Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF fi 'Shanee' shororkeessummaan farrajuun nageenya Itoophiyaa garam geessa?
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii waggoota sadi keessatti yeroo jalqabaaf gareewwan lama shororkeessitoota jedhamuun ALI Ebla 28, 2013 farrajaman.
Wixineen yaadaa yookiin sanadi mana maree ministeerotaan dhiyaate kun guyyaa raggaasifamerraa eegalee hojiirra akka oolu Abbaa Alangaa Waliigalaatti Itti Aanaa kan ta'an Obbo Fiqaaduu Tsaggaa himaniiru.
Sanadi kun maalfaa of-keessaa qaba?
Wixineen yaadaa Abbaan Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Geediyoon Xiimootiwoos mana maree bakka bu'ootaaf dhiyeessan, gareewwan kunneen maaliif shororkeessummaan farrajaman kan jedhu ibsa.
Lammiilee nagaan dhaabbilee kunneen waliin akka hariiroo hin uumne, deggersa akka hin gooneefi miseensa isaanii akka hin taane, akkasumas qabeenya garee kanaa dhaaluun akka dadhaban gochuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsa.
Wixineen yaadaa ykn sanadi Abbaan Alangaa Waliigalaa biyyattii dhiyeesse kun akka mul'isutti, TPLF paartilee naannolee biyyattii garaagaraa keessa socho'an michoomfachuun waliin hojjetaa tureera.
Kanneen keessaa paartii Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Tokkummaa Affaar jedhamuuf meeshaaleen waraanaa fi bajati TPLF irraa dhiyaataafii ture jedha sanadi kun.
Akka sanadi kun jedhutti walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa Qimaanti keessatti mudachaa tureef TPLF meeshaa waraanaa fi bajata dhiyeessee akka hammaatu gochaa ture.
Akkasumas Saba Oromoo Walloo jiraatu uummata naannoo Affaar waliin akka walitti bu'uuf meeshaa waraanaa 100 caalu hidhachiisuuf yaalaa akka ture hima sanadi kun.
Naannoo Beenishaangul Gumuzitti TPLF paartilee lama waliin hojjechaa turuu ibsa.
Paartii Sosochii Dimokiraatawaa Saba Gumuz fi Paartii Sosochii Bilisummaa Saba Gumuz Nagaa fi Dimokiraasiif jedhaman maallaqaa fi meeshaalee waraanaatiin deggeraa tureera kan jedhu Wiixineen yaadaa (sanadi) kun, hookkara naannocha keessa tureef paartilee kunneen himata.
Naannoo Oromiyaatti ammoo garee shanee jedhamuun waamamu maallaqaa fi meeshaa waraanaan deggereera jedhe sanadi kun.
Gareewwan kana shororkeessaa jechuun uummata maal fayyada?
Wiixineen yaadaa (sanadi) kun osoo hin raggaasifamin duraan qaamoleen nageenyaa Naannoo Oromiyaa, Shanee waliin hidhata qabda jechuun lammiilee hidhaa turan.
Qaamni nageenyaa Oromiyaa lammiileedhaan Shaneedha jechuun ajaja mana murti malee hidha jedhamee komatama.
Humni nageenyaa kun ajaja mana murtiillee akka hin kabajne Komshiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa torban darbe keessa baaseen eereera.
Garee kana farrajuun ammoo rakkoo kana daranuu hin hammeessuu? murtee kana osoo uummata hin gaaga'in hojiitti hiikuuf haalli dandeessisu jiraa jennee Abbaa Alangaa Waliigalaa Itti Aanaa Fiqaaduu Tsaggaa gaafanneerra.
Murtee kana raawwachiisuuf qaamolee nageenyaaaf leenjii idileen alatti leenjii addaatu kennamuu qaba kan jedhan Obbo Fiqaaduun, gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa garuu ammallee hin ilaalle jedhan.
''Wiixinee kanaa fi seera inni of keessaa qabu hojjiitti hiikuu baannaan qaamoleen nageenyaas ni adabamu. Ibsi komishinii mirga namoomaas ibsa qofa ta'ee hin hafu. Nuuf ni ergama, ni qoranna,'' jedhu aanga'aan kun.
Mootummaa Naannoo Tigraay keessatti caasaan mootummaa diigamuu hordofee poolisii idilee, manneen hidhaa, akkasumas manneen murtii fi kaan diigamaniiru jechaa ture.
Caasaan mootummaa idilee bakka hin jirretti murtee kana osoo nageenyaa fi mirga lammiilee hin sarbin hojiirra oolchuun ni danda'amaa jennee Abbaa Alanagaa Waliigalaa Itti Aanaa kana gaafanneerra.
''Naannoon Tigraay Bulchiinsa Yeroo Muddamaa jala jiraachuusaatiin gochaawwan seera idileen ala ba'an jiraachuu malu. Gochaawwan akkasii ni qoranna. Caasaalee diigamanis deebisnee ijaaraa jirra,'' jedhan.
Murteen murtaa'e maal qabatee dhufa?
Murteen kun tarkaanifilee naannoo Oromiyaa fi Tigiraayitti fudhatamaa jiran seera qabeessa taasisuufi akkasumas tarkaanfilee fudhataman babal'isuuf ta'uu danda'a jedhan Dr Aadam.
Gama diinagdeetiin TPLF, Shanee caalaa diinagdee guddaa qaba jedhu.
Qabeenyi dhiheenyatti yeroo ADWUI diigamu qooddatan guddaa ture kan jedhan Dr Aadam, yeroo boordii filannoo keessaa bahus qabeenyi paartichaa bakka bu'aa qaba ture.
Murtee kana booda garuu maallaqni kun mootummaadhaan kan dhaalamu yoo ta'e dhiibbaa guddaa uuma jedhu.
TPLF paartii miseensota galmaa'an qabu ture. Kana booda miseensonni paartichaa miseensummaa fi deeggarsa godhuu akka hin dandeenye taasifama jechuun dubbatu Dr Aadam.
"Hamma ammaatti dhalattoota Tigiraay irratti shakkii qofaan tarkaanfiin fudhatamaa ture. Murteen kun isa san seera jala galchuuf akkasumas jabeessuuf kan yaadame fakkaata," jechuun Dr Aadam BBC'tti himaniiru.
Dr Aadam akka jedhanitti adeemsi gareen tokko shorarkeessaadha jedhamee itti murtaa'u gama mana murtiitiin ta'uu qaba ture jedhu.
Kunis keessumaayyuu gama mana maree ministeerotaa akkasumas bakka bu'oota uummataa dhaabbilee siyaasaa ta'uusaaniirraa kan ka'een murtee kana haajaa siyaasaatiif oolchuu akka danda'an akka sababaatti kaasu.
Adeemsisaa osoo qaama seera hiikutti kennameera ta'ee gareewwan kunneen eenyu? gareewwan kunneen qabatamaan jiruu? Akkasumas shorarkeessitoota jedhanii murteessuuf haal-dureewwan guutamaniiruu laata? Kan jedhu ni qoratu ture jedhu Dr Aadam.
Kanaafis Gaanaa akka fakkeenyaatti kaasu.
"Gaanatti mootummaan odeeffannoo qabu dhiyeessee ilaalameeti kan murtaa'u" kan jedhan Dr Aadam, "filannoodhaan torbaan muraasni hafutti murtee murtaa'e ta'uunsaa dhimmi kun guutumatti dhiibbaa siyaasaarraa fagoodha jedhanii amanuuf ulfaataa isa godha" jechuun BBC'tti himaniiru.
Filannoo dhufurratti dhiibbaansaa kallattiidhaan ta'uu baatus keessumaayyuu naannoo Amaaraatti mootummaan Shaneerratti tarkaanfii fudhataa hin jiru jechuun qeeqamaa tureera isa kana hambisuuf kan yaadame ta'uus danda'a.