Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin waraanaa US Galaana Arabiyaa irratti meeshaalee waraanaa hedduu to'ate
Humni waraana galaanarraa US suuraa kuusaa meeshaalee waraanaa bidiruu xiqqaa irraa Kaaba Galaana Arabiyaaniitti booji’e gadhiiseera.
Suuraa 'US Navy' gadhiise kana irratti meeshaaleen waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa doonii USS Monterey irra afamee mul’ata.
Humni waraanaa kun ibsa baaseen meeshaan kun eessaa akka maddee fi eessa deemaa akka ture qoratamaa jira jedha.
Dooniin USS Monterey, doonii meeshaa fe’ee ture kana kan dhaabsise haala barameen shakkata’uuf jecha ture.
Bidiruun kun ''yabala biyya hinqabnedha'' jedhamee ibsame - gosti yabalaa akkasii bidiruu Arabiyaan barameedha.
“Meeshaaleen waraanaa kun shugguxii Chaayinaa Type 56 ta’an kumaatamaan lakkaa’aman, qawwee awutomaatikii PKM dhibbaan lakkaa’aman, isnaayippeerii fi meeshaa rookkeetii boombii darbatu of keessaa qaba.
Akkasumas meeshaaleen kan akka fageenya arguuf fayyadanis jiru,” jechuun humni waraana Bahireen wiirtuusaa godhate 'Fifth Fleet' US Neevii ibseera.
Erga fee'umsi meeshaalee waraanaa kun to'atamee booda, hojjattoonni bidiruu kanaa nyaataa fi bishaan kennameefi qoratamanii gadhiifamuu isaanii ibsi kun dabaluun himeera.