Biyoonseen badhaasa Giraamii si'a 28 mo'achuun seenaa haaraa galmeessite

Biyoonseen Badhaasa Giraamii bara 2021 Dilbata darbe gaggeeffame dabalatee si'a 28 mo'achuudhaan seenaa haaraa galmeessiteetti.

Weellistuun beekamtuu kun amma seenaa Giraamii kana keessatti dubartii hunda caalaa badhaafamte taateetti.

Badhaasa galmee haaraa qabate kana wayita fudhattutti , "Kabaja guddaatu natti dhaga'ama, hedduu gammadeeras," jette Biyoonseen.

Teeyilar Iswiift akkasuma badhaasa hojii artii guddaa kanarratti si'a sadii albamii waggaa mo'achuudhaan dubartii biroo seenaa dalagde taateetti.

Badhaasni 28ffaan Biyoonsee kunis sirba kabaja Agarsiisaa Gurraachaa (Black Parade) kan humnaafi cimina warra gurraachootaa jajjachuuf isheen bara darbe baafteedhaaf.

''Akka aartistii tokkootti, waan yeroo calaqisiisuun hojii kooti jedheen amana. Yerichis yeroo ulfaataadha,'' jette Biyoonseen yeroo waancaa ishee fudhattu.

''Kanaaf giiftiiwwaniifi gooftoota gurraachootaa warra anaafi addunyaa ajjaa'ibsiisan hunda ol kaasuu, jajjabeesuufi jajjachuun barbaade.''

Oduu walfakkaatuun Barnaa Booy Albam Muuziqaa Filatamaa Addunyaa yoo mo’atu, Wiizkiid immoo viidiyoo muuziqaa filatamaa Biyoonsee waliin hojjeteen mo’ate.

Intalli Biyoonsee Biluu jedhamtus badhaasa kana mo’atteetti.

Badhaasni viidiyoo muuziqaa filatamaa weellisaa, daariktara viidiyoo fi piroodiyusaraaf kenname.

Barnaa Booy maqaa isaa isa sirrriin Daamiinii Oguuluu jedhamu ammaan yeroo lammataaf badhaasa kana kan mo’ate. Inni duraa albama Twice As Tall kan jedhu ture.

Badhaasni Giraamii 63ffaan Loos Engils’tti adeemsifamaa jira. Akka barametti ‘jila muuziqaa isa guddaa’ tahus kan baranaa garuu sababa koronaavaayirasiin adda ture.

Daawwataan hin jiru ture, weellistoonni waltajjii shaniin hiramanii haala taa’umsaa geengoo taheen fageenya eeggataniitu taa’an.

Giraamiin sirba Twice As Tall jedhu ‘hojii addaa’ Barnaa Booy dhaan humna muuziqaa addunyaa isa taasise dha jechuun ibseera.

Albamichi artistoota addunyaa kan akka Istoormiizii,Yoosuu Induur,Naawutii Baay Neechar jedhamanfaa hirmaachiseera.

Viidiyoon Wiizkiid ittiin mo’ate immoo ‘’ayyaana faashinii fi kabaja bareeda dubartoota gurraachaa kan agarsiise dha’’ jedhameera. Haa tahu malee Barnaa Booy albama African Giant jedhamuun ture bara 2019tti yeroo jalqbaaf Giraamiif kan kaadhimame.

Yeroo baayyee weellisaa beekamaa Naayijeeriyaa Feelaa Raansam-Kuutii waliin kan dorgomsiifamu yoo tahu Afrikaa keessatti dhimma hawaasummaarratti ni sagalee dhageessisuun beekama.

2019 Afrikaa Kibbaatti haleellaan jibba qubattootaa jabaatee yeroo ture mootummaan dhimmicharratti yoo tarkaanfii fudhate malee milli isaa biyyattii akka hin ejjenne dubbatee ture.

Yeroo mormiin farra poolisii Naayijeeriyaatti adeemsifames, #EndSARS dhaan warreen miidhamaniif qarshii walitti qabaafi warreen du’an yaadachuuf immoo sirba baasee ture.

Dhihoo kanas Senegaalitti hogganaan mormituu Osmaan Sonkoo hidhamnaan mormiif deeggartoota hiriira bahan akka deeggaru Tiwiitarii irratti barreessee ture.

Badhaasa Giraamii warra mo'atan gurguddoo

Albamii waggaa kanaa: Teeyilar Iswiift -folklore

Riikordii waggaa kanaa: Biilii A'ilaash- Every thing I wanted

Weelluu bara kanaa: Biyoonseefi kan biroo- I can't breath

Aartiistii filatamtuu haaraa bara kanaa: Megaan Zastaaliyoon.