Carraan ulfi bahuu dubartoota gurraachotaa, kanneen adiirraa harka %40n caala jedhe qorannoon

Dubartoonni sanyii gurraachotaa warreen adii caalaa ulfi irraa bahuuf akka saaxilamoo ta’an qorannoon bahe akeeke.

Lancet ragaalee dubartoota ulfa miliyoona 4.6 kanneen biyyoota torba keessa jiraatani xiinxaluun akka akeeketti, haadholiin ulfaa gurraachonni %43 ulfi irraa bahuuf kaan caala saaxilamoodha.

Namoonni UK keessa jiraatan ulfi jalqabaa irraa bahe deeggarsa akka argachuu qaban Lanset waamicha dhiyeesse.

Ammatti kilinikoota ispeshaalistii dubartoonni ulfi irraa bahe kan wal’aansaaf kan ergaman yoo marroo sadiif ulfi irraa bahe qofaadha.

UK dabalatee biyyoonni hedduun ragaalee ulfi bahuun walqabatu akka hin sassaabne ibsameera.

Haata’u malee, qorattoonni akka tilmaamanitti:

  • Ulfi 15% dubartoota ulfarraa baha,
  • Haadholii ulfaa 1% irraa immoo irraa deddeebin ulfi baha.

Namoonni kaan hammi ulfi dubartootarraa bahu olaanaa ta’uu tilmaamu, taatullee akkaataa biyyoonni ulfi addaan cituu/irraa bahuu ibsanirratti hundaa’a.

Gabaasichi akka ibsutti, dubartii ulfi garaa bahuun rakkattu qomoo kamirrayyuu yoo dhalatte rakkoo fayyaa yeroo dheeraaf turuuf saaxilamtuudha.

Keessattuu itituu dhiigaa, rakkoo onnee fi mukaa’uu hamaaf saaxilamuu dandeessi.

Doriin Toomsan–Addoo yeroo torba daa’imni garaa bahe - abbaan warraa ishee Rejii jedhama.

‘’Gaafan jalqaba ulfaa’u guddoon gammadee ture,’’ jetti Doriin.

‘’Ulfaa’era jedheen hiriyoota fi maatii kootti himee, maqaan mucaa kootiif moggaasu yaadaa ture.''

Taaatullee ji’a lama booda dhiiguu jalqabuun ulfi irraa bahe.

‘’Ulfi bahuun baratamaa hangam akka ta’e nama biraarraa dhageessa,’’ jette, ‘’Taatullee wanta fuulduratti si mudatu hin beektu.''

Doriin bara 2017 itala Ariyel horattee turte wayita ulfi jalqabaa irraa bahu sanatti deebite akka ulfooftu gorfamuu himte.

Marroo sadiif Doriin irraa erga ulfi bahee booda Tajaajila fayyaa biyyaaleessaa (NHS) kilinkila ulfa deddeebi’ee bahu irratti hojjatutti ergamte. Taatullee sababa ulfi deddeebi’ee irraa bahuuf hin baramne ture.

Maaltu carraa ulfi bahu hammeessa?

  • Umriin ganna 20 gadi ykn 40 ol ta’anii ulfaa’uu
  • Dubartii duraan ulfi irraa bahe ture yoo taate
  • Ulfaatiina qaamaa xiqqaa ykn garmalee ol ka’e qabaachuu
  • Yeroo dheeraaf hojiirra turuu fi dabaree halkanii hojjachuu
  • Dubartii sanyii warra gurraachaa yoo taate
  • Tamboo kan aarsitu yoo taate
  • Dhugaatii alkoolii kan dhugdu yoo taate.

Deeggarsa akkamiitu kennamuu qaba?

Qorannoon Lancet irratti maxxanfame akka akeekutti:

  • Dubartoonni ulfaa’uun dura hubannoo akka qabaatan deeggaruu
  • Jalqabarraa eegaluun hordoffii ulfaa argachuu
  • Altiraasaawundiin caaseffama ulfasaaanii gadameessa keessatti maal akka fakkaatu sakatta’amuu ykn ilaalamuu
  • Wal’aansa hormoonii argachuu
  • Kantaruu dhiigaaf akka hin saaxilamneef aspiriinii fi hepariini lilmoon fudhachuu
  • Haawwan ulfasaanii gara jalqabaarratti dhiiiguun mudate muraasni pirojeestirojiinii akka fudhatanitu gorfama.

Qorannoon maxxanfame kun harki caalaan biyyoota akka Siwidiin, Fiinlaand fi Deenmaark gaggeeffamus, ragaaleen biyyoota akka US, UK, Kanaadaa fi Norweyi irraa sassaabaman qo’annicha gaggeessuuf oolaniiru.

Daarektarri ittaanaan Giddugaleessaa Qorannoo Toom Naashinaal Sentar, pirofeesar Siyobhan Kiwunbayi, ulfa bahuurratti qorannoo gaggeessu.

Ogeettiin kun carraan dubartoonni gurraachonni wayita ulfaatti du’aaf saaxilamuu mudatu dabaluusaa ragaa qabna jedhan.

‘’Dubartoota gurraachota biratti carraan ulfi bahuu dabaluusaa wayitan hubadhuu nan rifadhe,'' jedhan.

Itti dabaluun akka ibsanitti, gurraachonni dhibee sukkaaraa gosa lammaffaa fi dhukkuba onneef carraan saaxilamu olaanaa ta’uun carraa ulfi bahuu dabala jedhan.

Pirofesar Kiwunbay akka ibsanitti, saayintistoonni rakkoon fayyaa biroo kanneen akka maadinummaan qaamaan ofiin of lolu (autoimmune disorders) fi dhiitoon ulaa gadameessaa biqiluun fa’aan rakkinicha hammeessuu keessatti qooda qaban qorachuu ibsaniiru.

Haalli jireenyaa jijjiramuu

Kilinika dubartoota ulfi deddeebi’ee bahu kan hoogganan Pirofesar Quenby akka himanitti, ulfi akka hin baane hambisuuf haala jiruu fooyyeeffachuun fayidaa qaba.

Haawwan ulfi irraa bahu kanneen gara kilinikasaattii ergaman keessaa %30 tamboo aarsu, dhibee sukkaaraa wal’aansa hin arganne qabu, dhiibbaa dhiigaa kan qaban ykn ulfaatina sirrii hin qabani.

Pirofesar Kiwunbay namoota akkanatti rakkoo keessa jiran marroo itti aanu akka deebi’anii ulfaa’an gargaaruuf, yeroo jalqabaaf kanneen ulfi irraa bahe gorsuu fi kanneen marroo lammataaf ulfi irraa bahe qorannootu barbaachisa jedhan.

Hawwan ulfi marroo sadaffaaf irraa bahe qorannoo dabalataa barbaachisa jedhan.

Ministirri dhimma fayyaa dubartootaa Nadinii Doriis, waa’ee ulfa bahu wayita dubbattetti ’’ulfi garaa bahuun daa’ima dhabuu jechaan ibsuu ol gaddisiisadha,’’ jetti.

Sababii kanaaf jecha saffisaan ka’umsi ulfi garaa bahuu maal akka ta’e adda baasuufi deeggarsa barbaachisu kennuuf hojjachuurratti argamna jedhan.

Barruun qo’annoo kana maxxanse Lancet ulfa bahu hambisuurratti fooyya’insi gama wal’aansa fayyaan dhabamuu ‘’rifaasisaadha’’ jedha.

Itti dabaluun ‘’barri dubartiirraa wayita ulfi bahe, ammas irra deebi’i yaali jedhan goolabameera,'' jedha dhaabbati kun.

Qorannichi akka akeekutti, namoonni ulfi bahuun of ajjeesuuf yaalan, mukaa’uu garmaaleef saaxilaman, dhiphatan guddaa ta’uu eere.

Dubartiin marroo saddeetiif ulfi irraa bahe Chaarlot ijoollee lakkuun da’a jettee eegaa turte, wayita ilaallamtetti garuu ulfi sun irraa bahutu itti himame.

Gadditee iyyitee bo’uu dubbatti Chaarlot. ''Yeroo sana jiraachuu koon of jibbe.''

Charlot wayita lubbuu ofii dabarsuuf kaatetti dhiphina ulfi irraa bahuun ishe mudate hordofuun wal’aansa argatteetti.

Ilma dhiiraa fayya-qabeessa tahe Ansel jechuun moggaasan bara darbe keessa argatte.

Kana hordofees muxannoo ishee ifatti dubbachuu eegalte.

''Ilma argachuu kootti hedduun gammada, nan carroome.''

''Nama mara miti kan carraa kana argatu,'' jette Charlot.