Dargaggoo geemii ijoollee haala salphaan kompiitara ittiin barsiisan kalaqe

Dargaggoo Naataan Daamxoo magaalaa Finfinneetti dhalatee guddate, durumaan jaalaa fi fedhii beekumsa teeknooloojii kan qabu Naataan Yuuniversitii Finfinneetti barnoota kompiyuutaraa barachuun appilikeeshinii 'Beblocky' jedhamu hojjeteera.

Dargaggoo Naataan haala argannoo teeknooloojii isaa akka armaan gadiitti nuuf qoodeera

Maqaan koo Naataan Daamxoo jedhama. Hundeessaa fi hogganaa Beblocky dha.

Beblocky'n applikeeshinii ijoolleen saayinsii kompiitaraa ittiin baratanii dha.

Ijoollee umurii isaanii 7-13 jiranii bu'uuraalee barnoota kompiitaraa warreen jedhaman appii moobaayilii salphaadhaan barsiisu dha.

Beblocky dhaan hojjechuu kanin barbaade, yeroon Yunivarsiitii Finfinnee gale, anaafi hiriyyoonni koo beekumsa kompiitaraa badaa hin qabnu turre.

Durbiiwwan koo immoo geemii 'Kilaash oof Kilaans' jedhamu yeroo taphatan nan arge.

Geemiin tapahatan immoo baayyee cimaa dha. Isaan geemii akkana cimu kana taphatan jennaan, ijoolleenis umurii isaanii ganamaan yoo barsiisne yeroo barnoota olaanaatti ce'an ni salphataaf waan jedhu bu'uura godhachuun hojii koo eegale.

Biyya alaatti yoo ilaalle hundeessitoonni dhaabota teekinolojii kan akka Feesbuukii fi Maayikiroosooftii ijoollummaa isaanii dhaa qabeetu koodingii fi piroogiraamingii barachuu jalqabu.

Itoophiyaa keessa garuu ijoolleen beekumsa isa guddaa kan akka koodingii fi piroogiraamingii dhiisi isuma bu'uuraayyuu hin baratani.

Kanaaf, rakkoo kana furuuf jecha Beblocky dhaan akka ijoolleen bashannanaafi kolfaa ittiin baratan godheen qopheesse.

Boodarra yoo Yunivarsiitii galan shallaga beekumsaa kompiitaraa 'algorithm' isa guddaa hojjechuun isaan hin rakkisu.

Yeroon Beblocky jalqabu barataa yunivarsiitii waggaa sadaffaan ture.

Koodiingii fi marsariitiiwwan hojjechuu nan danda'a akkatti geemii moobaayilii hojjetan garuu hin beeku, hiriyyoonni ani beekus piroogiraamiingii malee geemiin akkatti hojjetamu hin beekan.

Sababiinsaa hojichi ogeessota addaa gatii barbaaduufi.

Akkuma fedhe tahee hojjedhe, geemiin an hojjedhe garuu hangan yaade hawwataa hin turre, kanaaf fakkiiwwan socho'an kan geemichaaf ogeessa hojjetu argachuun danqaa isa guddaa ture.

Kanaaf isa jalqaba ani hojjedhe sirrii akka hin taane bareen booda garee na waliin hojjetan irratti ogeessa kana dabalannee, kana dura Beblocky gosa sadii gadhiisneerra amma immoo isa arfaffaa dhuma ji'a kanaatti gadhiisuufi jechuu dha.

Appiin moobaayilii hojjenne kun ammaaf Afaan Ingliiziitiin kan qophaa'e dha fuulduratti garuu afaanota biyya keessaa fi biyya alaa biroo daballee hojjechuu barbaanna.

Fakkiiwwan socho'an kan geemii Beblocky dhaaf fayyadamne halluu babbareedoo fi ifaa tahan kan qaban, wayyaa ijoollee guyyuu uffatan kan uffatanii fi bifti isaanii magaala namoota Afrikaa fakkaatanii, barreefamni keessa jirus kan ijoolleef mijatu dha.

Fuulduratti geemiin kuni kan moobaayilii irratti qofa kan ijoolleen itti fayyadamtu otoo hin taane, teekinolojii 'ogimeentid riyaaliitii' jedhamu faayadamuun ijoolleen fakkiiwwan socho'an isaan bira akka jiran waan fakkeessuun akka baratan gochuu dha.

Kana malees roobootiiwwan Beblocky fayyadamuudhaan akka hojjetan isaan gargaaru dha jechuu dha.

Anaaf kaayyoon koo inni guddaan barnoota saayinsii kompiitaraa bakkeewwan qaqqabuu hin danda'amnetti geessisuu dha.

Amma Finfinneetti wiirtuu Yeeneetaa jedhamu baneetu ijoollee achi dhufanii akka barnoota isa kaan akka baran gochaa jirras jedha.

Beblocky dhaan bara 2018ti dha kuusaa Google Play irra kan galchine ergasii appichi al 6000 ol buufamee namoonni itti fayyadamaa jiru. Kunimmoo Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane Ameerikaa fi UK keessattisi dha.

Appii Beblocky waltajjii Tech Crunch jedhamu irratti Jarman Barliinitti beeksisnee jalqabsiisneerra.