'Arrabsoon karaa miidiyaa hawaasummaa kiyyaa naaf ergamu mataa na dhoosuuf'

CC Clarke

Madda suuraa, CC Clarke

Ibsa waa'ee suuraa, CC Clarke arrabsoo guyyuu isheef ergamuun daran aaruu dubbatti

Miidiyaa hawaasummaarratti namoonni akkaan beekamanii fi irraa fayyadaman qeeqaa fi arrabsoo namootarraa isaaniif dhiyaatuun wayita dhiphatan mul'atu. Inumaa kanneen aariidhaan miidiyaa hawaasummaatti nagaa dhaamanis jiru.

Bareedinaan miidiyaa hawaasummaarratti beeksisuun kan beekamtu CC Clarke, qeeqaa fi arrabsoo isheerratti dhiyaatu waliin dhiphachaa jirti.

"Adeemsa keessa wantoota badaa ta'an hedduutu na mudatan, yeroo tokko tokko yaadota naaf kennaman tuffadhee bira darbuun natti ulfaata. Garuu waanuma yeroon fide jedheen jedheen yaaduu eegalammoo.''

Inistagiraamii irratti beeksistuu make-up kan taatee fi hordoftoota miiliyoona lama kan qabdu dubartiin kun, miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun hojii biizinasii hojjettuun daran milkoofteetti.

Biizinasiiwwan xixiqqoodhaan milkaa'uuf miidiyaa hawaasummaatti seenuun mala filatamaadha jette Clarke.

Miidiyaa hawaasummaarratti hojii biizinasii hojjechuun damee diinagdee akkaan guddataa jiruudha.

Namoota miidiyaa hawaasummaarratti hojii beeksisaa fi daldalaan dhiibbaa uumaniif bara dhufu doolaarri biiliyoona 10 ta'u ni ramadamaaf jedhamee eegama, kunis kan waggaa lama dura ture dachaadhaan jechuudha.

Haala kanaan namoonni milkaa'anii fi miidiyaa hawaasummaarratti akkaan beekaman yaadota arrabsoo fi qeeqa hedduu of-keessaa qaban hedduu isaaniif ergamaa oolaniin wayita dhiphatan argamu.

Hojii biizinasii akkasii keessatti hirmaachuuf eenyummaa dhugaadhaan akkaawuntii miidiyaa hawaasummaa banachuu feesisa.

Kanaaf jecha namoonni hojii kana keessa jiran waa'ee dhuunfaasaanii isa dhugaa akkasumas waa'ee maatii fi mana isaanii ni ibsu. Kunimmoo daranuu akka saaxilaman godheera.

'Bakka si dhukkubu si tuqa'

Namoonni miidiyaa hawaasummaatiin biizinasii hojjetan kanneen akka CC Clarke, yaadi namootarraa itti roobaa oolu summii summii caalu ta'uu ibsu, bakka hin fayyine nama hidda jechuun ibsu.

CC Clarke akkas jechuun sagantaa BBC Radio 5 Live jedhamutti himte: ''Yaadonni kennaman gara waan gaariitti caalu, kan miidhaa guddaa qabu, kan si haleelu garuu isa badaadha. Akkaan si dhukkubsa''

Yaadonni hedduun akkaataa jireenyaa fi haala maatiishee iratti qeequu fi arrabsuun yaada akka kennaniif himti.

Yaadota CC Clarke'f kennaman keessaa

Madda suuraa, Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Yaadonni hedduun kan maatiidhaaf hin fayyadneedha

''Haadha daa'imaa ta'ee miidiyaa hawaasummaarratti make-up hanga hojii miidhaginaa, achiis muuziqaadhaa hanga jireenya dhuunfaa beeksisuun- sababa kanaanis yaadota arrabsoon itti baay'atan keessummeessuun sammuu na dhoosuuf deema,'' jetti Clarke

''Maqaa daa'ima kiyyaa irraa hanga akkan itti baadhuutti yaadoti naaf kennaman baay'ee nama aarsu."

Naasuu yaadoti kennamaniif itti uuman

CC Clarke hojii gaarii hojjechuu fi ittiin milk'aauu himti, garuu hordoftoonni ishee kan ishee jajjabeessanirra kan hamilee ishee buusan ta'uu dubbatti.

''Daa'ima kiyyatti moru, haalan itti daa'ima kiyya qabadhee jiru yoo argan isarratti yaadi isaan kennan nama gaddisiisa. Kaa duutee bulti jedhu, kaan ammoo jaamtee bulti jedhu, waan akkaan na rifaasisu hedduu natti ergu.''

CC Clarke

Madda suuraa, CC Clarke

CC Clarke haalota kana dandamachuuf murteessiteetti, garuu waan fudhatamuu hin qabne fudhatanii callisuunimmoo akka itti cime dubbatti.

Inistagiraamii kan harkaa qabu Feesbuukiin, dhiheenya kana maloota ittiin ergaawwan miidhaa qaban maamilootarraa qolatan diriirsuu BBC'tti himeera.

Akka Feesbuukiin jedhutti malli inni diriirse kun osoo ergaawwan nama bira hin ga'in dursee sakatta'uun miidhaa mudachuu hedan hambisa.

Dubbi himaan Feesbuukii, ''Ammallee hojii baay'een akka nu hafu ni hubanna. Garuu doorsisaa fi arrabsoo maamiloota irra ga'uu qolachuuf cimnee hojjenna,'' jedhan.