Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo Ameerikaa tapha onlaayiniin doolaara miiliyoona 3 mo'ate
Dargaggoon Ameerikaa kun tapha/geemii kompitaraa Fortnite jedhamuun beekamu kana reekordii cabsuun kan doolaara miiliyoona 3 mo'ate.
Seenaa ispoortii onlaayiniin kuni badhaasa isa guddaadha, doolaara miiliyoona 30tu warra mo'ateef qoodama.
Keeyil Geerisdoof dargaggoon ganna 16 tapha onlaayinii teenisii Niwoorkitti taasifameen kan inni mo'ate.
Dargaggoon Biriitish Jeedan Ashmaan jedhamu immoo yuroo miilyoona tokko mo'achuun lammaffaa baheera.
Keeyil Geerisdoof maqaa onlaayiniin Bugha kan jedhamu yoo tahu yeroo mo'achuunsaa yoo himamu gammachuudhaan harkasaa raasaafi koflaa ture.
Keeyil Geerisdoofis badhaasa isaa gara caalu qusachuu akka barbaaduufi minjaala badhaasa isaa irra keewwatu bitachuu akka barbaadu dubbateera.
Ispoortiin onlaayinii kun jila guddaa maallaqa biiliyoonaan lakkaa'amuun socho'u taheera.
Dorgomtoonni dhumaa 100 Fortnite kompitaroota gurguddoo irratti wal-falmaa turan.
Tapahattoonni miiliyoona 40 tahan torbee 10 keessatti taphicha irratti hirmaachuuf yaalani turan.
Taphicha irratti biyyootni 30 kan hirmaatan yoo tahu tapahttoonni 70 US irraa, 14 Firaans irraafi 11 immoo UK bakka bu'anii turan.
Taphichi taphattoota sadarkaa addunyaatti galmaa'an miiliyoona 200 kan qabu yoo tahu warreen kun tapha/geemii tolaan buufachuu danda'u.
Taphattoonni qofaa isaanii, nama beekan yookiin hin beekne waliin dorgomuu danda'u.
UK keessatti taphichi araada qabsiisa jedhamuun qeeqama.