Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo lammiilee Chaayinaa sadii 'to'annoo jala oolchan'

Waraanni Bilisummaa Oromoo -WBOn lammiilee Chaayinaa sadii lixa Oromiyaa naannoo Mandiitti hojii albuuda baasuu hojjatan butuun to'annoo jala oolchuu ibsa baaseen hime.

Waraanni Bilisummaa Oromoo - WBOn namoota kana kan bute naannoo magaalaa Mandiitti ta’uufi sababiin isaa tokkos waliigaltee albuuda baasuu mootummaan jara kanaaf kenne waan hin simanneef akka ta’e himeera.

Ibsa dhaabni kun baaseen namoonni to'annoo jala jiran kunniin, ''harka naga-qabeessaafi fayyaa gaariirratti argamu,'' jedheera.

Paartii Adda Bilisummaa Oromoo irraa adda cituun bosonatti kan hafe WBO’n, lixaa fi kibba Itoophiyaatti haleellaawwan garagaraa raawwachuufi namoota butuun himatamaa tureera.

Mootummaan biyyattiis ajjeechaa namoota nagaafi hokkorra bakkeewwan adda addaatiif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' ykn 'Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.

Paarlaamaan Itoophiyaas walgahii dhiyeenya kana taa'een, dhaabbilee TPLF fi 'Shanee' shororkeessitoota jechuun labseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo akka jedhutti hojiin albuuda baasuu kun hawaasi naannichaa qe’eerraa akka buqqa’an kan godheefi fi qabeenya uumaamaa irratti miidhaa geessiseera.

Namoota kana butee fudhachuu isaaf sababni biraan Fulbaana waggaa darbee yeroo filannoon itti gaggeeffamuuf ture irraa eegalee WBO’n kontiraata albuuda baasuu mootummaan kennuu waan hin simanneefi jedha.

BBCn dhugummaa gabaasa kanaa kan hin mirkaneeffanne wayita tahu, qaamni mootummaas haga ammaa dhimma lammiileen kun butaman jedhamerratti wanti jedhan hinjiru.

Naannoo jedhamettis lammileen Chaayinaa eessa buuteen dhabame jedhamees kan hin gabaafamne oggaa tahu, ibsi WBOn baase kunis bakka jarri kun itti to'atamanii jiranis hin ibsu.

Miidiyaan Addis Standard Waraana Bilsummaa Oromoo wabeeffatee waan jedheen, maqaan lammiilee Chaayinaa to'atamanii kunneenii: Huang, He fi Wang namoota jedhamanidha.

Suuraaleen namoota butamanidha jedhamanis miidiyaalee hawaasaa gubbaa qoodamaa jiru.

BBCtti gulaalaan dhimmoota Afrikaa Wiil Ros akka jedhutti, nageenya biyyattii wantoota gaaffii keessa galchan keessaa tokko gocha butanii fudhachuudha.

Filannoon guyyaan achi siqsamee torban sadii booda gaggeefamuuf ture ammas irra deebiin sababa lojistikiin achi butamuun isaa himameera.

Kun ammoo deeggartoota hedduu dhabaa kan dhufeeru Ministirri Muummee Abiy Ahimad, aangoo irra turuuf cichaa jira himannaa jedhu ittuu kan guddisuudha.

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.

Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.

Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.

Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.