Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa: Diishitaa Giinaa- Muziqaa torbanoota keessatti daawwattoota mil. sadi argate
Diishitaa-giinaa muziiqaa baaqqee haaraa dhiheenya kana bahe yoo ta'u, wallisaa Taarikuu Gaankaasii jedhamuun sirbame.
Muziqaan kun kan sirbame afaan Arii kan Ummattoota Kibbaa Godina Omoo keessatti dubatamuun.
Diishitaa Giinaa jechuun 'Bara Haaraa' jechuudha saba Arrii biratti.
Muziqaan kun ergaa kottaa waliin nyaannee waliin haa dhugnuu, kan wal dhabe haa haraarsinu, kan hin qabneef haa kenninu, wal haa gargaarru kan jedhu qaba.
Muziqaan kunis Youtubiin gadhiifamee torbanoota keessatti dowwattoota miliyoona sadii ol argate.
Wallisaa Taarikuun turtii BBC waliin taasiseen, kabajni bara haaraa erga baatii 12f dadhabbiin dabarsanii booda waan ta'eef bakka addaa qabaa jedha.
Kanaaf, baatiiwwan 12 fulduura keenyaatti wal jibbuun osoo hin taane jaalalaan, kan dhaban deegaraa haa dabarsinu ergaa jedhu qabaachuu hima muziqaan isaa kun.
Taarikuun attamiin akka hojii muziiqaa kanaa itti eegaleefi waldaan Misooma Saba Arrii kan Godina Omoo Kibbaa akka itti jajjabeessan hima.
Waldichi baayyee cimaa ta'uu baatulleen garuu muziqaa isaa kana keessatti gumaacha olaanaa taasisuu dubbata.
Kana malees, pirezidaantiin Yunvarsitii Jinkaa Pirofesar Gabree Yiintiisoom deeggarsa olaanaa akka taasisaniif dubbata Taarikuun. Walaloo muziqichaa sirreessuufi gulaaluun baayyee na gargaaran jedheera.
"Akka hin dogogorreef jedhaa yaadda'een ture. Tarii siyaasa yoo natti ta'e akkan ittiin hin badnee yaadda'een ture," jedha.
Jalqabaratti waan keessoo isaa jiru karaa muziqaatiin baafachuu yaadee wallisulleen kan eegeen ol fudhatama argachu hima.
"Kanan hubadhees silaayyu ummanni Itoophiyaa jaalala barbaada ture. Kanaaf, jaalatame jedheen amana," jedha.
Taarikuun ''ilmaan namaa yoo hojjatan ni argatu, wayita umamnu qabannee kan dhufne hin jiru. Boodas fudhannee kan deemnu hi njiru,'' jedha.
Akka wallisaa kanaatti dhimmonni namoonni akka wal jibban taasisan lama. Isaanis 'ofi jaalachuufi uumaa sodaachuu dhabudha.'
Kanaaf, amma kan nu baasuu Waaqa soodaachuu qofaadha jechuun gorsa.
''Namni of jaalataa yoo ta'u, nama jibba, namarraas ni fagaata,'' kan jedhu Taarikuun, "Anaan mataakoo namoonni ati jalqabaa waan taateef eenyuun caaltaa?' kana hojjadhe jettee jechuun kan haamilee na xuqan jiru'' jechuun dhiibbaa of jaalachuun qabu hima.
Haata'u malee, hanga tikkeettiin nu qaqabee gara dhufneetti deebinuutti maaloo osoo wal jaalachuun jiraannee jedha.
Kanaaf walaloo sirba isaa keessatti akkas jechuun sirbe.
''…Baabilooniin sun ni bittinse
Kun hanga har'aatti jaalala dhugaa nu dhabsiise…
Anifi Addaam abbaankoo tokkichi
Atiifi Hewaan lafeenkoo tokkottiin…''
Walaloon kunis maddi ilmaan nama hunda tokkicha ta'uu ibsuuf akka ta'e hima Taarikuun.
Muziqaan kun baayyee haa jaalatamu malee galii irraa argatee baayyee akka hin taane hima. ''Gatii muziqaan kun itti gurgurame midiyaarratti himuun uummata mufachiisa,'' jechuun ammasaa dubbachurraa of qusate.
Haata'u malee, ''kan naaf kanfalame mallaaqa baayyee xiqoodha. Baayyee gaddeetuman fudhadhe,'' jedheera.
Taariku Gaankiisii eenyu?
Taarikuun dhalatee kan guddatee Ganda Barqaa jedhamtu kan Godina Oomoo Kibbaa magaalaa Jinkaa irraa fageenya km 20 keessatti.
Saboota naannwa sana jiraatan keessaa sabni Arrii tokko. Taarikuun raayyaa ittisa biyyaatti makamuun lola Itiyoo-Ertiraa irratti hirmaachuu hima.
Kana malees, waggoota jahaaf magaalaa Finfinnee keessa jiraatee ture. Yeroo sanattis hojii humnaatii kaasee hanga jireenya dandiirraa keessa darbeera.
Taarikuunyeroo magaalaa Finfinneetti hojii humaanaa hojjataa tureetti ''guyyaan qarshii torbatu naaf kanfalamaa ture'' jedha.
Jireenyaasaa mu'achuuf hojiin inni hin yaaliin akka hin jirre dubbata. Bishikiliitiifi joottaniis kireessuun hojjachuu yaaleera.
Booda garuu jireenyi magaalaa itti ulfaannaan deebi'ee gara Jiinkaatti qajeele. Achittis hojii qonnaa hojjachuu eegalu hima.
"Jireenyi bosonaa gaariidha. Bosonni sitti hin dubbatu. Si hin arrabsu, eessaa dhufte siin hin jedhu. Margisaa qoricha. Magaalaa garuu hammeenyatu baayyata,'' jedha jireenya bakka lamaanii wal bira qabuun.
Taarkuun amma abbaa warraafi abbaa ijoollee shaniiti. Gaabbii waa'ee laga Omoo kan abbayyaatti makamuus akka qabu hima.
Tarkuufi hirriyoonni isaa waa'ee laga kana ilaalchisuun viidiyoo gabaabduu tokko hojjachuun miidiyaa hawaasarra kan bahee waggoota sadiin dura ture.
Innis dubartii takkaafi dhirri tokko waliin ta'uun qarqara laga kanaa dhaabbatanii yoo waliin morman mul'isa.
Taarikuun akka jedhuutti, viidiyoon sunis kan waraabame daangaa Omoo Kibbaafi Keeniyaatti.
Viidiyicha irrattis akka baacootti, "Lagni kun muka, margafi biyyoo baatee deema jechuun dubbatu.
Ergaan isaas Osoo lagni kun jiruu attamiin beelofnee midhaan gargaarsaa eegganna? Kan jedhu ta'uu hima Taarikuun.
''Bishaanicha misoomaaf oolchuun osoo danda'amuu ummanni Yaangaatoom, Daasanach, Haamar fa'i midhaan gargaarsaa nyaatu. Nutis osoo abbootiin qabeenyaa naannoo sana misoomsanii jechuu viidiyoo sana hojjannee ture,'' jedha.
Taarikuun dandeettii diraamaa hojjachuu qabaatulleen carraa baayyee akka hin arganne hima.
''Kaan osoo dandeettiin jiruu waan nama hin qabaanneef carraa yoo dhabu, kaan ammoo waanuma fira qabuuf ogummaafi dandeetti malee wayita carraa argatu mul'ata. Garuu hundumtuu dhumnisaa du'a,'' jechuun carraa argameen tajaajilanii darbuun kan caalu ta'u hima.
Sabni Arrii eenyu?
Oomoon Kibbaa naannoo Uummattoota kibbaatti kan argamu yoo ta'u, sabaafi sablamilee aadaa, afaaniifi haala jirenyaa mataasaanii qaban 16 keessa jira.
Sabootaafi sablamilee kanneen keessaa tokko Saba Arriiti. Wallakkeessa baatii Sadaasaatii kaasee bara haaraa kabaju eegalu. Baatiin Mudee ammoo akka baatii jalqaba bara haaraatti lakkaa'ama. Kanaaf, Muddee tokko hawaasicha biratti akka bara haaraatti kabajama.
Afaan saba kanaatinis barri haaraan Diishitaa-ginaa jedhama. Haalli lakkoofsa baraa saba Arrii kunis 'Loongaa' jedhamun waamama.