Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taayilaanditti sareen daa'ima lubbuun awwaalamte baraarte
Daa'ima haadha isaa waggaa 15nin kaaba Taayilaanditti lubbuun otoo keessa jirtuu awwaalame jedhame dha sareen kan baraarte.
Haati ulfa ishee maatiin akka hin barreefi jecha dha kan daa'ima dhiiraa kana kan awwaalte.
Sareen Piing Poong jedhamtu ganda Baan Noong Kahaam keessatti iyyaa lafa qotaa ture. Abbaan qabeenya saree ''achii miila daa'imaa lafa keessaa mul'atun arge'' jedhan.
Namooti naannoo, daa'ima battaluma sana gara hospitaalaa geessan, doktaroonni erga isa qulqulleessaniin booda fayyaa tahuu himan.
Abbaan qabeenyaa Usaa Nisaa'ikahaa sareensaa Piing Poong konkolaataan isa dhahee miila isaa tokkoo akka dhabe dubbata.
Gaazexaa biyyatti Kaahoosod jedhamutti ''amanamaafi ajajamaa gatii taheef hanga yoonaa na faana ture, yeroon qe'ee oolus ana faana loon tiksa. Namni asii hundi isa jaalata. Saree ajaa'ibaati'' jedhan
Haati mucaa, daa'ima gatuufi ajjeesuuf yaaluun himatamtee jirti.
Qondaalli buufata poolisii Chuum Fuu'aang, Paanuwaat Putaakaam, haati mucaa maatiifi ogeessa xiin-sammuun kunuunsamaa jirti jechuun gaazexaa Bangkok Post
Gochaa isheettis akka gaabbite himeera.
Maatiin haadha mucaa, daa'ima guddisuuf murteessaniiru.