Waa'ee Itoophiyaa addunyaaf kan beeksisaa jirtu appii taphaa 'Kukkuluu'

Ayyaanota kanneen akka Faasikaa fa'i irratti lukkuun bittan yoo sin jalaa miliqxe maal gootu? Dhimmicha ija lukkuutiin ilaaltanii beektuu? Isin ayyaanichaaf lukkuu tana haalaan waan barbaaddanif, ni ariitu - isheen ammoo lubbuushee oolchuuf jecha baqatti.

Kaampaanii Itoophiyaa Qinee Geems jedhamuun kan midhaaffame taphni moobaayilii 'Kukkuluu' jedhamu, nama taphatu amala hindaaqqoo itti kennee taphachiisa. Gufachiisa isin dura jiru dabruun, nama isin hari'aa jiru jalaa hangam fagaachuun adeemtu kan jedhudha milkaa'inni geemii kanaa.

'Yoomessa Itoophiyaa...'

Geemii mobaayilaa Kukkuluu kana wayita taphattan, teessuma lafaa fi wantoota aadaa keessaa fudhataman arguun keessa hinoolu.

Hundeessaafi hojii gaggeessaan Qinee Geems Daawit Abrihaam, adeemsa geemii kana hojjechuu hunda keessatti yaadonni Itoophiyaafi Afrikaa keessa jiru jedha.

Gidduu tapha kana keessa: manneen citaa, uffata miiccamanii fannifaman, jabanaa bunaafi hambaaleen Itoophiyaa keessatti akka mul'atan kan himu Daawit, uffataafi muuziqaanis keessa jiraachuu dubbata.

''Geemii kana uffataafi ogummaa saboota Itoophiyaa keessaa addunyaa maraaf agarsiisuuf kan hojjennedha,'' jedha.

Kana malees geemii kana keessa sadarkaa jiran dabruun kan ittaanutti wayita ce'an qabxii akka akaawwiitti argatu. Akaayii kana fayyadamuunis Kukkuluu uffata aadaa saboota garagaraa uwwisuun ni danda'ama.

Gama kaaniin muuziqaan geemichaa ogeeyyii Itoophiyaa keessa jiraniin kan midhaaffame oggaa tahu, Afaanota Amaaraa, Oromoo, Tigreefi Ingiliziin fayyadamuu dandeessu.

Appiin taphaa Kukkuluu 2018tti dorgommii appii bilbilaa 'Apps Africa' jedhamurratti gosa [Best African Entertainment Apps] jedhamuun mo'ateera.

Milkaa'ina kana Daawit hin eegne ture: ''Nu wajjin dhaabbileen gurguddoo turaniiru. Mo'anna jennee hin yaanne. Tahus mo'anneerra,'' jedha.

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Geemii biraa - 'Gabaxaa' [Saddeeqa]

Daawit Yunivarsiitii Finfinneerraa gosa barnootaa Injinariingii Elektrikaalaafi Kompiyutaraan eebbifame. Yaadni geemii Kukkuluu gara hojiitti kan jijjiirame barataa waggaa dhumaa wayita turetti.

Hojii ka'umsaa Kukkuluu qabachuun kaampaaniin hiriyaasaa wajjin dhaaban amma ganna afur guuteera. Kaampaanichi abbaa qabeenyaa tokkorraa invastimantii Birrii miiliyoona 8.6 argachuus hima Daawit.

Yaadni Kukkuluun eegale tapha aadaa saddeeqaa 'Gabaxaa' jedhamutti ce'eera. Geemiin Gabaxaa tapha saddeeqaa biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti taphatamu bu'uura kan godhatedha.

''Yaada bu'uuraa taphichaa fudhannee ammayyeessineerra. Seerota haaraafi galteewwan geemii itti daballeerra,'' kan jedhu ogeessi geemii midhaassuu kun, geemichi jalqabamurraa nu milkeesse jedha.

''Kana ilaalanii dhaabbileen geemii uummatatti gadi baasan [Game Publishers], nuwajjin hojjechuuf gaaffii nuu dhiyeessaa turan. Afrikaa Kibbaatti dhaabbata 'Carry1st' jedhamu wajjin waliigaltee mallatteessineerra. Kaampaanichi geemii kana idiladdunyaatti gurguruufi beeksisuuf waliigalle.''

Hoogganaa olaanaa Carry1st kan tahan Cordel Robbin-Coker ''Gabaxaan Afrikaa qofa osoo hin taane, addunyaarra jaalatamaa akka tahu abdiin qaba,'' jechuu isaanii APn gabaaseera.

Taphoota bilbilaa: Aadaafi hojii uumuu

Geemiin ogummaa ammayyaati kan jedhu Daawit, karaa eenyummaa ittiin ibsatan keessaa tokko ta'uu danda'a jedha. ''Ijoolleen afaan isaaniitiin dubbachaa, seenaa isaanii barachuun akkasumas waan gammachiisu ilaalaa yoo guddatan, kabajaan ofiif qaban ni dabala,'' jechuun ibsa.

Gama kaanin ammoo dameen geemii addunyaa gubbaa maallaqa biiliyoonaan lakkaa'amu akka sochoosu kaasuun, damee hojii uumuu qofa osoo hin taane, sharafa alaallee ni argamsiisa jedha.

''Damee geemiirra cimnee yoo hojjenne, shakkii tokko malee meeshaalee alerginuun gaditti haala hin taaneen, humna guddaa qabna jedheen amana. Kana milkeessuuf kan nu barbaachisu sammuu, dandeettii kalaqaa, kompitaraafi intarneetii qofadha,'' jedha Daawit.

Qinee Geems Afrikaarra darbee addunyaarratti taphoota dorgomuu danda'an oomishuun, aadaa Itoophiyaa haala hawwatuun dhiyeessuuf kaayyoo qaba.

Ta'us Itoophiyaa keessa aappiiwwan bilbilaa hojjechuun kanfaltii argamu, fudhachuuf sirni dandeessisu jiraachuu dhabuunsaa danqaa damee kanaati jedha.