Lola Tigiraay: Birrii Bil. 6.7 ol TPLF akka yakka ittiin hin raawwachiifne, hin miliqsne godhameera- Abbaa Alangaa

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa Birrii Billiyoona 6.7 ol ta'u, Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) akka hojii yakka ittiin hin raawwachiisneefi karaa seeraan alaa hin miliqsine ittisuun danda'ameera jedhe.

Abbaan Alangaa Waliigalaa ibsa Kibxata baaseen A L I Sadaasa 24, 2013 guyyaa haleellaan Humna Ittisa Biyyaa Iizii Kaabaarratti raawwatamee kaasee hordoffiifi qorannoo qabeenyarratti taasiseen Birrii Biliyoona 6.7 ol TPLF akka yakka ittiin hin raawwachiifneefi karaa seeraan ala hin miliqsine gochuun danda'amuu himeera.

Kana malees, maallaqni TPLF Birrii miliyoona 95.5 ol ta'u karaa seeraan akka murteen dhaalamuu itti kennamuuf qaama ilaallatutti dabarfameera jedheera.

Dhaabbileen TPLFn to'atamaa turaniifi maallaqaafi qabeenya isaanii kaayyoo seeraan alaatiif itti gargaaramuu danda'u jedhamuun shakkaman, akkasumas qodaaltota waraanaafi aanga'oota biroo lolicha keessatti hirmaatan irratti hordoffiifi qorannoo qabeenyaa taasifameen hojiin bu'a qabeessa ta'e galmaa'uu Abbaa Alangaa Waliigalaatti Daarektarri Janaraalaa Qabeenya Seeraan ala Hortaman Deebisuu Obbo Alam-aantee Agidawu ibsaniiru.

Akka ibsa Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kanatti, maallaqaafi qabeenya warreen biyya isaanii ganuun TPLF waliin hiriiran jedhe irratti hordoffii taasifameen, qabeenya socho'aniifi hin sochoone dabalatee ajaja mana murtiittiin akka dhorkaman taasifameera.

Hordoffiifi to'annoo dhaabbata Effart jalatti bulaniifi kanneen biroo hidhata walin qaban irratti taasifameen walumaagalatti maallaqni Birrii Biliyoona 4.2 ol akka mana murtiidhaan dhorkamu ibsi Abbaa alanaa kun eeree jira.

Dabalataan, Konkolaataawwan fe'isaa gurguddoo Birrii Biliyooona 2 olitti tilmaamamu ajaja mana murtii baasuun tumsa seeraa mootummaa Jabutii waliin taasifamun akka gara biyyaatti deebiyanis taasifamaniiru jedha.

Haaluma kanaan maallaqniifi qabeenyi Effart, "gocha yakkaa biroo ittiin raawwachiisuuf akka hin oolle hojiin hojjetamuu," kan ibse Abbaab alangaa, qorannoon yakkaafi qabeenyaa xumuramee hanga manni muri murtee dhumaa kennutti dhaabbileen Effart Boordii Abbaa Imaanaa walabaa mana murtiidhaan muudaman jalatti hojii seera qabeessa ta'e qofa akka hojjetan hordoffiin taasifamaa jira jedhameera.

Kanaan alattis, Abbaan Alangaa Waliigalaa, "aanga'oota garee TPLF keessa turaniin to'annoon kallattiin taasifamaa ture" kan jedhaman waldaalee hawaasaa sadiirratti qorannoo taasifameenis Birriin Miliyoona 400 ol ta'uufi sheeriin Birrii Miliyoona shanii oliin bitame mana murtiin dhorkamee bulchiinsi walabaa muudameefii maallaqa waldaalee kanneen irratti hordoffiin taasifamaa jirachuun ibsameera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa TPLF fincila keessatti hirmaateera jechuun galmeerraa haquu hordofees, bu'uura seeraan qabameen baasiin dhaabicharra ture kaffalamee booda maallaqni hafu barnoota lammummaafi namoota filataniif akka oolu Boordichichaa dabarfamee kennamuu Alam-aanee Agidawu ibsaniiru.