gadhiise

Dhaabbanni Maayikiroosooft hundeessaa isaa Biil Geetis aangoo boordii kaampanichaa gadhiisuun yeroo muraasaan dura, kachachaluu waggoota 20 darban keessatti raawwateef qorannoo irratti gaggeessaa ture.

Dhaabbanni teekinoloojii guddaan kun erga gabaasotni amala isaa ilaallatan isa gahanii qorannoo eegaluu hime.

Dhaabbatichi qorannicha dhaabbata tajaajila seeraa waliin tahuu gaggeessuun hojjettoota komii dhiyeessaniif gargaarsa taasiseera.

Dubbi-himtuun tujaara kanaa, Biil aangoo boordichaa gadhiisuun isaanii qorannicha waliin waan wal qabatu akka hin taane himan.

Oduun qorannoo kanaa kan dhagahame erga Biil Geetis fi haati warraa isaanii duraanii Meelindaan waggoota 27'f gaa'ilaan erga waliin jiraatanii wal hiikuu isaanii ibsaniin booda.

Wiixata dubbii himaan Maayikiroosoofti akka jedhetti, dhaabbanni sooftiweerii kun, Geetis bara 2000 ''hariiroo michummaa'' hojjettuu dubaraa tokko waliin eegaluu barbaaduu isaa akka komiitti bara 2019 keessaa simate.

"Koreen boordichaa dhimmicha ilaaleera, dhaabbata seeraa alaa waliin tahuun, haala qorannoo isaa irratti hojjechaa ture,'' jedhe.

''Yeroo qorannichaatti Maayikiroosoofti hojjettuu komii dhiyeessiteef deeggarsa gaarii tahe godheera,'' jedhe.

Qorannichi xumura otoo hin argatin, Biil Geetis dursanii aangoo boordii kaampaanichaa irraa bu'an.

Ji'a Bitootessaa bara darbe keessa Mr Geetis LinkedIn irratti akka maxxansetti [Afaan Ingiliizii], murtoo kana kan fudhate yeroo isaa irra caalaa dhaabbata tajaajila tola ooltummaa 'Bill & Melinda Gates Foundation' waliin darbasuuf akka tahe hime.

Murtoon kunis irra deebiin filatamee ji'a sadii booda dhagahame.

Yeroo sana akka barreessetti: ''Gama Maayikiroosooftiin, aangoo boordii gadhiisuun kaampaanicha gadhiisanii keessaa bahu miti. Microsoft yeroo hundaa jireenya koo keessatti waan guddaadha... isa yeroo kamiyyuu caalaa jijjiirama gaarii kaampaanichi taasisuu fi addunyaa fayyaduu itti fufu irratti abdiin qaba.''

Haa tahu malee Dilbata darbe barruun 'Wall Street Journal' amalli Biil Geetis hojjettuu dubaraa tokko wajjin agarsiiseen, boordichatu akka aangoo gadhiisu murteesse jechuun gabaase.

Dubbi-himtuun Biil Geetis kachachalli kun raawwachuu gaazeexchatti mirkaneessuun, garuu murtee aangoo gadhiisuu wajjin waan walqabatu miti jetti.

''Waggaa 20n dura kachachalli tureera, garuu nagumaan oggasuu xumurameera,'' jette dubbi-himtuun.

''Murtoon Biil boordicha keessaa bahu dhimma kana waliin waan wal qabatu hin qabu. Dhugumatti yeroo bal'aa hojii tola ooltummaa isaa waggoota dheeraa dura eegale keessatti dabarsuu akka barbaadu ibsee ture,'' jette dubbii himtuun isaa.

Faawundeeshiniin Biil fi Meelindaas Geetis ibsicha akka deeggaran BBCtti himan.

Biilii fi Meelindaan ji'a darbe keessa ture wal hiikuu isaanii kan ibsan. Lamaan isaanii hojii tola ooltummaaf qabeenya isaanii biliyoonotaan kan dhangalaasan yoo tahu, erga wal hiikaniis hojii isaanii kana walumaan akka itti fufan himaniiru.

Miidiyaaleen US akka gabaasaniitti lamaan isaanii iyyuu osoo wal hin hiikiin dura akkatti qabeenya isaanii horatanis walii galaniiru.

Akka barruu Forbes jedhutti, Biil addunyaa kanarraa duuressa sadarkaa 4ffaa yoo tahu qabeenyi isaa $124bn (£89bn) taha.

Biil dhaabbata bara 1970 keessa Maayikiroosoofti kan hundeesse yoo tahu, hanga bara 2008tti hojjetaa yeroo guutuu tahuun hojjetaa tureera.

Lamaan isaanii manneen jireenyaa doolaara miliyoonota hedduu baasu Waashingitan DC, Filooriidaa fi Waayoomingi keessaa qabu.

Bakki mana jireenyaa isaanii itti qubatan bakka qarqara haroo kan taate Medinaa, magaalaa Waashingitan kan jiru yoo tahu, $127m baasa jedhama.