Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muuziqaa Oromoo: Weellisaa Guutuu Abarraa fi wallee Hawwaanhawwaa
''Eessa jirtaa shaggituu,
Xalayaa naan ergituu
Yaannikoo bar si duwwaa
Shaggee bareedduu Shawaa''
Walaloon sirba haarayaa bahe kun akkasiin jalqaba. Achiis artisticha dabalatee dargaggoonnifi shamarran uffata durii, kan 1960'oota keessa faashinii ture uffatanii mul'atu. 'Shubbisa durii' shubbisuu itti fufu.
Waa'ee sirba isa kamii haasoftu? kanneen jettaniif - Hawwaanhawwaa hinagarree? Tibbana gama hojiilee aartii Oromoon walleewwan haarayaa bahaniifi nami hedduun irratti dudubbachaa jiru keessaa tokko 'Hawanawa' isa tokko.
Sirba kana baasuun dura weellisaan Guutuu Abarraa, sirboota namoota kaanii waltajjii garagaraarratti taphachaa ture. ''Sirbi kun garuu yeroo jalqabaaf walaloofi yeedaloo ofii kootiin hojjedhedha,'' jechuun Guutuun BBCtti himeera.
Eegii sirbi qeenxeen kun YouTube gubbaatti gadhiifamee namoota biraa yaada gaarii argachaa akka jiru kan dubbatu Guutuun, ''jajjabina guddaa naaf taheera - lafee dugdaati,'' jedha.
'Karaa dheeraa keessa dabarre...'
Viidiyoo muuziqaa Hawanawa jedhu kana qulqullina olaanaafi haala adda taheen hojjetanii dhiyeesuuf karaa dheeraa keessa darbuu kan dubbatu weellisaan kun, ''waan haaraa qabannee gadi bahuuf guddoo irratti dhamaane,'' jedha.
Muuziqaa kana kan qindeessite ogeettii muuziqaa biyya Norweey Mira Thiruchelvam kan jedhamtu oggaa taatu, ogeettiin kun sirba aadaa Oromoo gadi fageessitee akka beektus dubbata Guutuun.
Wanta muuziqaa kana adda taasisu tokko meeshaaleen muuziqaa hunduu kallattiin waraabamuu isaaniiti jedha weellisaan kuni.
''Gitaarri, beeziin, dibbeen, 'percussion' akkasumas warri jalaa qabanillee namni kudhan, sagalee tokko tokkoon galan. Kanaafuu kun adeemsasaa hedduu dheeresse.''
'Aartiin anaaf halluudha'
Guutuuf aartiin haalluudha. ''Fakkeenyaaf namni fakkii kaasu, haalluu adda addaa walitti makee, haalluu barbaadu keessaa baafatee fakkii kaasuu barbaadu kaasa. Muuziqaanis aartiinis akkuma kana dha,'' jechuun ibsa.
Wallee isaa haaraa kana keessattis ''namni muuziqaa gurrisaa sirriitti dhagahu'' rukuttaawwan wallee garaa garaa keessatti dhagahuu danda'a jedha.
Fakkeenyaaf sirba Hawwanhaawwaa jedhu keessatti rukuttaa Shawaa, Wallaggaa, walloofi Raayyaa muuziqaa kana keessatti ni dhagahama jechuun ibsa.
Gosti muuziqaa 'Afro beat' jedhamus keessatti dhagahamuu ni danda'a jedha Guutuun.
Iskeelii muuziqaa addaa?
Gama kaaniin Hawanawa gama iskeelii muuziqaatiin addadha jedha weellisaan kun. Akkamiin jennaan - ''sirboonni Oromoo yeroo baay'ee iskeelii Pentaatoonikiin hojjetamu. Anis isumaan sirbe.
Garuu warri 'choir' galan yookaan na jalaa qaban, gosa iskeelii heksaatonikiin najalaa qaban. Sagaleen isaanis 'harmonize' kan tahedha.''
Kan durii...
Sirboota duriif jaalala hedduu akka qabu kan dubbatu Guutuun, ''qulqullina sirboota duriitu qaba jedheen amana,'' jedha.
''Kanaaf sirba haaraan kana [viidiyoosaa] kan durii kanin fakkeesseef, namoota nu dura turaniif kabajaa dhiyeessuufidha. Warri booda kana dhufne garasaanitti deebinee, isaanirraa waan barachuu qabnutu jira.
Waan utaallee dhufnetu jira. Teellaatti deebi'ee bakka utaalle sanatti deebi'ee jalqabuu filadhe.''
Guutuu Abarraa eenyu?
Guutuu Abarraa Galataa - Oromiyaa, Wallagga Lixaa, Magaalaa Mandii keessatti dhalatee guddate.
Waggoota kudhanii oliif ammoo Awurooppaa biyya Noorweey, Magaalaa Bergen keessa jiraachaa jira.
Norweeyitti sirboota Afaan Oromoo fi sirboota biyyoota dhihaa walitti makuun waltajjiirratti dhiyeessuu jalqabe.
Sirba 'Oromiyaa bal'oo' jedhu erga waltajjiitti dhiyeesse booda namoota hedduun na barsiise. Kanumaanis carraa mootii fi giiftii Noorweey biratti affeeramuun waltajjiirratti dhiyeesseera jechuun hime.
Guutuun albama guutuu tokko qabatee dhufaa akka jiruufi baandii ofiisaa 'Baandii Guutuu Abarraa'' jedhamu hundeessuu isaallee nutti himeera.