Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turkimenistaan: Biyya saree mallattoo biyyaalessaa taasifattee kabajju beektuu?
Biyyi giddugaleessa Eeshiyaa, Turkimenistaan guyyaa ayyaana haaraa tokko kabajaa jirti. Biyyi qabeenyaa boba'aatiin badhaate tunis sanyii saree tokkoof guyyaa kabaja biyyaaleessaa labsite.
Biyyi tunis sarbama mirga namoomaafi hir'ina dimokraasitiin maqaanshee irra deddeebiin ka'a.
Amma garuu kabaja sanyii saree tokkootiif guyyaa ayyaana biyyaaleessaa haaraa labsite. Sanyiin saree kanaas Alaabaay jedhama.
Sareen kunis gosa saree Veeperdi yoo ta'u, biyyattii keessattis baroota hedduuf akka sanyii saree addaatti fudhatamuun kan jaalatamuudha.
Kanaafuu guyyaa Dilbataa saree kanaaf ayyaan kabajamuun alattis badhaasin illeen kennameefii jira.
Pirezidaantiin biyyattii Gubaangulii Bardiimukaamedov waa'ee barbaachisummaa sanyii saree kanaa sadarkaa biyyaaleessatti kabajuu jajuun, sareen kunis kabaja biyyaaleessaa keenyas jedhan.
Sirna kabaja guyyaa biyyaaleessaa saree Dilbataa sanarratti dorgommiin bareedina saroota gaggeeffameera.
Itti aansees dorgommiin saroota si'aa ta'an kan dhaabbii fi haala sochii isaaniitiin madaaluu agarsiisuun sirni beekamtii kennu gaggeeffameera.
Pirezedant Berdimukamedoov saroota amanamoofi daangaa biyyattii cimsanii eegan jajjabeessuuf badhaasa meedaaliyaa kennaniiru.
Badhaasa kenname sana ibsaa kan ture ilma pirezedaant Berdimukamedoov fi Ministira Muummee ittaanaa biyyattii Serdar Berdimukamedoov turan.
Biyya tana keessattis guyyaan biyyaaleessaa kanuufiin kabajamaa kan jiru saree Alaabaay kan qofaa osoo hintaane sanyii farda Ahaal Teek jedhamus calaqqee kabaja biyyaaleessatti jedhameera.
Jidduugalli horsiisa saree Alaabaay magaalaa guddoo biyyattii Ashigaabaat keessitti baname pirezidaantichaan eebbifamuun saaqameera.
Turkimenistaan keessatti sanyiin saroota kanaa hawaasa horsisee bultoota biratti kan jaalataman yoo ta'an, addunyaarratti sanyiin isaanii baayyee guddaa ta'utuu himama.
Jiddugalaan sareen Alaabaay tokko amma kg 80 akka ulfaatu tilmaamama.
Bara darbe ammoo pirezedaanti Berdimukamedoov siidaa saree Alaabaay warqeen irraa hojjatameefi dheerina meetire jaha qabuu magaalaa guddittii biyyatti keessatti dhaabuun eebbisiisanii ture.
Magaalaan guddoo biyyattii Ashaagaabaatis siidaawwan sarootaafi fardaa hedduu qabdi.
Pirezedant Berdimukamedoov bara 2007 aangoo pirezdantummaa erga qabatee as abbaa irree fi eenyummaa ofii ijaaru akka ta'etti ilaalama.
Turkimenistaan addunyaarratti biyya bilisummaan keessatti hin kabajamne tkeessatti akka argamtu 'Freedom House' ibseera.
Pirezedaant Berdimukamedoov, kennaa fardaa ykn buchillaa saree hooggantoota biyyoota biroof irraa deddeebiin kennuudhaan nama yaadamudha.