Shawaa Roobitii hanga Harbuutti humnoota nageenyaan ala meeshaa qabatanii socho'uun dhorkame

Shawaa Roobiti irraa hanga Harbuutti daandii bitaafi mirgaan ammoo hanga fageenya kiiloomeetira 5 ta'u keessatti humnoota nageenyaan alatti meeshaa qabatanii socho'uun dhorkame.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame rakoo naannoo sanatti uumamee ture tasgabeessuudhaaf raayyaa ittis biyyaarraa, poolisii federaalaarraa, akkasumas humna addaa naannoo Amaaraarraa gurmaa'uudhaan erga gara hojiitti galanii booda ta'uu dhaabbanii saba-himaa naannoo Amaaraa ibseera.

Humna Ittisaa Biyyaatti ajajaan Kutaan Waraanaa 11ffaa B/J Sa'id Tikkuyyee ibsa kaleessa kennaniin humni nageenyaa waloo kun godinaalee lamaaniifi aanaaleen 10 yaaddoon nageenyaa keessatti mullatan keessatti hawwaasa waliin marii taasisuun gara hojiitti galuu beeksisaniiru.

Dabalataaanis, "Erga rakkoon sun uumamee booda qaamoleen nageenyaa waan seenaniif nageenyi hanga tokko kan bu'e ta'ullee hawwaasni ammallee sodaa qabu," jedhaniiru.

Humni waloo kun karoora baafatee nagaan hawwaasichaa akka duraan turetti akka deebi'uuf, warra miidhaman ammoo akka dhadhaabatan taasisuuf, walitti dhufuunya uummataa jajjabeessuufi warra yakka raawwatan ammoo adda baasuun seeratti dhiyeessuuf hojjechaa akka jiran ibsameera.

Humni nageenyaa waloo kun ibsa baaseen akka himetti godinaalee lamaan keessatti bakkeewwan 12 sodaa nageenyaa qabu jedhaman adda baaseera.

Dhuma irrattis humnootiin nageenyaa naannoofi kan federaalaatiin alatti bakka kamittiyyu sakatta'insi dhuunfaanis ta'e gareedhaan taasifamu dhorkamaa ta'uu ibsaniiru.

Kan uumame maal ture?

Aanga'oonni waraanaafi bulchitooti Godina Addaa Saba Oromoo naannichaa waraanni ABO naannicha keessa socho'u akka hin jirre irra deddeebiin ibsanii turan.

Ajajaan Olaanaa Waraana Itoophiyaa Kutaa Kaabaa Mejar Jeneraal Geetachoo Guddinaa gaaffiifi deebii EBC waliin taasisaniin, caasaa nageenyaa naannichaa sadarkaan jirutu rakkinicha uumee jechuun isa ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun Itti-gaafatamaan Waajira Itti-aaanaa Ajaja Humna Ittisaa Koloneel Tasfaayee Ayyaalew himannaa aanga'oonni naannoo Amaaraa ABO irratti dhiyeessan ilaalchisuun, "ABO kan jedhamu achi hin jiru. ABO'n hidhatee socho'u achi hin jiru, miseensi ABO garuu jiraachuu ni mala, wanta beeknu hin qabnu" jedhan.

Miseensi ammoo paartii barbaade deggaruun mirga isaati kan jedhan Koloneel Tasfaayeen, "Callisanii akkuma durii sana waan tokko yeroo dubbatamu gara dhaaba tokkootti maxxansuun hin danda'amu" jedhaniiru.

Itti-gaafatamaa Itti-aanaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa Obbo Gadabee Hayiluu garuu ibsa aanga'aa waraanaa kanneen lamaan ni morma.

Haleellaan kun loltoota ABO'n raawwatamuusaaf sababa qabna jechanii turan

ABO'n himata aanga'oonni naannicha irratti dhiyeessan balaaleffachuun ibsa baasee ture.